Sirna Dhuyyaa
Hoosiftoota keessatti, sirni dhuyyaa toora ujummoolee haphii kanneen akkuma ujummoo dhiigaa, gara tishuuwwan qaama guutuu keessatti damee ta'aniidha. Qaama sirna madiinummaa ti . Sirna karaa tokkoo kan lubbiyyoo fi dhangala’aa gara sirna dhiigaatti deebisudha.
Ujummoon dhuyyaa dhuyya, dhangala’aa halluu hin qabnee fi bishaan fakkaatuu fi lubbiyyoo dhiiga adii qabatu . Dhangala’aa keeslubbiyyoo tishuu keessa jiru irraa kan dhufu yoo ta’u kunis ujummoo dhiigaa keessaa cuunfamee ba’a. Sirni dhuyyaa lubbiyyoo infekshiniin lolan madhuyya(limfoosaayitii) jedhaman geejjiba, akkasumas faagosaayitiidhaan wantoota alagaa fi caccabaa lubbiyyoo balleessuu keessatti hirmaata. Hojiin inni lammaffaan cooma marrimaan xiqqaa irraa gara dhiigaatti geessuudha .
Dhangala'aan dhuyyaa tishuuwwan irraa walitti qabamee gara dhuyyama dhuyyaa huutuu ta'etti seena . huuttun kunniin dhuyyaan karaa sirrii ta’een akka yaa’u mirkaneessu. Karaa gara sirna dhiigaatti deebi'u, dhuyyaan xannachoota gonanaa(lymph node) jedhaman keessa darba, bakka akka dugda mormaa, boobaa fi mudaammuddiitti(groin) argama. dhuyyaan naannoo kutaa qaamaa dhukkuba kanaan qabame tokkotti dhiita’a. Kunis infekshinichi ykn bacawwii akka hin babal’anneef hojjeta. dhukkubfiddota gara marsaa dhiigaa waliigalaa keessa akka hin seenne fi kutaalee qaamaa biroo akka hin geenye ni dhorka ykn ni hir’isa.
dhuyyaan sirna dhiigaa keessatti deebi'ee xumurama. Hoosiftoota haala idilee ta’an keessatti, dhuyyaan harki caalaan isaa karaa qunnamtii dhuyyaa ujummoolee dhiiga deebistuu (lymph-vein) bu’uura mormaa irratti argamuun gara dhiigaatti deebi’a. Bineeldootni lafee dugdaa qaban tokko tokko sirna dhuyyaa walxaxaa ta’e qabu. fakkeenyaaf lafbisheewwan dhangala'aa dhuyyaa to'achuuf,"onnee dhuyyaa" hedduu qabu.
Ruqoolee sirna dhuyyaa
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Dhuyya
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Dhuyyi dhangala’aa halluu hin qabnee fi sirna dhyyaa guutuu keessatti naanna’uudha. Gaheen sirna dhuyyaa inni guddaan imii(microbe), xurii jirtii, summii fi caccabaa biroo irratti akka calaltuutti hojjechuudha. madhuyya qaama guutuu keessatti kan bacawwii(infection) ofirraa ittisan ni baata.
Bineeldaafi nama keessatti dhangala’aan lubbiyyoo ala (dhangala’aan lubbiyyoo ala jiru) dhangala’aa gidduu (dhangala’aa tishuu gidduu jiru) fi areerroo(plasma) jedhamuun qoodama. Wantoota xixiqqoo bishaan keessatti bulbulaman kanneen lubbiyyoo tishuu gidduutti yaa’an of keessaa qaba. Pilaasmaa fi dhangala’aan gidduugaleessaa lamaan isaanii iyyuu wal jijjiirraa walitti fufiinsaan bulbulamoo xixiqqoo, bishaanii fi ayoonota dallaa rifeensoo(capillary) gummeewwanii qaxxaamuranii waan jiraniif walfakkaata.
Dalagaalee dhangala’aa seelota gidduu akka armaan gadiitti:
- sooree gara lubbiyyoo geessuuf kan ooludha.
- Walqunnamtii lubbiyyoo gidduu jiru dandeessisa.
- Xurii nadheefa lubbiyyoo keessaa ni balleessa.
Dhangala’aan seelii gidduu jiru sirna dhayyatiin walitti qabamee kan hafe ammoo ni ba’a. Dhangala’aan dhangala’e gara ujummoo dhiigaatti deebi’ee dhangala’aan hafe karaa rifeensoo limfiitti walitti qabama.
Qabiyyee Dhuyyaa
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Areeroo dhuyyaa(Lymph Plasma):- Limfiin dhangala'oo seel-gidduudha. Qabiyyee albuudaa akkuma Areeroo keessatti argamu qaba. Kaalsiyeemii xiqqaa, burqata dhiigaa muraasa, badaatu(phosphorus) xiqqaa fi guluukoosii baay’ee of keessaa qaba. Burqatni giloobuliinii kanneen farra qaama alagaa ta’an areeroo dhuyyaa keessatti argamu. Wantoonni biroo wantoota orgaanikii fi inorganik ta’an of keessatti qabatu. Jijjiirraan soorataa fi gaazota dhiigaa fi seelii tishuu gidduutti karaa dhuyyaan raawwatama.
Nafa dhuyyaa(Lymph Corpuscles):- Isaan kun lubbiyyoo dhiiga diimaa fi amiibooyidii of keessaa qabu. Madhuyya addaa qaama namaa keessatti deebii ittisa qaamaa kakaasuu keessatti hirmaatan of keessaa qaba.