Dhukee
Dhukee akkaataa fangasii fi biqiltoonni sanyii hin qabne tokko tokko ( kaarroo fi moosii ) itti wal hormaatanidha . Akkasumas yeroo dheeraaf lubbuun jiraachuuf baakteeriyaadhaan kan hojjetamanidha. Pirootozowaan tokko tokkos dhukeewwan yeroo dheeraaf lubbuun jiraachuu danda’an ni uumu.
dhukeewwan biqiltoota sanyii lubbiyyoo tokkicha ta'anii gara bullaa daraara ykn Biqila saallubbiyyaawaa biqilanqaaquu(ovule) keessaatti guddatan . Caasaan sanyii biqiltoota ol’aanoo keessatti dhukeewwan caalaa walxaxaa dha. 'Kalaqni' sanyii inni guddaan soorata isaan miciree guddachaa jiruuf, kan dhukeewwan hin qabneedha.
Dhukeewwan Gosukkoo
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Gosukkoo (fakkeenyaaf, habuuttaa ) dhukeewwan kan uumu yoo ta’u, kunis alsaalawaa ykn saalawaa ta’uu danda’a. dhukeewwan alsaalawaa kun micirjirtiiwwan haaraa guutummaatti warra isaa wajjin wal fakkaatu gochuuf meeshaa jeneetikii of keessaa qabu.
Qummee kornaalaa(Conidia) saal-malee, dhukeewwan hin sochoone kan fangasii ; akkasumas akkaataa adeemsa lubbiyyoo hirqixxoon itti uumaman irraa kan ka'e dhukee hirqixxoo(mitospore) jedhamu . Isaan lubbiyyoota baadirqeenxeen jeneetikiidhaan warra baadirqeentee(haploid) wajjin walfakkaataniidha, yoo haalli mijataa ta’e gara orgaanizimii haaraatti guddachuu danda’u, fi faca’iinsa keessatti tajaajilu.
Dhukeewwan baakteeriyaa
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Dhukeewwan baakteeriyaa garmalee dandamatu. Fakkeenyaaf, dhukoonni teetanasii fi antraksii, biyyee keessa waggoota dheeraaf jiraachuu danda’u. Ka’umsi dhukoonni kanaa kan argame jaarraa 19ffaa keessa yoo ta’u, yeroo ogeessi baayoloojii tokko shifargaa jalatti qaama xiqqaa geengoo fi ifaa lubbiyyoo baakteeriyaa keessa jiru hubate. Kunis baakteeriyaan kun daqiiqaa shanif yeroo bilcheefamullee lubbuun hafeera. Kunis baakteeriyaa ajjeese malee ispoorota hin ajjeesne. Yeroo haalli sirrii ta’etti biqilan. [1] fuula 186
Dhukeewwan biqiltootaa
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Biqiltoonni wal jijjiirraa dhalootaa qabu . Dhaloota keessaa tokko Margoodhukee kan ispoorota saaliramni kan uumu yoo ta'u inni kaan ammoo gaameetoofaayitii kan gaameetota oomishudha .
Wabiiwwan
[gulaali | lakkaddaa gulaali]- ↑ Kornberg, Arthur 1989. For the love of enzymes: the odyssey of a biochemist. Harvard.