Lafqubeellaa
Lafqubeellaa ykn Bakkalmartii (Saatarnii; mallattoo: ): Sirna Biiftuu keessatti bakkallee Aduu irraa 6ffaarratti argamtuu dha. Saaturniin jeema isarratti Aduun naannaa'ee xumuruuf gara waggaa lafaa 29.5 itti fudhata. Guyyaan Bakkalmartii irratti argamu guyyaa lafaa caalaa baayyee gabaabaa yoo ta'u, gara sa'aatii 10.7 qofa kan turudha. Kana jechuun Saatarniin lafa caalaa baayyee saffisaan ofirra naanna'a.Bakkalmartiin bakkaleelee gurguddoo afran Sirna Biiftuu keessa jiran keessaa tokko yoo ta'u, Ejabula(Jupitarii), Falaqoo (Yuuraanosii) fi Dotila (Neeptuunii)n qaba. Sirna Aduu keessatti pilaaneetii guddittii lammaffaadha (Jupiter isa guddaadha).
Saturn maqaa waaqa qonnaa Roomaa Saturn jedhamuun irraa moggaafame. Inni waaqa Giriikii Kronos jedhamu kan Roomaa wajjin wal gitu ture. Mallattoon Saturn ''♄'' yoo ta'u kunis mallattoo haamtuu Saturnus ti. Jechoonni Afaan oromoo Lafqubellaafi Bakkalmartii jedhuu hamartii ykn qubbeellaa saatarniin ibsuuf kan moggaafameedha.
Qabiyyee
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Hundhuuri Bakkalmartii tarii kompaawundoota quraata, niikeelii, silikoonii fi oksijiinii kan of keessaa qabuu fi, baqqaana yaabbuu haaydiroojiinii sibila'aan kan marfameefi, sana booda baqqaana haayidiroojiinii dhangala’aa fi heeliyeemii dhangala’aa fi dhumarratti, baqqaana gaazii alaa kan qabuudha. Sababa irra caala qaama isaa qileensiyyee ta'eefi ejabula fakkaatuuf bakkalleewwan Jooviyaanii ykn Ak-ejabuloo jedhamuun beekkamu
Qubellaalee
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Bakkaltichi qubeellaawwaan naannawa isaatii argamaniin beekkama. Qubeellaawwan kunnin mudhii Bakkalmartii(saturn) irraa fageenya 6630km hanga 120700kmtti argama.Tokkon tokkon Qubeellaawwan Bakkalmartii balina hanga 20m qabu.irra jireessaan qubeellawwan kunniin bishaanii fi cabbii irraa dalagaman.