Public Health">
Qur'aana Qulqulluu Irraa Tafsiira Juz'iiwwan Sadan Boodaa
Qur'aana Qulqulluu Irraa Tafsiira Juz'iiwwan Sadan Boodaa
Qur'aana Qulqulluu Irraa Tafsiira Juz'iiwwan Sadan Boodaa
Nr
1. 0
2
4
70
5. Hojii Qalbii 86
6.
96
7. 112
114
9. 116
10. 121
11. Dahaa 122
12. 123
13. 127
14. 134
15. 137
16. 140
17. 145
18. 146
19. 152
20. 160
21. 163
22. 169
23. 171
24.
174
25. 181
26. 185
27.
28.
29.
2
3
6
7
(59 FFAA )
BOQONNAA
9
12
13
(BOQONNAA
62 FFAA )
17
20
(BOQONNAA
65 FFAA )
22
23
24
25
(BOQONNAA
76 FFAA )
26
27
28
29
(BOQONNAA
70 FFAA )
33
34
36
(BOQONNAA
72 FFAA )
37
39
40
43
(Rabbiin kana godhe) kun du'aa
jiraachisuu irratti hin danda'u jettuu?
(BOQONNAA
76 FFAA )
(BOQONNAA
77 FFAA )
46
47
48
)
(BOQONNAA
79 FFAA
(BOQONNAA
81 FFAA )
52
53
FFAA)
(BOQONNAA
84
FFAA)
(BOQONNAA
85
(BOQONNAA
86 FFAA )
56
(BOQONNAA )
87 FFAA
57
(BOQONNAA
88 FFAA )
58
(89 FFAA)
BOQONNAA
59
FFAA)
(BOQONNAA
90
60
(BOQONNAA
92 FFAA
)
( )
BOQONNAA
91 FFAA
61
(BOQONNAA
96 FFAA
)
(BOQONNAA
95 FFAA )
63
(BOQONNAA
97 FFAA
)
(BOQONNAA
98 FFAA
)
64
(99 FFAA )
BOQONNAA
101 FFAA )
(BOQONNAA
(BOQONNAA
105 FFAA )
106 FFAA )
(BOQONNAA
(BOQONNAA
107 FFAA )
104 FFAA )
(BOQONNAA
67
(BOQONNAA
108 FFAA )
109 FFAA )
(BOQONNAA
2
“Kawsar” laga jannata keessa jiru kan Rabbiin
110 FFAA )
(BOQONNAA
kabajaaf nabi Muhammadii fi uumata isaanitiif taasise.
8
Akkuma isin amantii keessan jaallattan, anis amantii
kiyya nan jaalladha. Amantiin keessan Rabbii wajjin
wantoota biraa gabbaruu dha.
68
(BOQONNAA
112 FFAA )
Niitiin Abuu Lahab Ummu Jamiil binti Harb yoo
3
jedhamtu obboleettii Abuu Sufyaan turte. Qoree fi
gufuuwwan adda addaa karaa nabiyyii irratti halkaniin
gatuun isaan rakkisaa turte.
111 FFAA )
(BOQONNAA
2
Abuu Lahab abbeeraa nabiyyii yoo ta’u maqaan isaa
Abdul Uzzaa jedhama.
69
(BOQONNAA
113 FFAA )
114 FFAA )
(BOQONNAA
70 QABXIILEE JIREENYA HAWAASA
MUSLIMAA KEESSATTI BARBAACHISAN
1 Muslimni Amantii Isaa Eessaa Fudhata? Kitaaba Rabbii () fi Hadiisota
qulqulluu kan nabiyyii Isaa () irraa fudhata. Rasuullimmoo ofirraa fuudhanii
hin haasa’an, “wahyii itti buufamu qofa dabarsu malee.” Akki sahaabotaa fi
salafoonni dabran gaggaariin itti hubatanis akkuma kana ture.
2 Yeroo Wal Dhabnu akkam goona? Gara shari’aa (haniif) ta’eetti deebina.
Isaan buluu jechuun kitaaba Rabbiitii fi sunnaa nabiyyiitiin buluudha. Rabbiin
() akkana jedha:- (Dhimma wayii keessatti yoo wal dhabdan gara Rabbii
fi ergamaa Isaa deebisaa). Nabiyyiinis () akkana jedhu:- “Waa lama kan yoo
ittiin bultan hin jallanne isinii dhiiseera; isaanis kitaaba Rabbiitii fi sunnaa
(hadiisa) nabiyyiiti.” (Almuwaxxa’)
3 Gareen guyyaa qiyaamaa milkooftu isii kami? Ergamaan Rabbii ()
akkana jedhu:- “ummanni kiyya garee torbaatamii sadiitti qoodamti, garee
tokko malee hunduu ibidda seenu. Yaa ergamaa Rabbii! isiin sun tami?
jedhaniin. ‘Warra karaa anaa fi sahaabonni kiyya irra jiran qabatan’ jechuun
deebisan.” (Ahmadii fi tirmiizii) Karaan haqaa isa nabiyyii () fi sahaabonni
isaanii irra turani. Kanaaf, yoo milkaa’u fi hojiin kee akka fudhatama argatu
feete isaan hordofuu fi “bid’aa” ykn waan isaan irraa hin mirkanaa’in hordofuu
irraa fagaachuu qabda.
4 Ulaagaaleen Fudhatama Argachuu Hojii Gaarii Maal Fa’a? Ulaagaaleen
kunniin (1)Rabbii �i tawhiida Isaatti amanuu: mushrika irraa hojiin hin
qeebalamu. (2)Ikhilaasa (Rabbiif qofa qulqulleessuu): hojichaan fuula Rabbii
qofa barbaaduu. (3) Nabiyyii hordofuu: akkaataa isaanirraa dhufeen hojjechuu
fi karaa Inni ajajeen ala Rabbiin gabbaruudhabuudha. Waan dubbatame
lamaan keessaa tokko yoo dhabame hojichi fudhatama hin qabaatu. Rabbiin
() akkana jedha:- (Gara waan isaan (kufriin) dalaganii dhaquudhaan
ergasii dikee bittinnaaye isa taasifna).
5 Sadarkaawwan Amantii Islaamaa Hangami? Sadarkaawwan amantii
islaamaa sadihi:-isaanis Islaamummaa, Iimaanaa fi Ihsaana jedhamu.
6 Islaamummaan Maali? Utubaaleen Isaahoo Hangam? Islaamummaan
Rabbi tokkichatti harka kennachuu, ajaja Isaa raawwachuu keessatti
qajeelfama Isaa hordofuu, akkasumas shirkii fi warra shirkii hojjeturraa
qulqullaa’uudha. Utubaaleen isaa shani:- Nabiyyii () hadiisa isaanii kana
keessatti akkana jedhu: “Amantiin Islaamaa waa shanirratti ijaarame: Rabbiin
malee gooftaan haqaan gabbaramuu qabu kan biraa akka hin jirree fi
Muhammad ergamaa Isaa ta’uu isaanii ragaa bahuu, sagadaan dhaabbachuu,
zakaa kennuu, hajjii gochuu fi ramadaana soomuudha” (Bukhaarii fi Muslimtu gabaase)
7 Iimaanni maali? Utubaaleen Isaahoo Hangami? Iimaanni yaada qalbiiti,
jecha arrabaati, dalagaa qaamaati, ajaja Rabbii raawwachuudhaan ni dabala,
cubbuu hojjechuudhaanimmoo ni hirdhata. Rabbi () akkana jedha:- (Akka
iimaana isaaniirratti iimaana dabalataniif…) Ergamaan Rabbiis () akkana
jedhu:- “Iimaanni damee torbaatamii wahitti qoodama, irra caalaan isaa jecha
‘Laa ilaaha illallaah’ jedhu yoo ta’u irra xiqqaan isaammoo waan nama rakkisu
karaarraa kaasuudha. Saalfiinis damee iimaanaarraa isa tokko.” (Muslimtu gabaase)
Rabbi() akkana jedha:- (hojii gaggaariin hojii gaggadhee ni dhabamsiisa).
71
22 Alkhabiiru Keessa Beekaa : kan beekumsi isaa waa hunda marsee jiru
ä� �Ój�Ç�€a
23 Alfattaahu Kan Banu/ Injifachiisu: kan dilbii qabeenya isaa abbaa fedhee
�Äb�n�–�€a banee mootummaas ta'ee qabeenya harka abbaa fedhee kaa'u.
24 Al’aliimu Irra Beekaa: kan keessaa fi duuba waa hundaa, wan darbeef waan
�·Ó�‹�»�€a sichi dhufu kan beeku
25 Albarru Akkaan Tola-Oolaa: qananiin isaa lakkoofsa hin qabneefi kan
�ä�j€a wareegni isaa dhugaa ta'e
26 Alhakiimu Beekaa Murtii: kan waan hundaa bakka isaaf malu kaa'u.
�·�Ó�ÿ�z�€a
27 Alhakamu Haqa Murteessaa: kan haqaan murteessuufi akka namni ittiin
�·�ÿ�z�€a murteeffatuuf jecha kitaaba haqaa kan buuse
28 Ashaakiru Galateeffataa: nama isa galatoomfatu kan faarsuufi waan xiqqoo
�ä�◊b�í€a hojjetan kan namaa qeebalu.
29 Ashakuuru Galateeffama: kan hojii gabricha isaa baayiseefi mindaa isaa
�âÏ�ÿ�í€a dabaluuf
30 Aljamiilu Miidhagaa: Innis ,maqaan isaatiifi haalli isaa bareedaa kan ta'e
�›�Ó�‡�v�€a
31 Almajiidu Ulfaataa: samii keessattis dachiirratti kan kabajamuuf ol'ta'iinsi kan
ÜÓ�v�‡�€a isaaf malu.
32 Alwaliyyu Jaalallee Hundaa: kan dhimma gabricha isaa raawwateefi
�Ô�€�Ï�€a gargaaru.
33 Alhamiidu Galatoomfatamaa : kan maqaa isaatiinis ta'e,haala isaa akkasumas
�ÜÓ�‡�z�€a hojii isaarratti galatoomfatamaa kan ta'e
34 Almawlaa Jaalallee/Gargaaraa : gooftaa, mootii, akkasumas kan gabroottan
Û�€�Ï�‡�€a isaa gargaaru.
35 Annasiiru Tumsaa: kan nama inni tumseef wanti mo'atu hin jirre.
ä�Ó�ñ�‰€a
36 Assamii’u Dhaga’aa: dhaga'aa icitiis ta'e sagaleen kamiyyuu kan isa jalaa hin
�…Ó�‡�é€a
dhokanne.
37 AlbasiiruArgaa: kan argaan isaa waan hunda wal ga'eefi waa tokkollee isa
�7�ñ�j�€a
jalaa dhokachuu hin dandeenye.
38 Ashahiidu Hordofaa/Ragaa : kan uumama isaa to'atuufi tokkichummaa isaa
�ÜÓ�Ë�í€a
akkasumas haqaan murteessuurratti kan ragaa ofii bahee warra itti
amaneef ragaa bahu.
39 Arraqiibu Hordofaa Hundaa: kan haala hunda gabrootaa kan to'atu.
�kÓ�”�ä€a
40Arrafiiqu Gara-Laafaa: suuta jechuu kan jaallatuufi kan gabroottan isaatti
�’�Ó�œ�ä€a laaffisuu jaallatu.
41 Alqariibu Dhihoo Hundaa: arshii isaarra jiraachuu waajin beekumsa isaatiifi
�k�Ì�ä�‘€a dandeettii isaatiin uumama isaatti dhihookan ta'e.
42 Almujiibu Owwaataa: kan nama isa kadhateef kadhaa isaa dhagaheefii waan
�k�Ó�v�‡�€a fedhii isaatii kennuuf.
43 Almuqiitu Uumaa fi Raabsaa Yeroo fi Soorataa
�o�Ó�‘�‡�€a
44 Alhasiibu Akkaan Herregaa: kan waan gabrooti isaa barbaadan guutee waan
kÓ�é�z�€a isaan duniyaatti hojjetan aakhiraatti isaaniif kennu.
45 Almu’uminu Dhugoomsaa: kan ergamtoota isaatii ragaa bahee dhugoosuufi kan
�Â�fl�˚�‡�€a duniyaattis ta'e aakhiraatti nagaa buusu.
74
46Almannaanu Badhaasaa: kan tolli isaa guddaa, kan qananiin isaa bal'aa ,kan
�Êb�‰�‡�€a kenni isaa baay'ee.
47 Axxayyibu Gaarii: kan hiruu hundarraa qulqulluu ta'eefi kan waan gaarii
�k�Ó��€a hundaan guutuu ta'e.
48 Ashaafii Fayyisaa: dhukkuba qalbiis ta'e kan qaamaa kan fayyisu.
Ô�œb�í€a
49 Alhafiizu Tiksaa: kan gabroottan isaa eegu.
�≈Ó�–�z�€a
50 Alwakiilu Irkoo Hundaa: kan addunyaan kun hundi uumuufi sirreesuu
�›Ó�◊�Ï�€a keessattis ta'e waan hojjetaniifi waan barbaadan keessatti isatti
hirkatan.
51 Alkhallaaqu Irra Caalaa Uumaa Waa Hundaa : duras kan uumeefi gara fuul
�÷˝�Ç�€a duraatti kan uumu.
52 Alkhaaliqu Uumaa: kan utuu wahirraa hin ilaalin jalqabee uume.
�’�€b�Ç�€a
53 Albaari’u Haaraa Argamsiisaa: kan waan ofii uumee argamsiise kana ifatti
�˘�âb�j�€a baase.
54 Almusawwiru Suuraa fedhe irratti uumaa
�â�Ï�ñ�‡�€a
55 Arrabbu Guddisaa/Horataa Waa Hundaa
�l�ä€a
56 Alaziimu Ulfaataa/Guddaa/ kan maqaan isaas ta'e innis kabajamaa ta'e.
�·Ó�ƒ�»�€a
57 Alqaahiru Injifataa: kan wanti isa malee jiru hundi isaaf gadi jedhuufi kan waa
�ä�Áb�‘€a hundi isa jalatti bulu.
58 Alqahhaaru
�âb�Ë�‘€a
59 Almuheeyminu Eegaa waa hundaa kan ta'eefi kan to'atu jechuudha.
�Â�‡�Ó�Ë�‡�€a
Alaziizu
60 Injifataa: kan waa hunda ijifatuufi kan wanti tokkollee eeyyama
�åÌ�å�»�€a isaa malee hin sochoone jechuudha.
61 Aljabbaaru Abbaa humna Cimaa: kan waan fedhe bakkaan gahuu danda'uufi kan
âb�j�v€� a uumamni hundi isaaf gadi jedhuufi kan waa hundi harka isaa kajeelu.
62 Boonaa: kan hir'inaa fi waan isaa hin malle hundarraa, akkasumas
Almutakabbiru gabroottan miidhuu irraa kan ol'ta'eefi warra boonuu gadi qabee
�ä�j�ÿ�n�‡�€a kan xiqqeessu jechuudha.
63 Alkabiiru Guddaa: ofii isaatiifis ta'e maqaa isaatiinis guddaa kan waa hunda
�7j�ÿ€a caaluu fi wanti itti qixxaa'u kan hin jirre.
64 Alhayiyyu Saalfataa: saalfii isaaf malu kan saalfatu, nama isa kadhate kan
�Ô�¿Ó�z�€a harka duwwaa hin deebifne.
65 Alhayyu Jiraataa: kan jireenyi isaa guutuu ta'ee fi asirraa jalqabee asitti
�Ô�z�€a dhumaa hin qabne.
66 Alqayyuumu Of-Ga'aa: kan waan ofii gochuu barbaadu keessatti waan tokkotti
�‚�Ï�Ó�‘€a hin haajomne, kan wanti samii fi dachii keessa jirummoo isatti
haajoman
67 Alwaarisu Dhaalaa: kan erga wanti hundumtuu dhumee inni qofti hafee wanti
t�âa�Ï€a inni duniyaa kanarratti namatti kenne harka isaatti deebi'u
jechuudha.
75
68Addayyaanu Kan Jazaa Deebisu: kan uumamni hundi gara isaatti deebfamee
�Êb�Ì�Ü€a mindaa waan isaan dalaganii, yoo gaarii ta'e bay'isee, yoo gadhee
ta'emmoo akkumasaatti mindaa kennuuf ykn araaramuuf.
69 Almaliku Mootii: kan ajajuu fi dhowwuun harka isaa jiru akkasumas waan
�Ÿ�‹�‡�€a uume akka barbaade gochuu kan danda'u.duniyaas ta'e aakhiraanis
70 Almaaliku kan mootummaa isaa jala jiru jechuudha.
�Ÿ�€b�‡�€a
71 Almaliiku
�Ÿ�Ó�‹�‡�€a
72 Assubbuuhu Hunda caalaa Qulqulluu: kan hir'ina hundarraa ququllaa'e.
�ÄÏ� �j�é€a
73 Alqudduusu Qulqulluu: kara hundaan qulqulluu fi guutuu kan ta'e.
êÎ�Ü�‘�€a
74 Assalaamu Naga-qabeessa: innis nagaadha, maqaan isaas nagaadha,hojiin isaas
�‚˝�é€a nagaadha,nageenyi duniyaa fi aakhiraatti argamus isumarraati.
75 Alhaqqu Dhugaa: inni haqaan gabbaramaa ta'uu isaa keessatti
�’�z�€a tokkichummaa isaa keessatti dhugaadha.
76 Almubiinu Ifa Baasaa: inni ifa galaa waa'een isaa beekamaa ta'ee, kan waa
�Â�Ój�‡�€a hunda gabroottan isaatiif ifa galchuudha.
77 Alqawiyyu Jabaa: kan dandeettii kana hin jedhamneefi fedhii guutuu ta'e qabu.
�Ï�‘€a
78 Almatiinu Daran Cimaa: kan dandeettii cimaa qabuufi waan hojjetu keessatti
�Â�Ó�n�‡�€a rakkinni isa hin mudanne.
79 Alqaadiru Hunda Danda’aa kan wanti isa dadhabsiisu hin jirree fi inni
�â�Öb�‘�€a kan dandeettii namaaf kennu
80 Alqadiiru Danda’aa
�ä�Ì�Ü�‘€a
81 Almuqtadiru Abbaa Dandeettii
�â�Ü�n�‘�‡�€a
82 Al’aliyyu Hundaa Ol kan ta'e : dandeettiidhaanis ta'e humnaanis waanuma
�Ô�‹�»�€a hundaanuu kan hundaa ol ta'e jechuudha.
83 Al’a’alaa
Û�‹�«�˛a
84 Almuta’aalu Ol’ta’aa: kan olta'iinsa isaatiin wanti qixxaa'u hin jirre
�fib�»�n�‡�€a
85Almuqaddimu Dursaa: kan uumama isaa keessaa akka isaaf malutti kan fedhe dura
�‚�Ü�‘�‡€� a buusu jechuudha.
86 Almu’akhiru Tursiisaa: kan waan fedhe dura buusee waan fedhemmoo booda
�ä�Å�˚�‡�€a aansu, akkasumas kan adaba isaanirraa tursiisu jechuudha.
87 Almusa’iru Gatii Kennaa: gatii wantoota adda addaa kan dabalchiisuufi kan
�ä�»�é�‡€� a hir'isiisu jechuudha.
88 Alqaabidu Qabataa rizqii: kan rizqiis ta'e lubbuu ilmaan namaa of biratti qabu
�úib�‘€a jechuudha.
89 Albaasixu Bal’isaa rizqii: kan gabroottan isaa keessaa abbaa barbaadeef rizqii
�¡�çb�j�€a bal'isu, warri badii hojjetanimmoo akka gara isaa deebi'aniif harka
isaa kan bal'isuuf.
90 Alawwalu Isa Duraa/Jalqabaa : isa dura kan wanti tokkollee hin jirre, asirra
�fi�Î�˛a jalqaba jechuun kan hin danda'amneedha.
76
91 Alaakhiru Isa Maayii/Boodaa: kan isa booda wanti tokkoyyuu hin hafne,wanti
�ä�Å�a jiru hundi dhumee inni qofti kan hafu jechuudha, akkasumas jireenyi
isaa dhuma qaba kan hin jedhamne.
92Azzaahiru Mul’ataa: kara hundaan kan waan hundatti marsee jiruuf kan waa
�ä�Áb�ƒ€a hunda of jalatti bulchu jechuudha.
93 Albaaxinu Dhokataa: kan utuu uumamatti dhihaatee jiruu uumamni isaa
�Â�üb�j�€a addunyaa kanarratti isa arguu hin dandeenye.
94 Alwitru Qara: inni tokkicha kan wanti itti qixxaa'u hin jirre.
�ä�m�Ï€a
95 Assayyidu Gooftaa Hundaa: inni gooftaa waa hundaati uumamni isaa hundi
�Ü�Ó�é€a gabroottan isaati.
96 Assamadu Irkoo Hundaa: kan uumamni hundi itti haajomuufi kan isa
�Ü�‡�ñ€a kadhatanii dhimma isaanii itti dhiheeffatan.
97 Alwaahidu Tokkicha: {kan waan gaariidhaan guutamuu keessatti Tokkicha:}
��ya�πa tokkichoome,wanti isatti fakkaatu hin jiru akkuma wanti
98 Al’ahadu gabbaramuu haqa godhatu isa malee hinjirre jechuudha.
�Ü�y�˛a
99 Al’ilaahu Gabbaramaa: kan dhugaadhaan gabbaramuu isa malee kan hin
�È�€��a jirreefi wanti isa malee jiru kamiyyuu gabbaramuu hin qabu
jechuudha.
13 Maqootaa fi Ibsa-maqaalee Rabbii gidduu Adda Addummaa Maaltu Jira?
Maqaalee fi sifoota Rabbii ittiin maganfachuu fi ittiin kakachuun ga’uu keessatti
waluma fakkaatu. Garuu adda addummas qabu. Isaanis:- 1ffaa. Maqoota Isaatiin
malee ibsa-maqaalee Isaatiin maqaa moggaafachuun hin ga’u. Fkn. “Abdul Kariim”
jedhanii maqaa moggaasuun yoo hayyamamu, “Abdul Karam” jedhanii moggaasuun
garuu hin ta’u. Gara biraatiin maqaa Rabbiitiin kadhachuun ni ta’a, ibsa-maqaa
isaatiin kadhachuun garuu hin ta’u. Fkn. “yaa Kariim!” jedhnii kadhachuun yoo
hayyamamu “yaa Karamullaah” jedhanii kadhachuun hin hayyamamu. 2ffaa. Ibsi-
maqaa isaa kan maddu maqoota Rabbii irraayi. Fkn. Ibsi-maqaa “Rahmataa”
maqaa “Arrahmaan” jedhu irraa madda. Sifoota Isaa irraa garuu maqaan hin
maddu. Fkn. Sifa “Istiwaa’aa” (ol-ta’uu) irraa maqaan “Mustawii” jedhu hin
argamne. 3ffaa. Hojiiwwan Rabbii irraa maqoonni hin argaman; yoo qur’aana
fi hadiisan mirkanaaye malee. Fkn. “Alghadab” (Dallansuu) irraa fudhannee
maqaan Rabbii tokko “Alghaadib” (Dallanaa) jechuu hin dandeenyu. Sifatoonni
Isaa garuu hojiiwwan Isaa irraa madduu ni danda’u. Fkn. sifa “Alghadab” jedhu
Rabbiif ni mirkaneessina, waan “dallansuun” hojii Isaa irraa ta’eef.
14 Maleeykotatti Amanuu Jechuun Maal jechuudha? Jiraachuu isaanii jala
muranii fudhachuudha. Rabbiin () akka Isa gabbaranii fi ajaja Isaa
raawwataniif jecha isaan uume. (Gabroota kabajamoo dha; jecha
takkaanillee Isa dura hin darban; isaan ajaja Isaatiindalagu).
Isaanitti amanuun qabxiilee kanatti aanan qabata:- (1)Jiraachuu isaanii amanuu
(2) Isaan keessaa warra maqaa isaanii beeknu kan akka Jibriil itti amanuu
(3) Haala isaanii irraa waan beeknutti amanuu; fkn. Akka uumamni isaanii guddaa
ta’uu (4) Hojii isaanii kan adda isaan godhu irraa waan beeknutti amanuu.
15 Qur’aanni Maali? Qur’aanni jecha Rabbii () kan isa qara’uun ibaada ti.
Isa irraa dhufe, garuma isaatti deebi’as. Rabbiin qubee fi sagaleenis ufii
77
akkana jedhu:- “Rabbiin warra samiiwwan Isaati fi warra dachii isaa keessaa
hunda odoo adabee, isaan miidhe hin jedhamu. Odoo rahmata isaanif godheellee
rahmata Isaatu dalagaa isaaniirra caala. Ammas odoo meeta (worqee) hanga
gaara Uhud ga’ullee karaa Rabbii keessatti sadaqattee hanga “qadaritti” amantutti
Rabbiin sirraa hin qeebalu. Akkasumas wanti si tuqe sindhabu jechuu, wanti sin
tuqin ammoo sin tuqu jechuu hanga amantutti Rabbiin sirraa hin qeebalu. Odoo
waan kana ala ta’e irratti duutee ibidda seenta.” (Ahmadii fi Abuu Daawud)
Qadaratti amanuun dhimmoota afur qabata:- (1) Rabbiin waan hunda
tokko tokkoonis ta’ee walitti qabaatti akka beeku amanuu. (2) Rabbiin kana
“Lawhal Mahfuuz” keessatti akka barreesse amanuu, Nabiyyiin() akkana jedhu:-
“Rabbiin akkaataa uumamni itti jiraatu (qadara) waggoota kuma shantama
samiiwwanii fi dachii dursee uume.” (Muslim). (3) Fedhii Rabbii kan
raawwatamaa ta’ee homtuu isa deebisuu hin dandeenye, dandeettii Isaa kan
homtuu isa hin dadhabsiifnetti amanuudha; wanti Inni fedhe ni ta’a, wanti Inni
hin fedhin hin ta’u. (4) Rabbiin waan hunda kan uume fi argamsiise Isa akka
ta’ee fi wanti Isaan alaa hundi uumama Isaa akka ta’e amanuudha.
26 Uumamni daneettii fi Fedhii Haqiiqaa Qabaachuu ni Danda’aa? Eeyye,
ilmi namaa fedhii fi filannoo mataa ofii qaba, garuu fedhii Rabbiitii ala ba’uu
hindanda’u. Rabbiin () akkana jedha:- (yoo Rabbiin fedhe malee isin homaa
hin feetan). Nabiyyiinis () akkana jedhu:- “Dalagaa; hunduu waanuma
uumameef waan laaffifamaaf.” (Bukhaari fi Muslim) Rabbiin sammuu, gurraa fi ija
kan nuuf kenne akka gaari fi gadhee addaan baafannuufi. Kanaaf namni
sammuu qabu tokko hatee ergasii kana Rabbitu narratti katabe ni jedhaa?
Odoo akkas jedheellee namni isarraa fudhatu hin jiru, adabamee adaba kanas
Rabbumatu sirratti katabe jedhama. Qadara irratti sababaa dhiyeessun hin
ga’u; yoo dhiyeessanis soba ta’a. Rabbiin () akkana jedha:- (Isaan shirkii
hojjatan ni jedhu: ‘odoo Rabbiin fedhee shirkii hin hojjannu; abbootin keenyas
(hin hojjatan); homallee haraama hin goonu’. Warreen isaan duraas akka
kanatti (ergamtootaa fi kitaabota isaanii) kijibsiisan.
27 Ihsaanni maali? Nabiyyiin () ihsaana (tolina) irraa gaafatamanii akkana
jedhan:- “Rabbiin akka waan argituutti gabbaruudha; yoo ati Isa arguu baattes
Inni si arga.” (Muslim) Sadarkaawwan amantaa sadan keessaa kun isa ol'aanaadha.
28 Tawhiidi bakka Meeqatti qoodama? bakka sadiitti qoodama:
(1)Tawhiida Gooftummaa (Rabbummaa)- kun Rabbiin hojii Isaa kan akka
uumuutiin, soorata kennuutiin, jiraachisuutiin, kkf adda ykn kophaa ta’uu Isaa
dhugoomsuudha. Kuffaaronni ergamuu nabiyyii () dura kutaa tawhiidaa
kana itti amanu turan. (2) Tawhiida Gabbaruu (uluuhiyyaa)- kun ibaadawwan
akka sagadaa, wareegaa, sadaqaa fi kkf Rabbiin adda ykn kophaa gochuudha.
Ibaadan Rabbiin tokkochoomsuf jecha ergamtoonni ergamanii, kitaabonnis
buufaman. (3)Tawhiida Maqoota fi Sifaataa - kun maqoota babbareeda fi
sifaata kabajamoo irraa waan Rabbiin ufiif mirkaneesse fi ergamaan Isaas
Isaaf mirkaneessan irraa hirdhisuu, hiika dhabsiisuu, akkaataa itti gochuu fi
wahitti Isa fakkeessuun ala akkuma dhufanitti mirkaneessuudha.
81
sodaatu turan. Ibni Abii Muleeykaan (RR) akkana jedha:- ‘Sahaabota nabiyyii
() irraa nama soddoma dhaqqabeera, hunduu nifaaqa ufirratti sodaatu.
37 Rabbiin Biratti Diliin Guddaan Isa Kami? Rabbiin Biratti Dilii Guddaan Rabbii
guddaatti waa makanii gabbaruudha. Rabbi () akkana jedha:- (Shirkiin miidhaa
guddaadha). Nabiyyiinis () cubbuu guddaa irraa gaafatamanii akkana
jedhaniiru:- “Rabbii si uumef hiriyyaa ykn fakkaataa gochuudha”. (Bukhaarii fi Muslim)
38 Shirkiin Bifa Meeqa Qaba? Bifa lama qaba. (1) Shirkii guddaa: Kan
Islaamummaa keessaa nama baasu fi Rabbiin nama isa dalageef hin
araaramne, kan dalagaalee nama jalaa balleessu. Rabbiin () akkana jedha:-
(Rabbiin waan biraa Isatti makanii gabbaruu hin araaramu; waan sanaa
gadi nama fedheef ni araarama).
Inni bakka Afuritti qoodama:- (a) Shirkii Du’aa’ii fi kadhaa, (b) Shirkii
Niyyaa, fedhii fi xiyyeeffannaa, akka hojii gaarii waan Rabbiif ala ta’eef
hojjachuu, (c) Shirkii Ajajamuu: akka ulamoota waan Rabbiin halaala godhe
haraama godhanii fi waan Rabbiin haraama godhe halaala godhan tole jechuu;
(d) Shirkii Jaalalaa: waan tokko akka Rabbiin jaalatanitti jaallachuu,
(2) Shirkii Xiqqaa: kun Islaamummaa keessaaa nama hin baasu. Innimmoo
bakka Lamatti qoodama: (a) Ifa Bahaa (Zaahira) - kan jechaan wal qabatu akka
waan Rabbiin malee kakachuu, ykn jecha ‘yoo Rabbi fedhee fi ati feete’, ‘odoo
Rabbii fi ebalu jiraachuu baatanii…’ jechuu, ykn. Dalagaan kan wal qabate:
akka balaa kaasuuf ykn deebisuuf jecha qubeelaa fi waa ofitti hidhuu, ija
sodaatanii asmaa rarraafachuu; akka allaatti fi maqootan, jechootan, kkf milkii
laallachuu. (b) Dhokataa: kun shirkii niyyaan, fedhiin, xiyyeeffannaan wal
qabate kan akka “riyaa’a” (mul’ifachuu) fi “sum’aa” (dhageessifachuu).
39 Adda Addummaan Shirkii Guddaa fi Xiqqaa gidduu jiru Maali? Adda
addummaa gidduu isaanii jiran keessaa: Shirkii Guddaan namni isa raawwate
duniyaa keessatti Islaaman ala akka ta’e itti murtaa’a; aakhiratti ammoo ibidda
keessa bara baraan jiraata. Shirkii Xiqqaan garuu namni isa raawwate duniyaa
keessatti kaafirummaan itti hin murtaa’u; aakhirattis ibidda keessa bara baraan
hin jiraatu. Gara biraatiin shirkii guddaan dalagaa hunda kan balleessu yoo
ta’u, shirkiin xiqqaan garuu dalagaa irratti argame sana qofa balleessa. Ammas
qabxiin irratti wal dhabame kan biraa namni shirkii xiqqaa hojjate akkuma
nama isa guddaa hojjatee tawbaa malee araara hin argatu moo ni argata?
yookan akkuma cubbuu gugurdaa biraatiinis fedha Rabbii irratti hundaa’a?
kan jedhu. Kamii isaanillee yoo ta’e garuu lamaanuu garmalee hammaatoodha.
40 Shirkii Xiqqaa Odoo hin Dhaqqabne Dura Wanti Ofirraa Ittiin Tiksan
ykn Erga Dhaqqabee Booda Wanti Ofirraa Ittiin Haqan Jiraa? Eeyye, fkn.
“riyaa’a” irraa hojii ofii Rabbiif qulqulleessuun of eeguun ni danda’ama. Irra
xiqqaa isaa du’aa’iin ufirraa eeguun ni danda’ama. Nabiyyiin () akkana
jedhu:- “yaa ilma namaa! Shirkii kana irraa uf eegaa, inni mixii dukkana keessa
deemtu caalaa dhokataadha. Sahaabonnis ‘yaa ergamaa Rabbii! Erga inni mixii
dukkana keessa deemtu caalaa dhokataa ta’ee akkamitti irraa uf eegna?’ jedhan.
‘yaa Allaah! odoo beeknu waa sitti qindeessuurraa, sitti maganfanna, waan odoo
84
Waan sanaan alaarratti garuu haala gaarin tole isaanif jechuu dirqama ta’a.
Nabiyyiin () akkana jedhu:- “Bulchaaf dhaga’uu fi tole jechuu qabda, odoo
dugdikee rukutamee, qabeenyikee fudhatameellee dhaga’ii tole jedhi.” (Muslim)
46 Wantoota Rabbiin Itti Ajajee fi Irraa Dhorge Maalif Akka Ta’e
Gaafachuun ni Danda’amaa? Eeyye, yoo iimaana jabeeffachuuf gaafatan
rakkina hin qabu. Yoo dalagaan sana irratti kan dhaabbatu ta’e garuu hin ta’u.
Garuu dimshaashumatti fudhachuuni fi gaafachuudhabuun guutummaa ibaadaa
fi Rabbii fi hikmaa Isaa kan guutuu ta’etti amanuutu irra caala, akkuma haala
sahaabonni irra turan jechuudha.
47 Jecha Rabbii Kanatti Maaltu Fedhame? "Maa Asaabaka Min Hasanatin
FaminAllaah, Wamaa Asaabaka Min Sayyi’atin Famin Nafsika"." waan
gaariirraa wanti si tuqe, inni Rabbirrayi. Waan hingadheenimmoo kan si tuqe
yoo ta'e inni sumarraayi (balleessaa keetiin jechuudha) “Hasanatin” yoo jedhu
asitti wanti itti yaadame, ‘ni’imaa’ ykn qananiidha. “Sayyi’atin” yoo jedhu
ammoo balaatu itti yaadame. Kanaaf hiikni isaa (Ni’imaa irraa wanti si mudate
Rabbirraayi, balaarraa wanti si mudate garuu lubbuudhuma keerraayi).
Hunduu kan argaman Rabbuma irraayi. Ni’imaan Rabbiin kan wal
qabsiifameef waan Inni ittiin tola oole waan ta’eefi. Balaas Rabbiin sababaaf
uuma. Kanaaf gara sababaa sanaatiin yoo ilaalamu toluma Isaa irraa ta’a.
Kanaaf dalagaan Isa hundi toltuudha. Nabiyyii () akkana jedhu:- “Kheeyrin
hundi harka kee lamaan keessa jiru; sharriin ammoo gara keetii miti.” (Muslim)
Dalagaan ilma namaa uumama Rabbii ti. Kanuma wajjin ammas waan gabrichi
ufiif oomishatu. Rabbiin () akkana jedha:- “Namni (waan qabu irraa
Rabbiif jecha) kenne, kan Rabbiin sodaate fi jiraachuu jannataa (fi
ibiddaa) dhugoomse, Nuti karaa laafinaa isaaf laaffifna).
48 Ebalu “Shahiida” Jechuun ni Hayyamamaa? Nama tokko maqaa tuqanii
shahiidummaa isaaf muruun akka Jannata ragaa isaaf ba’uuti. Akka mazhaba
warra sunnaatti ammoo nama muslimaa tokko maqaadhayanii inni nama Jannataati,
ykn nama ibiddaati, jechuun hin hayyamamu. Yoo nama ergamaan Rabbii ()
ebalu nama jannataati, ykn ebalu nama ibiddaati jedhan garuu ni ta’a. Kunis
waan keessoon isaa dhokataa ta’eefi. Namni tokko waan irratti du’e hin beeknu.
Hojiin ammoo khaatimaa (xumura) irratti hundaa’a. Niyyaa isaa kan beeku
Rabbi qofa. Garuu nama gaarii hojjeteef miindaa kajeeluun, nama hamtuu
hojjate ammoo adabni isarra ga’uu danda’a jedhanii sodaachuun ni hayyamama.
49 Muslima Tokko Maqaa dhahanii Kufrii Itti Murteessuun ni
Hayyamamaa? Nama muslimaa tokko yoo ragaan isa mirkaneessu fi wanti
sanarraa dhoorgan jiraachuu baatan malee kufrii ykn shirkii ykn nifaaqa
isarratti murteessuun hin hayyamamu. Icitiin isaa Rabbiif dhiifama.
50 Ka’abaa malee Waan Biraa Xawaafuun (marsuun)ni ta’aa? Ka’abaa
kabajamaa malee dachii irra bakki itti marsan (xawaafamu) kan biraa hin jiru.
Odoo kabajaan isaa hangamillee guddaa ta’ee iddoo biraa ka’abaatti
fakkeessuun hin ta’u. Namni ka’abaan ala iddoo biraa guddina isaa yaadee
xawaafe Rabbitti cubbuu dalageera.
86
Hojii Qalbii
Rabbi qalbii uumee mootii qaama hundaa taasise. Qaamolee hundammoo
waraana isaa ykn gargaartota isaa taasise, yoo mootichi qajeele waraanni isaas
ni qajeela. Akkuma Rasuulli jedhan " qaama namaa keessa cittuu foonii tokkotu
jira yoo isheen tolte qaamni hundi ni tola yoo isheen badde qaamni hundi ni
bada cittuun sun qalbii ykn onneedha" jedhan (Bukhaariifi Muslimtu gabaase) Onneen
qubsuma sodaa Rabbiitiifi Iimaanaati, akkasumas warra hin amaniniif
qubsuma kufrii, nifaaqaa fi shirkiiti. Ergamaan Rabbii akkana jedhan: "sodaan
as keessa, jedhan yeroo sadi gara qoma isaaniitti akeekuun"(muslimtu gabaase)
IIMAANNI : yaada qalbiiti, jecha arrabaati, dalagaa qaamaati. Qalbiin namaa
ni amana ni dhugoomsas, isa kana arrabnimmoo ragaa bahee, qaamni
isaammoo hojiin mirkaneessa. Akkasumas qalbiin hojii adda addaa waan
hojjetu qaba innis kan akka sodaa, kajeellaa,fi jaalalaati. Kanarratti hundaa'ee
arrabni zikrii fi qur'aana qara'uuf yoo socho'u, qaamnimmoo rukuu'aa fi
sujuuda gochuu wajjin hojii Rabbitti isa dhiheessu gaggaarii hojjechuuf
tattaafata. Egaa qaamni hundi qalbii hordofa kanaaf wanti qalbii keessa qubate
qaamarratti mul'achuun isaa hin hafu.
Hojii qalbii jechuun:- Dalagaawwan qalbiidhaan raawwatamanii fi kan
qalbiidhaan walitti hidhamanii jiran yoo ta'u, isaan keessaa inni guddaan
Rabbitti amanuudhaa fi dhugaan mirkaneessanii ajaja isaa bakkaan ga'uudha.
Kana malees kan akka isa jaallachuu, sodaachuu,kajeeluu,garasaatti deebi'uu,
isatti irkachuu,obsuu,yaqiina qabaachuu, keessaan isa sodaachuu fi kkf isuma
keessatti ramadamu.
Hojii qalbii keessaa kamiyyuu faallaan isaa dhukkuba qlbii ta'a. Hojii Rabbiif
qulqulleessuun faallaan isaa agarsiifannaa (riyaa'ii) ta'a. yaqiinni faallaan isaa
shakkiidha, akkuma jaalalli faallaan isaa jibba ta'u jechuudha. Yoo qalbii
keenya tolchuurratti bobba'uu baanne cubbuun irratti walitti qabamuun
haguugee badiif saaxila. Akkuma Rasuulli jedhan : "gabrichi tokko yoo cubbuu
hojjete,qalbii isaarratti copha gurraachatu cophfama, yoo toobbatee irraa
deebi'e irraa qulqulluufti. Yoo itti deebi'ee hojjete ammas itti coccophxee
haguugdi isa kana inni Rabbiin() haguuggaa qalbii jedhee qur'aana keessatti
dubbate: "Lakkisaa… Qalbiin isaanii badii isaan hojjetaniif jecha
haguugamteetti" Jedhan (tirmizii)
Ammas Rasuulli () akkana jedhan : “Fitnaawwan onnee irratti akkuma muka
gasaa tokko tokkoon dhihaatu, onneen fitnaa obaafamte kamillee qabxii
gurraachatu itti cophfama.tonneen fitnaa sana mormitemmoo copha adiitu itti
cophfama, hanga onnee lamaanirratti raggaatutti, isa adiirratti qulqulluu akka
ifaa kan fitnaa kamiyyuu hanga samiifi dachiin jiranitti, dhiibbaa itti hin fidne.
Isa gurraacharrattis akka waan birillee gurraachoftee ergasii gadi gombifamtee
jirtu fakkaatu ta'utti, yeroo akkas ta'u waan gaariittis hin ajaju, waan
hamtuurraas hin dhorku waan qalbii isaa gurraattii fi fedhii miira isaatiin wa-
dhuge malee ” (muslimtu gabaase).
Hojii qalbii kana baruun dirqamni isaa hojii qaamaa baruurra caala maalif
87
yoo jedhame isatu bu'uura hojiiti. Hojiin qaamaa damee isaatii fi firii isaati
akkuma Rasuulli () jedhan: "Rabbi Qalbii keessanii fi hojii keessan ilaala malee
Suuraa keessanii fi horii keessan hin ilaalu" (muslimtu gabaase).
Qalbiin bakka yaadaa fi beekumsi irraa madduudha. Kanaaf Rabbi biratti
madaallii namni ittiin wal caachifamu ta'e,akkaataa iimaana,yaqiinaa fi
qulqullina amantii isa keessa qubatuutiin. Hasanul basriin akka jedhan:
Wallaahi, Abuu Bakir sagadaa fi soomaan isaan (sahaabota) hin caalle, wanti
inni ittiin caale iimaana onnee isaa keessa qubateeni" jedhe.
Hojiin Qalbii kara baay'eedhaan hojii qaamaa caala isaan keessaa :-
(1) Hir'inni ibaadaa Qalbii keessatti yoo argame ibaadaa sana diiguu danda'a,
fakkeenyaaf akka agarsiifannaafaa. (2) Hojiin Qalbii bu'uura waa hundaati, yaada
qalbiin maleetti sohiin taasifamu ykn wanti dubbatamu, itti nama hin gaafachiisu.
(3) Hojiin qalbii akka namtichi sadarkaa guddoo qubatu isa taasisa; fakkeenyaaf
akka 'zuhdii' faa. (4) Hojiin qalbii hojii qaamaa caalaa ulfaata, Ibnul Munkadir
akka jedhe: "Lubbuu koo waggaa afurtama ergan leejjisee booda karaarra naa
buute" jedhe. (5) Hojiin qalbii hojii qaamaa caalaa faana bareedaa qaba, akka
Rabbiif jedhanii jaallachuu. (6) Hojiin qalbii hojii qaamaa caalaa mindaa
guddaa qaba 'Abud-dardaa' akka jedhe: "sa'atii tokko xiinxaluun halkan tokko
dhaabachuu caala'' jedhe. (7) Hojiin qalbii sochoosaa qaamaati. (8) Mindaa
hojii qaamaa kan guddisu ykn kan salphisu ykn tasuma dalagaan sun akka badu
kan taasisu isa. fknf akka sagada keessatti khushuu'a (gadi of qabuu) dhabuu.
(9) Hojiin qalbii waan qaamni hojjechuu dadhabe bakka buusuu danda'a. Fknf
akka namticha utuu horii hin qabaatin waa kennuu niyyatuu. (10) Hojiin qalbii
keessaa kan mindaan isaa daangaa hin qabnetu jira. Fkn kan akka obsuu.
(11)Hojiin qalbii qaamni hojiirraa dhaabbachuu ykn hojicha dadhabuu wajjin
akka mindaan isarraa hindhaabbanne taasisa. (12) Hojiin qalbii yeroo hojichi
qaamaan raawwatamus ta'e, utuu hin raawwatamin dura ni argama.
Qalbiin utuu qaamni waa tokko hin dalagin dura sadarkaa adda addaa
keessa darba :- 1) Jalqaba yeroo yaadni qoma keessa nama bu'u. 2) yeroo
inni qalbii keessatti sabatu. 3) Haasaa onnee : kan hojjechuu fi dhiisuu gidduu
deddeebi'u. 4) yaada : kunimmoo hojiitti ka'uudha. 5) murannoo : kunimmoo
yaadni erga cimee hojiitti muratanii ka'uudha. Sadan duraa keessatti yoo waan
gaarii ta'e hin barreeffamuuf yoo hamtuu ta'es itti hin barreeffamu. Yoo yaada
ta'emmoo waan gaarii yoo ta'e tokkotu isaaf barreefama yoo hamtuu
ta'emmoo itti hin barreeffamu. Yoommoo yaadni gara murannoo hojiitti kan
jijjiiramu ta'e, waan gaariitti mindaa argatee, hamtuuttimmoo utuu hojjechuu
baateellee cubbuu itti argata.
Rabbiin() akkana jedha:- "Jarri akka wanti fokkataan warra amane gidduu
faffaca'u jaallatan isaaniif adabbii laalessaa ta'etu isaaniif jira" (an-nuur :19).
Rasuulli () akkana jedhan : "muslimni lama yoo goraadeedhaan walitti bahe,
inni ajjeeses inni ajjeefames kan abiddaa ta'a, jennaan; yaa ergamaa Rabbii inni
ajjeese badii isaatiifi, inni ajjeefamemmoo maaliif jennaan "innimmoo waan
ajjeesuuf carraaqaa tureef" jedhan (bukhaarii)
88
Namni tokkko cubbuu hojjechuuf ka'ee yoo kan dhiisu ta'e, waa
afur keessaa tokko hin dhabu: a) Rabbiin sodaatee kan dhiisu yoo ta'e
miindaa itti argata. b) nama sodaatee kan dhiisu yoo ta'e, dilii itti argata ;
sababni isaas cubbuu dhiisuun ibaadaa waan ta'eef, ibaadaanimmoo Rabbi
qofaaf ta'uu waan qabuuf. c) utuu sababa isatti nama geessu hin dalagin
dadhabinaaf jedhee yoo dhiise, inni kunis waan hojjechuuf muratee ka'eef dilii
itti argata. d) sababaa cubbuu sanatti nama geessu erga hojjetee booda cubbuu
sana raawwachuun mijjaa'uufii didee yoo dhiise, inni kunis akkauma namticha
hojjeteetti dilii itti argata ; maalif yoo jedhame wanni muratanii itti ka'an
tokko akka waan hojjetaniitti ilaalama waan ta'eef.
Hojii Qalbii keessaa Gariin:-
Niyyaa: niyyaan hojii kamiin durayyuu waan hojjetan sana qalbiitti
qabachuudha, hojiin kamiyyuu niyyaadhaan maleetti hin ta'u akkuma Rasuulli
() jedhan "hojiin kamiyyuu niyyaadhaan namni kamuu waanuma niyyate
argata. (Bukhaariifi Muslimtu gabaase) Ibnul Mubaarak akka jedhetti : hojii xixiqqoo
meeqaatam niyyaan kan guddisutu jira, akkasumas hojii gurguddaa
meeqaatam kan niyyaan xinneessutu jira. Fudhayilimmoo akka jedhe : Rabbi
wanti inni sirraa barbaadu niyyaa keetii fi fedhii keeti, yoo hojiin kee kan
Rabbii ta'e, ikhlaasa (qulqulluu) jedhama. yoommoo hojiin kee waan Rabbiin
malee jiruuf ta'emmoo agarsiifannaa ykn munaafiqummaa jedhama" jedhe.
Faayidaa : Namni hunduu badii keessa jira warra barate malee, warri
barate hunduu badii keessa jira warra itti hojjete malee, warri itti hojjete
hundi badii keessa jira warra Rabbiif qulqulleesse malee, gabrichi tokko yoo
ibaadaa gochuu barbaade jalqaba niyyaa barachuutu isa barbaachisa. Sana
booda niyyaa isaa sana hojiin sirreessuu qaba, kunimmoo erga maalummaa
dhugaa fi qulqullinaa beekee booda yoo ta'u, hojiin niyyaa hin qabne
dadhabbiidha, akkuma niyyaan ikhlaasa (Rabbiif qulqulleessuu) hin qabne
agarsiifannaa ta'u, ikhlaasni iimaanaa hin qabnemmoo bu'aa hin qabu.
Hojiin gosa sadii qaba: 1) Dilii(cubbuu): niyyaa gaarii qabaatanii yoo
cubbuu hojjetan niyyaan sun cubbuu sana waan gaariitti hin jijjiiru. 2) mubaaha
(waan dhorkamaa hin taane garuu hojjechuun mindaa kan hinqabne) kan
akkasii yoo niyyaan keessa dhufe gara Rabbiitti nama dhiheessuu ni dana'a.
3)ibaadaa: kunimmoo niyyaadhaan walitti hidhamaadha, akkuma niyyaa
isaatti mindaan isaa isaaf baayifama(1). Yoo niyyaan isaa agarsiifannaa ta'e
1) Rasuulli () akka jedhan "namni waan gaarii tokko hojjechuu yaadee utuu hin hojjetin hafe
Rabbi hasanaa tokko guutuu isaaf kataba, yoommoo yaadee hojjete hasanaa kudhan isaaf katabee
hanga dhibba torbaatti isaaf baayisa, irra darbee hanga kana hin jedhamnetti isaaf baayisa.
Namnimmoo cubbuu tokko hojjechuu yaadee utuu hin hojjetin hafe hasanaa tokko guutuutu isaaf
katabama , yoo yaadee hojjetemmoo cubbuuma tokkittiitu itti barreeffama (bukhaarii fi muslim)
ammas Rasuulli() akkana jedhan "fakkeenyi ummata kanaa akka fakkeenya nama afuriiti :
inni tkkoffaan nama Rabbi Qabeenyaa fi beekumsa kenneefii beekumsa isaatiin hojjetee
qabeenya isaarraa saddaqatu inni tokkommoo isa Rabbiin beekumsa malee qabeenya hin
kennineef kan utuun akka namticha kanaa qabaadhee anis nan saddaqadha kan jedhu, Rasuulli
akka jedhan : isaan lamaan mindaa argachuu keessatti wal-qixa. inni tokkommoo beekumsa
89
hojiin isaa cubbuu fi shirkii xiqqaa ta'a, shirkii chi siquus ni danda'a kanuma
ta'ee haala sadii qaba:- a) agarsiifannaa niyyatee yoo hojjete shirkii ta'a,
ibaadaan isaas ni bada. b) yoo Rabbiif jedhee hojjechuutti ka'ee ergasii
agarsiifannaan itti makame, yoo ibaadaan sun jalqabni isaatiif dhumni isaa
walitti hin rarra'u ta'e,fkn akka sadaqaa faa jalqabni isaa sirriidha dhumni isaa
ni bada. yoommoo jalqabni isaatiif dhumni isaa kan walitti rarra'u ta'e, akka
sagadaa faa waa lamarra hin darbu 1) kan ofirraa achi dhiibu yoo ta'e hojiin
isaa hin badu. 2) yoo agarsiifannaa sana lubbuun isaa feetee jala deemtu ta'e
ibaadaan hundi ni bada c) erga hojjetee ka'ee yoo kan itti dhufu ta'e, kun
waswaasa waan ta'eef hojichas hin balleessu isarrattis dhiibbaa hin fidu.
Maalumaafuu agarsiifannaan karaa dhokataa baayee qaba waan ta'eef,
eeggachuun dirqama.
Yoo niyyaan isaa yeroo waan gaarii hojjetu duniyaa ittiin argachuudhaaf ta'e,
mindaan isaa ykn diliin isaa gosa sadii qaba. a) Hojichatti kan kakaasu duniyaa
qofa yoo ta'e; akka namticha maallaqaaf jedhee imaama ta'uufaa, inni dilii itti
argata akkuma Rasuulli () jedhan: "namtichi barumsa Rabbiif jecha baratamu
tokko duniyaa ittiin argachuudhaaf jedhee barate,guyyaa qiyaamaa foolii
jannataa hin argu" jedhan (abuu daawuud). b)Rabbi biraa argachuudhaaf akkasumas
duniyaas itti argachuudhaaf yoo kan hojjetu ta'e, akka namtichi daldalachuuf
hajji hajja'uufaa, mindaan isaa hanguma ikhlaasa isaati. c) Rabbumaaf jedhee
hojjetee waan hojjeterratti waan hojirratti isa gargaaru kan fudhatu yoo ta'e
mindaan isaa guutuudha sababa waan fudhateetiif duraa hin hir'atu. Akkuma
Rasuulli () jedhan: "Irra caalaan wanti isin mindaa itti fudhattanii kitaab
Rabbiiti" jedhan (bukhaarii).
Sadarkaan warra Rabbiif qulqulleessee dalaguu sadihi:- 1) Irra xiqqaa:
inni kun akka namticha ibaadaa hojjetu adaba sodaaf ykn mindaa mindaa
barbaachaaf hojjetuuti. 2) Giddu-galeessa: inni kunimmoo akka namticha
Rabbiif galata galchuuf ykn ajaja isaa bakkaan ga'uuf jecha hojjetuuti. 3) Irra
guddaa : ibaadaa hojjetu kana jaala rabbiitiif akkasumas sodaa Rabbiitiif ykn
kabaja isaatiif jedhee hojjechuu, inni kun sadarkaa nabiyyootaafi siddiiqotaati.1
Tawbaan Shari’aatti Akkamitti Ilaalama? Akkamitti Fudhatama?
Dafanii tawbaa gochuun dirqama. Cubbuun irratti kufuun mataa isaatti rakkoo
hin qabaatu, kun haaluma ilma namaa ti. Nabiyyiin () akkana jedhu:- “Ilmi
Aadam hundi dogoggoraadha, irra caalan nama dogoggoruu ammoo isaan
tawbatani.” jedhan (Tirmiizii) Ammas akkana jedhu:- “Odoo isin cubbuu dalaguu
malee qabeenya kenninaaniif qabeenya isaa kana kara hin malletti kan baasu ,inni tokkommoo
beekumsas hin qabu maallaqas hin qabu, garuu akka namticha haqaan malee qabeenya isaa
baasu kana ta'uu hawwa isaan kun lamaanis cubbuu argachuu keessatti wal-qixa" (tirmizii)
inni lammaffaa fi inni arfaffaa kun kan ittiin wal-qixxaa'u ,hundee mindaa keessatti malee
baayifamuu keessatti miti jechuun ibn Rajab dubbachuun isaanii ni yaadatama.
1) Rabbi() waa'ee muusaa keessatti akkana jedhe : L~ } | { M "akka ati narraa
jaallatuufan garakeetti ariifadhe jrdhe" nabi muusaan jaalala Rabbii barbaachaaf jedhee
ariifate. Akkuma kana namni haadhaa fi abbaa ofiitti tola oolu akkaataa niyyaa isaatiin
sadarkaan isaa waladhaba.
90
1
Imaamu ahmad akka gabaasanitti Rasuulli () akkana jedhan : Galmeen Rabbiin biratti sadihi : -
a) kan inni dhimma irraa hin qabne. b) kan inni waan isa keessa jiru hin dhiifne. c) kan inni tasuma
hin araaramne. kan inni tasuma hin araaramne:- shirkiidha akkuma Rabbi qur'aana isaa keessatti
dubbate :-"namticha Rabbitti waa qixxeesse Rabbi Jannata isarratti haraama taasiseera,
qubsumni isaa ibidda'' al- maa'idah :12
Galmeen inni Rabbi dhimma irraa hin qabnemmoo:- isa garbichi waan gidduu isaatiifi waan gidduu
Rabbii jiru keessatti of miidhu isa Rabbi yoo barbaade ni dhiisaaf yoo barbaademmoo itti adaba.
kan inni waan isa keessa jiru hin dhiifnemmoo:- isa gabrooti wal-miidhan. Isa kana haqa namaa
waan ta'eef irraa baasu malee hin dhiisu.) hadiisichi dadhabina qaba.
91
sababa karaa godhame hojjechuu wajjin qalbii ofii Rabbitti kennanii isumatti
irkachuudha. Innis Bifa sadii qaba: (1) Isa Dirqamaa: kun waan hunda akka
faaydaa argamsiisu fi miidhaa deebisuu keessatti Rabbiin irratti irkachuudha.
(2)Isa Haraamaa: Gosa lama qaba: (A) Shirkii Guddaa: kun guutumatti
sababaawwan irratti irkachuudha. Kunis sababaawwan faaydaa fiduu fi
miidhaa deebisuu keessatti kophaa isaanii dhiibbaa qabu jedhanii
yaaduudha(1). (B)Shirkii Xiqqaa: sababaawwan kophaa isaanii dhiibbaa fidu
jedhanii amanuun ala rizqii keessatti nama irratti irkachuudha. Garuu isaan
sababaa qofa jedhanii amanuu bira darbanii isaan irratti rarra’uudha.
(3)Hayyamamaa: kun namni tokko isa biraa dalagaawwan hojjachuu danda’u
kan akka bittaa fi gurgurtaa irratti bakka buusun isarratti amantaa guddaa
qabaachuudha. Garuu Rabbirratti irkadheen ergasii sirratti irkadhe hinjedhin,
waan kanarratti bakka sibuufadheera haa jedhu malee.
Galata: Qalbii isaa keessatti bifa iimaanaatiin arrabarrattimmoo bifa
faaruutiin qaama isaarrattimmoo bifa ibaadaatiin Faanni qananii Rabbii
namarratti mul'achuudha.
Obsa: Balaa adda addaa nama mudaturratti Rabbiin dhiisanii kan biraatti
himachuu dhabuudha. Rabbi ()akkana jedha : "obsitootaaf mindaan isaanii
lakkoofsa ykn herregaan maleetti kennamaaf"azzumar:10
Rasuulli() akkana jedhu: "nama of sabarsiise Rabbis isa sabarsiisa,namni irra
caalaa kennaa fi irra bal'aa isaa aragte nama obsa(sabrii) argateedha" (Bukhaarii
fi muslim). Umar ibn Al Khaxxaab() akka jedhe: "Balaan kamiyyuu yoo
natuqe,isaa wajjin qananiin Rabbii afur naa dhufu malee hin hafu; 1ffaan: kan
balaan sun waan amantii kiyyaa hin ta'in. 2ffaan: kan balaan sun isa isa caalu
hin ta'in. 3ffaan: kanin balaa sana jibbu kan hin ta'in. 4ffaa kanin sababa balaa
kanaatiin mindaa Rabbirraa ittiin barbaadu hanga ta'ee jirutti.
Obsi sadarkaa hedduu qaba : 1) isa irra xiqqaa: inni kun utuu bilaa sana
jibbuu garuu himachuu dhabuudha. 2) Isa giddu-galeessaa: Inni kunimmoo waan
(1) Sababaa hojjechuun Rabbitti irkachuudhaa wajjin wal faallessaa? Deebiin kanaa bifa baayee qaba
1ffaan: faayidaa hin jirre tokko argamsiisuuf kan godhamu kun gosa sadii qaba: A) sababa
beekamaa fi ifa gala kun akka mucaa argachuuf jecha nikaa hidhachuu, mucaa barbaadanii nikaa
dhiisuun maraatummaadha. B) sababaawwan bebbekamoo ta'anii yeroo hedduu yoo sababni kun hin
jiraanne wanti barbaadan kan bakka namaaf hin geenye fkn akka namticha galaa malee karaa
dheeraa deemuuti hojiin nama akkasii Rabbitti irkachuu hin jedhamu,ergamaan Rabbii yeroo karaa
deeman galaa galaafataniiru nama karaa agarsiisus kireeffataniiru. C) sababaawwan bu'aa
argamsiisu jedhamanii yaadaman umar ibnul khaxxaab akka jedhanitti Rabbitti irkateera kan
jedhamu nama firii facaasee Rabbirraa eeggatuudha.
2ffaan waan qaban tikfachuu keessatti Rabbirratti irkachuu fakkeenyaaf yoo soorata achi kaayyate
Rabbirratti hin irkanne hin jedhamu, ergamaan Rabbii nakhlii banii Nadhiir gurguranii soorata
maatii isaanii kan waggaa tokkoo achi kaa'aa turaniiru(bukhaariifi muslimtu gabaase).
3ffaan miidhaa sodaatamu ofirraa tiksuu keessatti:- namni tokko waan miidhaa isarraa eegu yoo
uffate rabbiitti hin irkanne hin jedhamu.
4ffaa miidhaa namarra ga'e tokko ofirraa deemsisuu keessatti Rabbitti irkachuudha kunis bakka
sadiitti qoodama:- A) ifa galaa kan ta'e kan akka namni dheebuufaan itti jiru bishaan babaadachuu
dhiisee Rabbittin irkadha jechuun sirrii miti. B) miidhaa deebisa jedhamee kan shakkamu kan akka
koobaafaa godhachuun rakkina hin qabu. C) kan hedduu amantaa itti hin qabne hojjechuu
fakkeenyaaf utuuu hin dhukkubsatin qaama ofii gubuun Rabbitti irkannoo nama duraa hirdhisa.
94
namatti dhufe sana jaallachuu wajjin himachuu dhabuudha. 3) Isa hundaa olii: Inni
kunimmoo waan namatti dhufe sanarratti Rabbiin faarsuudha. Namtichi miidhamee
nama isa miidhe sanarratti du'aa'ii kadhate,haqa isaa deebfateera jedhama.
Obsi bifa lama qaba: 1ffaan :obsa qaamaa. 2ffaan : Obsa waan lubbuun
namaa barbaaddurraa dhorkuuti: inni kun yoo waan garaa fi qaamni saalaa
barbaadurraa obsuu ta'e, of-qabuu jedhama, yoo lola keessatti ta'emmoo gootummaa
jedhama, yoo aarii liqimsuu ta'emmoo obsa jedhama akkasuma yoo icitii dhoksuu
ta'es adduniyaa jala bololi'uu irraa of-qabuu yoo ta'emmoo zuhdii ta'a.
Wanti addunyaa kanarratti garbicha mudatu waan gosa lamarra hin darbu:
A) waan lubbuun namaa barbaaddu yoo ta'u, isarratti haqa Rabbii bakkaan
ga'uudhaaf akkasumas galata isaaf galchuurratti obsuudhaa wajjin galata sana
waan Rabbiin malee jiruuf dabarsuu dhabuudha. B) waan lubbuun hin feene
:innimmoo bakka sadiitti qoodama. 1) Ibaadaa Rabbiirratti obsuu : dirqamni
isaa waan Rabbi dirqama taasiserratti obsuudha waan sunnaa ta'erratti
obsuunis jaallatamaadha. 2) Cubbuu dalaguurraa obsuu. Isa kanarraammoo
wanti dirqama ta'u waan haraama ta'e dhiisuudha. Waan jibbamaa ta'e
dhiisuunis jaallatamaadha. 3) Murtee Rabbiirratti Obsuu : Dirqamni isaa
arrabni waan namarra ga'e himachuu dhabuu, lubbuun namaa waan namarra
ga'e jibbuu dhabuu, qaamni namaa waan Rabbi hin jaallanne kan akka
du'aarratti boo'uu, maddii of kabaluu, wayyaa ofirratti ciruu fi kkf of qabuudha.
Inni jaallatamaanimmoo Qalbiin namaa murtee Rabbii jaallachuudha.
Sooressa Rabbiin galatoomfatumoo hiyyeessa obsutu caala yoo jedhame, yoo
sooressi horii isaa waan ibaadaa Rabbiirratti baase ykn isarratti baasuudhaaaf
yoo kan achi kaa'u ta'e isatu caala, yoommoo waanuma mubaaha ta'etti yoo kan
baasu ta'e, hiyyeessatu caala Rasuulli () akkana jedhan: "namni nyaatee
Rabbiin galatoomfate akka nama soomee obsuuti"(ahmad).
Jaalala Qalbii : kana jechuun waan Rabbi nama kenne baaya'atus
xiqqaatus jaallaatanii itti gammaduudha, kun sadarkaaa warra iimanni isaanii
cimaa ta'ee fi muqarrabootaa yoo ta'u bu'aa Rabbitti irkannaa fi jaalala isaati.
Haata'u malee akka balaa namarraa deemsisu yoo Rabbiin khadhatan
sadarkaa kana nama duraa hin hir'isu.
Khushuu'a (keessaaf duubaan Rabbiif gadof-qabuu): Huzayfaan()
"khushuu'a nifaaqiirraa of-eeggadhaa! "jennaan maal jechuudha jedhanii gaafatan
innis akka jedhe: "Qaamni gadi jedhee Qalbiin gad-jechuu dhabuudha'' jedhe.
Ammas akka jedhe "Amantii keessanirraa waa hunda dura wanti isin dhabdan
khushuu'a ibaadaan kamiyyuu isatti haajoma, mindaan namaa kennamus hanga
khushuu'a keessatti argamuutiini fknf kan akka sagadaafaa, Rasuulli() akka
jedhan: namni meeqaatam kan sagada isaarraa 1/2 ykn 1/4ykn1/5….1/10
malee kan hin argannetu jira kanimmoo waan tasuma khushuu'a hin qabaneef
tasuma waa tokko hin argannetu jira" jedhanjedhee dubbateera.
Kajeellaa: kunimmoo Rahmata Rabbii bal'aa sana ilaalanii kajeeluudha.
isa kajeeluun Rabbitti waan gaarii yaaduu nama dhaalchisa Rabbi akkana jedha
"ani bakka gabrichi koo itti nayaadun jira" (muslim). inni sadarkaa lama qaba
95
1) Isa ol'aanaa : akka namticha waan gaarii hojjetee mindaa itti argachuu
kajeeluuti. Aa'ishaan Rabbi irraa haa jaallatuu akka jette: "Yaa ergamaa Rabbii
() "warra waan isaaniif kenname dabrsee kennee, qalbiin isaaniimmoo kan
sodaattu ta'e" al-mu'uminuun: 60 isa jedhurratti inni kun isa utuu Rabbiin sodaatuu
hatu, sagaagalu, dhugaatii dhuguu? Jedhee gaafannaan lakki yaa intala
dhugeessaa akkas miti isaan warra sagadan, warra sooman, warra sadaqaa
baasanii ka'anii,nurraa hin qeebalamu ta'aa jedhanii sodaatani.jedhan kanaaf
Rabbi "isaan sunniin warra khayiriitti ariifataniidha"al-mu'uminuun:61. (tirmizii)
2) Sadarkaan inni lammaffaammoo isa gadi aanaadha: kan akka namticha
cubbuu erga dalagee tawubatee araarama Rabbii kajeeluuti. Garuu inni utuu
cubbuu itti deddeebi'ee hojjetuu tawubachuu dhiisee Rahmata Rabbii qofa
kajeelu, inni akkasii hawwii jedhama malee kajeellaa hin jedhamu, inni akkasii
kun jibbamaa yoo ta'u inni duraa garuu jaallatamaadha.Mu'uminni khayiriidhaaf
sodaa walitti yoo qabatu, Munaafiqnimmoo cubbuu of amanachuu walitti qabata.
Sodaa: sodaan akka wanti jibbamu namatti hin dhufne yaaddoo nafseerraa
maddu yoo ta'u, wanti jibbamu sun beekamaa ta'e, khashiyaa jedhama faallaan
isaa nageenya. Mu'uminni tokko kajeellaa, sodaa fi jaalala walitti qabachuu
qaba. Ibnul-Qayyim akka jedhanitti: Qalbiin adeemsa karaa Rabbiirratti akka
allaattii ta'ee jaalalli mataa isaa,sodaaniifi kajeellaanimmoo Qoochoo isaati.
Sodaan yoo qalbii keessatti kunda'e, fedhii lubbuu gubee, duniyaa irraa ari'a.
Inni Bifa afur qaba: (1) Isa Dirqamaa: kun Rabbiin sodaachu dha. Iimaanni
hundeewwan lama irratti ijaarame. Isaanis jaalala guutu fi sodaa guutu dha.
(2) Shirkii Guddaa: kun wantoota mushrikoonni Rabbiin ala gabbaran akka
Rabbiitti sodaachuudha. (3) Isa Haraamaa: kun ammoo namoota sodaatanii
waan dirqama ta’e dhiisuu ykn waan haraama ta’e hojjechuudha. (4) Isa
Hayyamamaa: kun akka yayii fi wantoota kana fakkaatan irraa sodaachu ti.
ZUHDII: zuhdii jechuun fedhiin namaa waan tokkorraa gara waan isa
caaluutti madaaluudha. Duniyaarraa zaahida ta'uun Boqonnaa Qaamaa fi Qalbii
argamsiisa, isee jala bololi'uunimmoo yaaddoo fi gadda namatti baay'isa, jaalalli
duniyaa mataa badii hundaati jibbi iseemmoo mataa khayirii hundaati,
duniyaatti zaahida ta'uun jaalala ishee qalbii keessaa baasuu jechuudha malee,
harka keessaa baasuu jechuu miti. Rasuulli() akkas jedhan :"Horii gaariin
nama gaariif waa tole"(Ahmad). Haalli hiyyeessaa argannaa horii ilaalchisee
bakka shanitti qoodama. 1) Sharrii isaa ofirraa eeguuf jecha akkasumas jibbaa
isaatiif jedhee horii fudhachuu dhabuu, namni akkanaa kun Zaahida jedhama.
2) yoo argates kan itti hin gammadnee fi kan jibbiinsa isa rakkisus hin jibbine,
inni akkanaa kunimmoo Jaallataa 3) yoo argate kan itti gammadu ta'ee,
dhabuu kan hin jaallannee fi barbaachaaf kan olii gadi hin fiigne yoo ta'u,
garuu yoo ofiin itti dhufe kan fudhatuu fi yoo barbaachi isaa kan nama rakkisu
ta'e dhiisu, inni akkanaa kunimmoo Of-qabaa jedhama. 4) Utuu fedhii isaa
qabuu argachuun isaa cimaa waan ta'eef dadhabee yoo kan barbaachuu dhiise
ta'e, Sassataa jedhama. 5) Beela'ee ykn daaree, maallaqa argachuuf olii-gadi
carraaqemmoo, Rakkataa jedhama.
96
Gaaffi fi Deebii Tasgabbaayaa Namoota
Lama Gidduutti Adeemsifame
Namichi maqaan isaa Abdallaah jedhamu tokko nama maqaan isaa
Abdun-Nabiyyi jedhamu tokkoo wajji wal-arganii, Abdallaahan maqaa nama
lamuu sana qalbii keessatti jibbuun akkamitti ilmi namaa Rabbiin ala waan
biraatif gabricha ta’a? jechuun uf gaafate. Ergasii Abdun-Nabiyyiin
dubbiseetin ‘ati Rabbiin ala waan biraa ni gabbartaa? jedheen. Abdun-Nabiyyi
‘lakki; ani waan biraa hin gabbaru; muslima waan ta’eef Rabbii tokkicha qofan
gabbara’ jedheen.
Abdallaah ni jedhe: yoos maqaan kee maalif maqoota kiristaanaa kan akka
‘gabra Iyyasuus jedhanii moggaasan fakkaataree? Kan isaanii waan isaan
Iyyasuusiin () gabbaraniif nama hin ajaa'ibsiisu. Namni maqaakee kana
dhaga’u ati nabiyyii () gabbarta yaada jedhutu dafee sammuu isaa keessa dhufa.
Kun ammoo amantaa muslimni nabiyyii isaa irratti qabu miti. Inumaa dirqamni
isarra jiru Muhammad () gabrichaa fi ergamaa Rabbii ta’uu isaanii amanuudha.
Abdun-Nabiyyi ni jedhe:- ‘Garuu nabi Muhammad () irra caalaa ilma namaa,
hayyuu ergamtootati. Nutis maqaa kanaan kan moggaafamne barakaa isaanii
argachuu fi kabajaa nabiyyii Isaati fi iddoo isaan Isa biratti qabaniin gara
Rabbii dhiyaatuu feene ti. Maqaa kanaan shafaa’aa isaanirraa kajeella. Kanaaf
hin dinqisiifamin. Obboleessi kiyyas maqaan isaa Abdulhuseyn jedhama. Isa
duras maqaan abbaa kiyyaa Abdurrasuul jedhama. Maqaa akka kanaatin
moggaafamuun waan turee fi hawaasa keessa faca’e. Abbootii keenyas kanuma
irratti argine. Kanaaf dhimma kana hin jajjabeessin. Dhimmichi salphaadha;
amantiin keenyas laafaadha.
Abdallaah ni jedhe:- ‘Inni Kunmmoo isa duraa sana haacaalu. Innis waan
Rabbiin malee wanti biraa gochuu hin dandeenye waan biraa irraa
kajeeluudha. Odoo namni gaafatamu sun Nabi Muhammad () mataa isaaniis
ta’anii namoota gaggaarii biraa kan akka Huseyn (Rh) ykn nama biraas yoo
ta’e, tawhiida itti ajajamnee fi hiika “Laa Ilaaha Illallaah” wajjin waan wal
faallessuuf dhorgamaadha. Dhimmichi cimaa ta’uu isaati fi bu’aan maqaa
kanaa fi isa fakkaatan kan biraatin moggaafamuun qabu ifa akka siif ta’u mee
gaafiwwan wahiin si gaafadha, Ani haqa baree hordofuuf, waan hinfayyadne
beekee irraa fagaachuuf, waan gaariitti akeekuuf, waan jibbamaa ta’erraa
dhorguuf malee kaayyoo biraa hin qabu. Kan itti gargaarsifatamu Rabbuma,
kan itti irkatanis Isuma. Rabbii guddaa ol ta’een malee malaa fi humnis hin
jiru. Garuu sana dura jecha Rabbii () kana si yaadachiisa:- (Jechi
mu’uminootaa Akka ta'e, Rabbii fi ergamaan Isaa akka isaaniif murteessan
yeroo waamaman ‘dhageenye, fudhannes' jechuu ture). ٥١ :ﺍﻟﻨﻮﺭ
Rabbiin () ammas akkana jedha:- (Waan ta’e irratti yeroo wal mormitan,
gara Rabbii fi ergamaa Isaa deebisaa, Rabbii fi guyyaa qiyaamaatti kan
amantan yoo taatan). ٥٩ :ﺍﻟﻨﺴﺎء
Abdallaah: Ati akka Rabbiin tokkochoomsituu fi Rabbiin malee gooftaan biraa
akka hin jirre ragaa akka baatu ibsitee jirta. Hiikni kanaa maal akka ta’e naaf
ibsuu dandeessaa?
Abdun-Nabiyyi: Rabbiin tokkichoomsuun Rabbiin jiraachuu amanuudha.
97
Isatu samiiwwanii fi dachii uume. Kan jiraachisu, kan ajjeesu, uumama kan
akka fedhe godhu Isuma qofa. Inni soorata kennaa, beekaa, kan iccitii beeku,
danda’aadha.
Abdallaah: Odoo tokkichummaan Rabii kana qofaan kan mirkanaa'u ta’ee
silaa fir’awniifi ummanni isaa, Abuu Jahlii fi warri biraas, tokkochoomsitoota
ta’u turan, isaanis akkuma mushrikoota biraa dhimma kana hin wallaalan.
Fir’awnan ani gooftaadha ofiin jechaa tureyyuu jiraachuu Rabbiitiifi uumama
akka fedhe kan godhu Isa akka ta’e onnee isaa keessatti ni amana ture. Ragaa
kanaa ilaalchisee Rabbiin () akkana jedha:- (miidhaa fi ol aantummaan
barbaachaaf didan malee, lubbuun isaanii mirkaneessiteetti). ١٤ : اﻟﻨﻤﻞAmanuun
isaa kun yeroo bishaanin liqimfame ifatti muldhateera. Garuu tawhiidni
ergamtoonni isaaf jecha ergaman, kan kitaabonni isaaf jecha bu’an, kan
Qureeshonni isaaf jecha waraanni itti baname, ibaadan Rabbiin tokkochoomsu
dha. Ibaadaan jechaa fi hojiiwwan mul’atanii fi hin mul’anne irraa wantoota
Rabbiin jaalatuu fi itti gammadu hunda walitti qabatu. “:Laa Ilaaha Illallaah”
keessatti jechi ‘Ilaah’ jedhu hiikni isaa ‘gabbaramaa ibaadaan isaaf malee ta’uu
hin qabne’ jechuudha.
Abdallaah: Ammas dachii irratti ergamtoonni, jalqabni isaanii Nuuhin ()
ta’e, maalif akka ergaman beektaa?
Abdun-Nabiyyi: Mushrikoota gara ibaadaa Rabbii tokkichaa akka waamanii fi
shariika Isaaf taasifamu hunda akka dhiisaniif ergaman.
Abdallaah: Sababaan shirkii ummata Nuuh maal ture?
Abdun-Nabiyyi: Hin beeku.
Abdallaah: Rabbiin Nuuhin gara ummata isaanii kan erge waan isaan
namoota gaggaarii isaanii kan akka Wadd, Suwaa’i, Yaghuus, Ya’uuqi fi Nasri
jedhaman keessatti daangaa dabraniif ture.
Abdun-Nabiyyi: Wadd, Suwaa’i fi isaan hafan maqaa matoota kuffaaraa odoo
hin ta’in maqaa namoota gaggaariti naan jedhaa jirtaa?
Abdallaah: Eeyye, kunniin maqaalee namoota gaggaarii turan. Ummanni
Nuuh gooftolii isaan godhatanii turan. Araboonnis kana keessatti isaan
hordofan. Ragaan kanaas Ibni Abbaas () akkana jechuun isaa gabaafameera:-
“Tabotoonni ummata Nuuh keessa turan boodarra Araba keessatti argamanii
jiru. Wadd maqaa taabota gosa Kalb jedhamtu kan Dawmatal Jandal qubatanii
ture, Suwaa’i maqaa taabota Huzeeylotaati, Yaghus jalqaba kan gosa Muraadi
jedhamtuuti, achii booda Banii Ghuxeeyf isaan bakka Sabaa’i biratti argamu,
Ya’uuq ammoo kan Hamdaaniif, Nasr ammoo kan gosa Himyar maatii Zil
Kilaa’if. Hunduu maqaalee namoota gaggaarii ummata Nuuh turan. Namonni
kunniin duunaan Shayxaanni gara isaanii deemuun iddoowwan isaan taa’aa
turan irratti siidaadhaabanii maqaa isaanitiin akka moggaasan itti hasaase.
Isaanis ni raawwatan. Garuu yeroo san hin gabbaraman ture. Sana booda erga
warreen sun dhumanii beekumsi dhabamee booda gabbaraman.” (Bukhaarii)
Abdun-Nabiyyi: Kun seenaa nama ajaa'ibsiisu!
Abdallaah: Waan kana caalaa nama ajaa'ibsiisummoo yoon siif hime! Xumura
98
nabiyyootaa kan ta’an hayyuun keenya Muhammad () Rabbiin gara ummata
araara kadhatanii, ibaadaa godhanii, xawaafanii, gidduu Safaa fi Marwaa
sussukanii, isaan hajjanii fi sadaqataniit ergee ture. Garuu isaani fi Rabbiin
gidduu uumama irraa warra walitti isaan fidan, kan akka Maleeykaa, Iisaa
() fi namoota gaggaarii biraa araarsitoota isaanii taasisu. ‘kara isaaniitiin
Rabbiitti dhichuu feena, Isa biratti akka araara nuuf godhan barbaanna’ jedhu.
Sana booda Rabbiin akka amantii abbaa isaanii Ibraahiim () haaromsanii fi
kan itti dhiyaachuu fi itti amanuu qaban Rabbiin qofa akka ta’ee fi kana irraa
wanti tokkos uumama biraatif ta’uu akka hin qabne akka barsiisaniif nabi
Muhammadiin () erge. Inni tokkicha Uumaa hiriyyaa hin qabne. Isa malee
kan soorata kennu hin jiru. Samiiwwan torbanii fi wanti isaan keessa jiru,
dachiiwwan torbanii fi wanti isaan keessa jiran hundi gabroottan Isaa ti, kan
alaa mana isaanii wal-qixxeessuuf isuma qofa. Ajaja Isaa jala jiru. Gooftoliin
isaan gabbaran odoo hin hafin mootummaa fi ajaja Isaa jala akka jiran ni amanu.
Abdun-Nabiyyi: Kun haasaasodaachisaa fi ajaa'ibsiisuudha. Kana irratti
ragaan jiraa?
Abdallaah: Ragaa baay’etu jira. Isaan keessaa jecha Rabbii () kanafaadha:
(Jedhi: samii fi dachii irraa eenyutu soorata isiniif kenna? Dhageettii keessaniifi
Argaa keessan kan harkaa qabu eenyu? Jiraa, du’aa irraa kan baasuufi du’aas,
jiraa irraa kan baasu eenyu? Dhimma waa hundaa kan tottolchu eenyu? Rabbi
siin jedhuu, ‘ergasuu maaf isa hin sodaattanree'jedhiin). ٣١ :ﯾﻮﻧﺲ
Ammas Rabbiin () akkana jedha:- (Jedhi: dachii fi wanti isii keessa jiru kan
eenyuti? Yoo beektan. Kan Rabbiiti jedhu; ‘ergasuu maaf hin xiinxalle’ jedhiin.
Gooftaan samiiwwan torbanii fi Gooftaan Arshii guddaa eenyu? jedhiin. Kan
Rabbiiti jedhu, ‘ergasuu maaf Rabbiin hin sodaattanree?’ jedhiin. Inni
mootummaan waan hundaa harka Isaa keessa jiru, Inni kan eeguufi Isarratti
kan hin eegamne eenyu yoo kan beektan taatan? Kan Rabbiiti jedhu, ‘ergasuu
akkam gowwoomtanii haqa irraa maqxu jedhiin!) ٨٩ – ٨٤ :اﻟﻤﺆﻣﻨﻮن
Mushrikoonni hajjii keessatti akka kanatti aanutti owwaatu turan: “Labbeeyka
Allaahumma labbeeyka; labbeeyka laa shariika laka; illaa shariikan huwa laka;
tamlikuhuu wamaa malaka” (Awwaadhe yaa Rabbi! awwaadhe; awwaadhe
hiriyyaan siif hin jiru; isa hiriyyaa kee taasifte malee; waan inni mooye ni
moota). Mushrikoonni qureeysh uumama kan sochoosu Isa akka ta’e amanuun
isaanii, ykn inni “Tawhiid Arrubuubiyyaa” jedhamu Islaamummaa keessa
isaan hin seensifne. Shafaa’aa maleeykotaa, nabiyyootaa fi waliyyootaa fedhuu
fi sanaan gara Rabbii akka kalaayan amanuu isaanittu akka isaan irratti
duulamu taasise. Kanaaf du’aa’ii hunda Rabbiif gochuun, wareega hunda
Rabbiif gochuun, gorraasaa hunda Rabbiif gochuun, gargaarsifannaa hunda
Rabbiif gochuun, ibaadaa bifa hundaatuu Rabbiif qofa gochuun dirqama ta’a.
Abdun-Nabiyyi: Tawhiidni akka ati jettutti jiraachuu Rabbii fi uumama akka
fedhe gochuu isaa qofa yoo hin ta’in maal inni?
Abdallaah: Tawhiidni isaaf jecha ergamtoonni kan ergamanii fi mushrikoonni
itti amanuu didan ibaadaa Rabbiif qofa gochuudha. Bifa ibaadaa kan akka
99
kaafiroonni waan biraa isaan irraa hin fedhan. Rabbiin () akkana jedha:-
(warri Isa (Rabbiin) malee jaalalleewwan qabatan, gara Rabbiitti akka nu
dhiheessaniif malee isaan hin gabbarru (jedhu)). ٣ : ﺍﻟﺰﻣﺮAkkamitti nabiyyoota fi
waliyyoota taabota taasifta?’’ kan jettes ilaalchisee kaafiroonni nabiyyiin ()
itti ergaman isaan irraa nama waliyyii kadhatutu jira. Rabbiin () waa’ee
isaanii akkana jedha: “Warreen isaan kadhatan sunniin karaa gara Gooftaa
isaanii isaan geessu barbaadu. Isa irra kaluu ta’e argachuuf fiigu. Rahmata
Isaas fedhu. Adaba Isaas sodaatu. Dhugumatti, adabni Gooftaa keetii
sodaatamaadha.” ٥٧ : ﺍﻹﺳﺮﺍءkuffaarotarraa nama Iisaa () fi haadha isaa
gabbarutu jira. Rabbiin () akkana jedha: (Yeroo Rabbiin “yaa Iisaa ilma
Maryam! ati namootan anaa fi haadha tiyyas Rabbiin ala gooftota nu
taasifadhaa jettee jirtaa?” jedhee gaafatu sana (yaadadhu)). ١١٦ :ﺍﻟﻤﺎﺋﺪﺓ
Ammas isaan irraa nama Maleeykaa gabbarutu jira. Rabbiin () akkana jedha:
(Guyyaa hunda isaanii kaasee ergasii maleeykotaan “sila isaan kun isin
gabbaraa turanii?” jedhu). ٤٠ :ﺳﺒﺄ
Kanaaf yoo sirriitti xiinxalte, keewwattoota kana keessatti Rabbiin nama
taabotatti dhimma baafachuuf itti dhaqe (gabbare) kafarsiiseera; nama
namoota gaggaarii akka nabiyyootaa, maleeykotaa fi waliyyootatti
dhimmames (gabbares) bifuma wal fakkaatun kafarsiiseera. Ergamaan Rabbiis
() odoo addaan hin fooyin kana irratti isaan irratti duulaniiru.
Abdun-Nabiyyi: Garuu kuffaaronni faaydaa isaan irraa kajeelu turan. Ani
garuu kan fayyadu, kan miidhuufi kan waa hunda godhu Rabbiin ta’uu ragaan
ba’aa, sana Isarraa malee hin fedhu. Namoonni gaggaariin kana irraa qooda hin
qaban. Garuu wanti ani isaanitti hajamuuf (gabbaruuf) shafaa’aa isaanii kajeeleti.
Abdallaah: Jechi kee jecha kuffaaratiin waluma fakkaata. Jechi Rabbii () kun
kana mirkaneessa: (Rabbiin ala waan isaan hin miine fi isaan hin fayyadne
gabbaru; ‘isaan kun Rabbiin biratti nu araarsu’ jedhu). ١٨ :ﻳﻮﻧﺲ
Abdun-Nabiyyi: Ani garuu Rabbiin malee waan biraa hin gabbaru; isaan
irratti irkachuuni fi isaan kadhachuun ibaadaa miti.
Abdallaah፡ Garuu mee sin gaafadha, Rabbiin ibaadaa Isaaf qulqulleessuu
dirqama akka sirratti godhee fi haqa Inni sirraa qabu akka ta’ee ni amantaa?
Rabbiin () akkana jedha:- (Amantii-diinii-Isaaf qulqulleessuun, shirkii irraa
fagaachuun Rabbiin akka gabbaraniif malee hin ajajamne). ٥ :ﺍﻟﺒﻴﻨﺔ
Abdun-Nabiyyi: Eeyye, kun nurratti dirqama.
Abdallaah፡Ani ammas wanta dirqama nurratti ta’e kana akka naaf ibsitun
fedha, ibaadaa Rabbiif qulqulleessuu isa jedhu kana?
Abdun-Nabiyyi፡Maal jechuu akka barbaadde gaaffiin kee naaf hin galle, naa ibsi.
Abdallaah፡ Tole siifin ibsaadhageeffadhu. Rabbiin () akkana jedha: (Gooftaa
keessan gadi uf qabuu fi sodaachaa kadhadhaa, Inni warra daangaa darbu hin
jaallatu). ٥٥ : ﺍﻷﻋﺮﺍﻑKanaafuu du’aa’iin ibaadaadhaa mitiiree?
Abdun-Nabiyyi: Sirritti malee, inuma inni hundee ibaadaati, akkuma hadiisa
keessatti “Du’aa’iin ibaadaadha” (Abuu Daawud) jedhame jechuudha.
Abdallaah፡ Erga kun Rabbiin gabbaruu ta’uu amantee, ergasii wama
101
kennee jira. Waan isaanif kennameef ni qabu jechuudha. Kanaaf waan qaban
isaan kadhachuu ni hayyamama; kun shirkis hin ta’u.
Abdallaah፡ Eeyye, kun jecha sirrii ture odoo Rabbiin () irraa si dhoorguu
baatee. Rabbiin () akkana jedha: (Rabbiin wajjin waan tokkollee hin
kadhatinaa/gabbarinaa). ١٨ : ﺍﻟﺠﻦShafaa’aa barbaaduunimmoo du’aa’iidha. Inni
nabiyyiif () shafaa’aa kennes Rabbuma. Inni shafaa’aa waan biraa irraa
barbaaduu si dhoorges Isuma, wanti ati irraa barbaaddu sun waan fedhes yoo
ta’e. Kana males shafaa’aa nabiyyiin () alas uumamni inni kennameef jira.
Maleeykonni ni shafa’u; ijoollen odoo umrii gaafatamaa irra hin ga’in du’an ni
shafa’u; waliyyoonni ni shafa’u. ‘Rabbiin shafaa’aa isaanif kennee akka isaan
irraa barbaadamu godhe jetta moo? Yoo kana jette gara ibaadaa namoota
gaggaarii Rabbiin qur’aana keessatti ibsee deebitee jirta. Yoo lakki jette
ammoo jechi kee kan ‘Rabbiin () shafaa’aa isaaf kenneera, anis waan Inni
isaaf kenne irraan barbaada’ jette gatii dhabeera.
Abdun-Nabiyyi፡ Ani garuu Rabbitti shirkii homaayyuu hin godhu. Namoota
gaggaarii irratti irkachuun ammoo shirkii miti.
Abdallaah፡ Rabbiin shirkii sagaagala (zinaa) caalaa cimsee haraama akka
godhee fi nama isa raawwateefis akka hin araaramne ni amantaa?
Abdun-Nabiyyi፡ Eeyye, kana nan amana. Kun jecha Rabbii () keessatti ifa
ta’eera.
Abdallaah፡ Ati amma shirkii Rabbiin haraama godhe akka hin hojjetin ibsitee
jirta. Rabbiin si qabee! Mee shirkiin ati isa keessatti hin kufin kan hin hojjanne
jettu sun isa kami?
Abdun-Nabiyyi፡ Shirkiin taabotoota gabbaruudha, fuulaan gara isaanii
deebi’uudha, isaan kajeeluudha, isaan irraa sodaachuudha.
Abdallaah፡ Hiikni taabotoota gabbaruu maali? Kaafiroonni qureeysh mukeeni
fi dhagaaleen sunniin ni uumu, soorata ni kennu, dhimma nama isaan
kadhatee ni raawwatu jedhanii waan amanan sitti fakkaataa? Akkuman siif
ibse isaan akkas hin amanan.
Abdun-Nabiyyi፡ Anis amantaa akkasii hin qabu. Inumaa namni muka ykn
dhagaa ykn ijaarsa qabrii ykn waan biraa gubbaa jiru kadhatee fi isaaf qale,
akkasumas ‘inni gara Rabbiitti nu dhiheessa, barakaa isaatiin Rabbiin balaa
nurraa deebisa’ yoo jedhe, ibaadaan taabotootaa kan ani baanu isa kana.
Abdallaah፡ Dhugaa jette, garuu kun hojii keessan kan isin mukkeen,
gamoowwanii fi dariihawwan (manneen) qabrii fi waan biraa irra jiran irratti
dalagdan. Ammas jechakee kan ‘shirkiin taabotoota gabbaruudha’ jette
ilaalchisee ‘yaadnikee shirkiin namuma kana dalage qofarratti gabaabbata
jechuudhaa? Saalihoota irratti irkachuuniifi isaan kadhachuun /gabbaruun/
shirkii keessa hin seenuu?
Abdun-Nabiyyi፡ Eeyye, wanti ani itti fedhes isuma kana.
Abdallaah፡ Yoos keewwattoota heddu kan Rabbiin haraama ta’uu nabiyyoota
fi saalihoota irratti irkachuu fi maleeykotaa fi wantoota biraa irratti rarra’uu,
akkasumas kafaruu nama kana dalagee ibse wajjin ati eessa jirta? Kana tana
103
taphaatin jedhu ga’utti ibsaniiru. Warri Rabbiin () akkana jechuun ibses
akkasuma: (Jedhi: Rabbitti, keewwattoota Isaatiifi ergamaa Isaatti coortuu?
Sababaa hin dhiyeessinaa, erga amantanii booda kafartanii jirtu). ٦٦ - ٦٥ :اﻟﺘﻮﺑﺔ
Warri Rabbiin erga amananii booda kafaruu isaanii addeesse sunniin duula
Tabuuk irratti ergamaa Rabbii () wajjin odoo jiran jecha akka cooraatti jenne
jedhan waan dubbataniif keewwanni kun itti bu'e.
Ammas akkana jedhama: Wanti Rabbiin () banii Israa’iil irraa nuuf
seenesse muslima ta’uu, beekumsa qabaachu fi toltuu dalaguu isaanii wajjin
bifa cooratiin Muusaan (gooftolii nuuf taasisi) ١٣٨ : اﻷﻋﺮافjedhaa turan. Jechi
sahaabota nabiyyii () irraa namoonni murtaa’an “akka isaan Zaatu anwwaxin
qaban nuufis zaatu anwaaxin taasisi” jennaan nabiyyiin () kun jecha
yahuudotaa kan (akka isaan gooftaa qaban nuufis gooftaa taasisi) ١٣٨ :اﻷﻋﺮاف
jedhan fakkaata jechuun kakatan.
Abdun-Nabiyyi፡ Garuu ilmaan Israa’ilis ta'e, isaan akka 'zaatu anwwaxi'n
taasisaniif nabiyyii () gaafatan sanaan hin kafarsiifamne.
Abdallaah፡ Deebin isaas Baniin Israa’iil waan nabiyyii () gaafatan sana hin
dalagne, odoo sana dalaganii ni kafaru. Isaan nabiyyiin () irraa dhoorganis
odoo ajaja isaanii fudhachuu didanii erga isaan irraa dhoorganii booda zaatu
anwaaxin odoo taasifatanii ni kfaru turan.
Abadunnabiyyi፡ Garuu ani ammas waan naaf hin galintu jira. Innis seenaa
Usaamaa Ibni Zeeydi nama “Laa Ilaaha Illallaah” jedhu ajjeesuu isaati fi
nabiyyiin () mormuu isaani ti. Akkana jedhaniin: “Yaa Usaamaa! Erga ‘Laa
Ilaaha Illallaah’ jedhee ajjeeftee? Jedhaniin.” (Bukhaarii) Akkasuma jechi isaanii
kan “ani hanga ‘Laa Ilaaha Illallaah’ jedhanitti namootatti akkan duulu
ajajameera” (Muslim) jedhan. Gidduu waan ati jetteeti fi hadiisota kanneen
lamaanii akkamitti araarsina? Rabbi si haa qajeelchuu! Na qajeelchi.
Abdallaah፡ Akkuma beekamu, nabiyyiin () yahuudota odoo isaan “Laa
Ilaaha Illallaah” jedhan lolaa fi booji’aa turaniiru. Sahaabonni isaaniis Banii
Haniifaa odoo isaan “Laa Ilaaha Illallaah Muhammadan Rasuulullaah” jedhanii
fi sagadan lola irratti adeemsisaniiru. warri Aliyyiin () gubes akkasuma.
Namni kaafama morme odoo “Laa Ilaaha Illallaah” jedheellee waan kafareef
ajjeesuun ni ta’a. Namni utubaalee (arkaana) Islaamaa irraa waan tokko
morme kafareera, odoo isii jedheellee ni ajjeefama. Kan yeroo damee irraa
waan tokko morme isa hin fayyadne, akkamitti yeroo inni tawhiida hundee
amantii ergamtootaa kan mataa taate mormu akkamitti isa fayyaddi. Hiika
hadiisota kanneenii waan hubatte natti hin fakkaatu.
Hadiisa Usaamaa ilaalchisee: Inni nama muslima ufiin jedhu tokko ajjeesee
ture. Kan inni namicha ajjeeseef du’aa fi saamamuu qabeenya isaa sodaatee isii
jedhe malee amanee miti shakkii jedhuun ture. Garuu namni Islaamummaa ufii
mul’ise hanga wanti sana faallessu mul’atutti irraa uf qabuu barbaachisa.
Rabbiin () akkana jedha: (Yaa warra amantan! Yoo karaa Rabbii irratti duultan
(dhugaa) addaan baafadhaa). ٩٤ : اﻟﻨﺴﺎءKeewwatni kun kan akeeku nama
'amane' jedherraa of qabanii mirkaneeffachuun dirqama ta’uu isaati. Sana booda
106
wanti Islaama ta’uu isaa faallessu yoo mul’ate ni ajjeefama. (Addaan baafadhaa)
٩٤: ﺍﻟﻨﺴﺎءkan jedhes kanumaafi malee odoo “Laa Ilaaha Illallaah” jechuu
isaatiinkan hin ajjeefamne ta’ee addaan baafachuun faaydaa hin qabu ture.
Hadiisni biraas akkasuma: Hiikni isaa akkuma dubbanne. Nama tawhiidaa fi
Islamummaa ufii mul’ise irraa uf qabuun dirqama ta’a; yoo wanti sana
faallessu ifatti argame malee. Ragaan kanaa ammo jecha ergamaa Rabbii ()
kan “erga inni “Laa Ilaaha Illallaah” jedhee ajjeeftee?” (Bukhaarii) jedhuu fi
“ani hanga “Laa Ilaaha Illallaah” jedhanitti namootan lolutti ajajameera”
(Muslim) kan jedhu. Khawaarijoota ilaalchisaniis akkana jedhu: “eessattiyyuu
yoo argitan ajjeesaa” (Bukhaarii) Garuu khawaarijoonni warra garmalee
ibaada fi “Laa Ilaaha Illallaah” baay’san turan. Sahaabonnuu yeroo ibaadaa
isaanii argan uf tuffatu. Isaan barnoota kan fudhatan sahaabota irraa ture. “Laa
Ilaaha Illallaah” fi baay’inni ibaadaa, akkasumas Islaama ufiin jechuun isaanii
ajjeefamuu jalaa isaan hin baafne; waan gocha faallaa shari’aa dalaganiif.
Abdun-Nabiyyi፡ Jechi nabiyyii () kan isaan ‘ilmi namaa guyyaa qiyaamaa
Aadamiin, ergasii Nuuhin, ergasii Ibraahiimin, ergasii Muusaa, ergasii Iisaa,
bira deemuun nu dhaqqabaa jedhuun; hundi isaanii garuu akka hin dandeenye
ibsuuf; dhumarra isaan bira akka ga’u’ ibsan waan Rabbiin ala ta’een na
dhaqqabi jechuun shirkii akka hin ta’in mirkaneessa.
Abdallaah፡ Kun si jalaa wal-dhahe malee nama lubbuun jiruu fi bakkatti
argamuun waan danda’u irratti na dhaqqabi jechuu, nuti hin dhoorgine. Rabbiin
() akkana jedha: (Inni gosa isaa – Muusaa – ta’e isa diina isaa ta’e irratti naa
birmadhu jedheen). ١٥ : ﺍﻟﻘﺼﺺAkkuma namni lolaa fi waan isa fakkaatu irratti
hiriyyaa isaatiin‘waan dandeessuun na dhaqqabi’ jedhuun jechuudha. Nuti na
dhaqqabii ibaadaa kan isin qabrii waliyyootaa birattii fi bakka isaan hin jirretti,
waan Rabbiin () malee uumamni hin dandeenyen akka isin dhaqqaban
kadhattan irraa isin dhoorgine. Guyyaa qiyaamaa namoonni nabiyyootaan nu
dhaqqabaa jechuun isaanii akka herregni godhamee warri jannataa boqonnaa
argatan Rabbiin akka kadhataniif kajeelaniiti. Kunimmoo duniyaattis ta’e
aakhiratti, ni hayyamama. Nama gaarii tokko bira deemtee haala inni si
dhagahuun waliin teessee ‘Rabbiin naaf kadhu’ yoo jetteen kun waanuma
sahaabonni nabiyyii () yeroo lubbuun turan gaafachaa turani. Garuu erga
du’anii booda qabrii isaanii bira deemanii hin kadhanne. Inuma salafoonni nama
qabrii biratti Rabbiin kadhachuuf garas deemu jibbaniiru.
Abdun-Nabiyyi፡ Seenaa Ibraahiim () kan yeroo isaan ibiddatti darbaman
Jibriil () hawaa keessatti itti dhufee “maal feeta?” jennaan Ibraahiim ()
“sirraa homaa hin fedhu” jedhaniin ilaalchisee yaada maal qabda? Odoo
Ibraahiimin dhaqqabuun isaa shirkii ta’ee, silaa hin gaafatu ture.
Abdallaah፡ kunis hubannama dogoggoraa kan akka duraati. Gabaasichi
mataan isaa sirrii miti. Odoo sirriidha jennee fudhanneeyyuu Jibriil kan bira
deeme waan danda’uun gargaaruuf ture. Kun akka jecha Rabbii () (Abbaa
humna cimaatu isa barsiise) ٥ : ﺍﻟﻨﺠﻢjedheeti. Yoo Rabbiin hayyameefii ibidda
Ibraahiimi fi dachii fi gaarrin isa maddii jiran qabee gara bahaa ykn dhiyaa
107
darbee sun isa hin dhibu ture. Kun akka nama dureessa nama hiyyeessaan
mallaqa dhimma ittiin baafattu liqeessuufiif gaafannaan didee hanga Rabbiin
rizqii eenyullee ittiin of hin dhaadanne kennuufitti obseeti. Kunii fi dhaqqabiin
ibaadaa akkasumas shirkii isin dalagdanii wajjin eessaa wal fakkaata!
Obboleessa kiyya beeki, shirkiin isaan jalqaba nabi Muhammad () itti
ergamanii sababaa sadihiin kan isaan bara (zamana) kanaa irra salphaadha:
1ffaa፡ Isaan jalqabaa Rabbitti kan waa qindeessan yeroo bal’inaati, yeroo
rakkoo garuu Rabbiin qofa kadhatu. Rabbi () akkana jedha: (Yeroo yabala
yaabbatan amantii Isaaf qulqulleessuun Rabbiin qofa kadhatu. Ergasii Inni gara
dachiitti nagaan isaan baafnaan shirkii dalagu). ٦٥ : اﻟﻌﻨﻜﺒﻮتAmmas Rabbiin ()
akkana jedha: (Yeroo danbaliin akka gaaddisaatti isaan haguugu amantii Isaaf
qulqulleessuun Rabbiin qofa kadhatu, ergasii yeroo Inni gara dachii nagaan
isaan baasu isaan keessaa nama wahitti rarra’utu jira, keewwata keenya namni
mormu isaan amantaa hin qabne kan kaafira ta’an qofa). ٣٢ :ﻟﻘﻤﺎن
Mushrikoonni nabiyyiin () lolaniin yeroo bal’inaa Rabbiin kadhachaa Isaa
wajjin waan biraa kadhatu turan. Yeroo rakkoo garuu Rabbii tokkicha malee
waan biraa hin kadhatan; gooftolii isaanii ni dagatu. Mushrikoonni bara kanaa
garuu yeroo bal’inaas ta’e, yeroo rakkoo Rabbii wajjin waan biraa kadhatu.
tokkoon isaanii yeroo rakkatu: yaa ergamaa Rabbii! Yaa Huseein! kkf jedha.
Garuu namni kana hubatu eessa jira?
2ffaa፡ Isaan jalqabaa warri isaan Rabbii wajjin kadhatan namoota Isatti
dhiheenya qaban kan akka nabiyyii, waliyyii, maleeykaa, xiqqaateemmoo
dhagaa ykn muka ajaja Rabbii fudhatanii fi Isa hin dinne. Namoonni bara kanaa
garuu warri isaan Rabbii wajjin kadhatan faasiqoota. Isaan akka saalihootaatti
ilaalaman ykn warreen akka dhagaa fi mukaa kan ajaja Rabbii hin dinnee
kadhachuutu warra faasiqummaa fi badiin beekaman kadhachuurra wayya.
3ffaa፡ Walii galli mushrikoota bara nabiyyii () shirkiin isaanii tawhiida ibaadaa
irratti malee tawhiida Rabbummaa irratti hin turre. Yeroo ammaa garuu shirkiin
ibaadaa jiraatus, baay’inaan kan argamu shirkii Rabbummaa ti. Fakkeenyaf akka
waan hunda kan akka fedhe taasisu, kan jiraachisu, kan ajjeesuu fi kkf hunda kan
godhu uumama jedhanii yaaduu amantaa mushrikoota bara kanaati.
Haasaa kiyya qabxii guddaa marii dabre irraa hubatamu tokko ibsuunin
xumura. Innis tawhiidni onneen yaaduu, afaanin dubbachuu fi qaamaan
hojjechuun sababaa raawwachuu akka ta’e mormiin hin jiru. Kana keessaa
wanti tokko yoo hirdhate namichi sun muslima hin ta’u, odoo tawhiida
beekeellee yoo itti hin hojjetin kaafira didaa akka Fir’awnii fi Ibliis ta’a. Kunis
waan namoota heddu jalaa wal rukutu. ‘Kun haqa ta’uu ni fudhanna, garuu
hojjechuu hin dandeenyu, biyya keenya keessattii fi ummata keenya biratti hin
danda’amu, kanaaf miidhaa isaanii irraa dheessuf isaanitti hiriyyoomu fi itti
fakkaachuu qabna jedhu. Miskiinonni kun irra hedduun hayyoota kufrii haqa
odoo beekan sababaa adda addaa uumun akka dhiisan hin beekne. Rabbiin
() akkana jedha: (Keewwattoota Rabbii gatii xiqqaa bituun karaa Isaa irraa
dhorgu, isaan wanti isaan dalagaa turan akkaan fokkate!) ٩ :اﻟﺘﻮﺑﺔ
108
Namni tawhiida odoo hin beekinii fi onnee isaa keessatti odoo itti hin yaadin
dalagaa mul’ataa itti dalage inni munaafiqa. Inni kaafira ifa bahaa caalaa
badaadha. Rabbiin () akkana jedha: (Munaafiqoonni ibidda irraa sadarkaa
jalaa keessatti galfamu). ١٤٥ :ﺍﻟﻨﺴﺎء
Qabxiin kun ifa kan siif galu yoo afaan namootaa irraadhageessee fi nama haqa
hubatee akka Qaaruun duniyaan isaa akka jalaa hin hirdhanne, ykn akka
Haamaan kabajaa isaatiif, ykn akka Fir’awn taayitaa isaatif jecha itti dalaguu
dhiise argite.
Nama Islaamummaan onneen odoo hin ta’in, gubbaan itti hojjetu argitanii
onnee isaatiin maal akka yaadu odoo gaafattanii waan deebisu hin beeku.
Garuu qur’aana Rabbii irraa keewwatoota lama hubachuu qabda:
Keewwanni Jalqabaa:- Isuma dabre kan (Sababaa hin dhiyeessinaa; erga
amantanii booda kafartanii jirtuu) ٦٦ : ﺍﻟﺘﻮﺑﺔjedhu. Isaan nabiyyii () wajjin gara
Ruum duulan gidduu gariin sababaa jecha coora fi taphaaf jedhaniitin akka
kafaran erga beekte, namni akka qabeenyi jalaa hin hirdhanne sodaachuun,
ykn sadarkaaf, ykn fakkaatee jiraachuuf jecha kufrii dubbate ykn itti dalage, isa
cooraaf jedhe irra kanatu ulfaata. Namni cooru yeroo heddu namoota
kolfisiisuf jecha odoo onneen itti hin yaadin afaanin waa jedha. Namni sodaa
ykn fedha waan uumama bira jiruutif jecha kufrii jedhe ykn itti dalage, waadaa
Shayxaanaa guutuun isa dhugoomsee jira: (Shayxaanni hiyyummaa waadaa
isiniif gala, waan fokkataa ta’etti isin ajajas). ٢٦٨ : ﺍﻟﺒﻘﺮﺓWaadaa isaa irraas ni
sodaatu: (Baraa Shayxaanota kanneentu jaalallee isaanii sodaachisa). :ﺁﻝ ﻋﻤﺮﺍﻥ
١٧٥ kan Waadaa Rabbii () hin dhugoomsine: (Rabbiinis araaraa fi qananii
Isarraa ta’e waadaa isiniif gala). ٢٦٨ : ﺍﻟﺒﻘﺮﺓAkeekkachiisa Rabbii irraa hin
sodaanne: (Yoo mu’uminoota taatan, isaan hin sodaatinaa; Ana qofa sodaadhaa
malee). ١٧٥ : ﺁﻝ ﻋﻤﺮﺍﻥNamni haalli isaa akka kana ta’e waliyyii Rabbiiti moo
waliyyii Shayxaanaa ta’a?
Keeyyanni Lammaffaa: Jecha Rabbii () kan: (namni erga Rabbitti amanee
booda kafare, nama dirqisiifame kan onneen isaa iimaana irratti tasgabboofte
ta’e malee, garuu namni qoma isaa kufriif bane, dallansuun Rabbirraa ta’etu
isaan irra jiraata; adaba guddaatu isaaniif jiras). ١٠٦ : ﺍﻟﻨﺤﻞRabbiin namoota
sanaaf sababaa hin goone; nama odoo onneen isaa iimaana irratti tasgabbooftee
jirtu dirqisiifame malee. Warri biraa garuu sodaaf, waa kajeeluun, ykn fakkaatee
jiraachuuf, ykn jaalala biyyaa, maatii, firaa, qabeenya, ykn dalagaa, bifa cooraatiin
ykn waan biraatiif namni jedhe, isa dirqisiifame malee, ni kafara. Keewwatichi
ilmi namaa jechaa fi dalagaa irratti malee akka hin dirqisiifamne mirkaneessa.
Aqiidaa onnee ilaalchisee garuu eenyullee isii irratti hin dirqisiifamu. Rabbi ()
akkana jedha: (kun waan isaan jiruu duniyaa aakhiraa irra jaallataniifi,
dhugumatti Rabbiin tuuta kaafirootaa hin qajeelchu). ١٠٧ :ﺍﻟﻨﺤﻞ
Kun adabni sababaa amanuu onnee, wallaalummaa, jibba amantii, ykn kufrii
jaallachuunii miti. Sababaan isaa sana keessatti qoodaalee duniyaa keessaa qooda
qabaachuu danda’a. bu’uurri isaa garuu diinii (amantii) irratti. Rabbitu beeka.
Kana hunda booda, Rabbiin si haa qajeelchuu, yeroon itti gara Gooftaa keetii
109
tawbattee, gara Isaa deebitee fi waan irra turte dhiiftu hin geenyeeree?
Dhimmichi akkuma dhageesse gar-malee hamaadha, gaaffichi cimaaadha,
haasichi hunda ilaallataadha.
Abdun-Nabiyyi፡ Rabbiikoon araara gaafadha, gara isaattin tawbadha, Rabbiin
malee gooftaan haqaa akka hin jirree fi Muhammad ergamaa Isaa akka ta’an
ragaan ba’a. Waanin Rabbiin ala gabbaraa turetti kafareen jira. Waan darbe
akka naaf dhiisuufi irra naaf dabru Rabbiinan kadhadha. Ija rahmataa fi
araaraatiin akka na ilaalus nan kadha. Hanga guyyaa Isa qunnamuutti tawhiida
fi aqiidaa sirrii irratti akka gad-nadhaabun Isa kadha. Yaa obboleessa kiyya
Abdallaah! Gorsa keetii fi waan ani irra jiru mormuu keetiif miindaa gaarii
akka Rabbiin siif kennu nin kadha. Diinin (amantiin) wal gorsuu waan ta’eef.
Innis tokko maqaan kiyya kan Abdun-Nabiyyi ture, Har'aa jalqabee
Abdurrahmaanitti jijjiireera. Kan lamuu gochaalee dhorgamoo dhokatoo ta’an
kan ani irra ture naaf ibsite. Kunis aqiidaa jallataa odoo isarra jiru gara Rabbii
deemee gonkumaa hoffoltii hin arganne ture.
Garuu gaaffii xumuraa tokko si gaafachuun fedha. Innis gochaalee dhorgamoo
baay’inaan namoota jalaa wal rukutan akka naaf himtun fedheeti.
Abdallaah፡ Rakkoo hin qabu, garuu gurra naaf kennii sirritti na dhageeffadhu.
Kitaaba fi sunnaa irraa gidiraa barbaaduuf jecha hiika isaa jijjiiruun waan
waldhabiinsi isa keessa jiru hordofuu mallattoo hin godhatin. Dhugaatti hiika
isaa Rabbiin malee homtuu hin beeku. Mallattoonkee mallattoo warra
beekumsa gadi fagoo qaban kan hiika waan ifa hin ta’in ilaalchisee: (itti
amannee jirra, hunduu Gooftaadhuma keenya biraati) ٧ : آل ﻋﻤﺮانjedhanii haa
ta’u. Waan waldhabiinsi isa keessa jiru ilaalchisee jechoota ergamaa Rabbii ()
kanneen hordofi:- “Waan si shakkisiisu dhiisii waan sin shakkisiifne qabadhu”
(Ahmadii fi Tirmiizii)
“Namni ‘fakkaattii (waan haraamummaa fi halaalummaan isaa hin beekamin)
sodaate, amantii fi maqaa isaatifis qulqullaayeera, namni fakkaattii keessatti
kufe ammoo haraama keessatti kufeera” (Bukhaari fi Muslim)
“cubbuun waan qoma kee keessa si quuquufi namni irratti si arguu jibbitu” (Muslim)
Rasuulli “Al sadi ‘onnee kee gaafadhu, lubbuu kee gaafadhu’ jedhanii ‘gaarii
jechuun waan lubbuun itti tasgabboofte, cubbuun waan lubbuu keessa nama
quuquufi qoma keessa nama deddeebi’u, odoo namoonnis sitti himanii akka
itti himtu si gaafatanis” (Ahmad)
Fedha lubbuu (hawaa) hordofuu irraa fagaadhu; waan Rabbiin () akkana
jechuun irraa dhoorgef: (Nama fedha lubbuu isaa gooftaa ofii godhate argitee!)٤٣ :اﻟﻔﺮﻗﺎن
Namoota fi ilaalchotaaf looguu irraa fagaadhu, wanti abbootin keenya irra
turan waan namaa fi haqa addaan fooyu ture. Dhugaan wanti mu’umina jalaa
bade eessattis yoo argate, isatu abbaa haqaa ti. Rabbiin () akkana jedha:
(Yeroo waan Rabbi buuse hordofaa isaanin jedhamu, lakki nuti waan abbootii
teenya irratti agarre hordofna jedhu. odoo abbootiin isaanii kan homaa hin
beekne fi hin qajeelles ta’eeyyuu moo). ١٧٠ :اﻟﺒﻘﺮة
Kuffaaratti fakkaachuu irraa fagaadhu; waan inni mataa badii hundaa ta’eef.
110
Nabiyyiin () akkana jedhu: “Namni tuutatti fakkaate, inni isaanuma irraayi”
(Abuu Daawuud)
Waan Rabbiin alaa irratti irkachuu irraa fagaadhu. Rabbiin () akkana
jedha: (Namni Rabbirratti irkate, Rabbumatu isaaf ga’a).
wanjala Rabbii irratti uumamaaf hin ajajamin. Nabiyyiin () akkana jedhu:
“cubbuu Uumaa (Rabbii) irratti uumamaaf ajajamuun hin hayyamamu”. (Tirmiizii)
Rabbiin irratti shakkii badaa hin qabaatin. Rabbiin () hadiisal qudsii keessatti
akkana jedha: “Ani bakka gabrichi kiyya itti na shakku jira” (Bukhaari fi Muslim)
Qubeelaa ykn haada fi kkf balaan akka hin dhaqqabne, ykn erga dhaqqabee
booda dhabamsiisuuf jettee hin godhatin.
Ija hamtuu deebisuuf jettee kudhaama fannifachuurraa fagaadhu, shirkii
waan ta’eef. Nabiyyiin () akkana jedhu: “Namni waa rarraafate, isuma irratti
akka irkatu taasifama” (Tirmiizii)
Waan akka dhagaa, mukaa, suuraa fi gamoowwaniitin barakaa barbaaduu
irraa fagaadhu; kun shirkii dha.
Gaddii laallachuu irraa fagaadhu; inni shirkii dha. Nabiyyiin () akkana
jedhu: “gaddii laallachuun shirkii dha, gaddii ilaallachuun shirkiidha gaddii
laallachuun shirkii dha.” (Abuu Daawuud)
Raagdotaa fi warreen urjii lakkaa’an, kan beekumsa fagoo qabna jedhanii fi
kitaabarraa barjee mul’isuun carraa namaa kan gara fuula duraat himna warra
jedhan dhugoomsuu irraa fagaadhu. Kana keessatti isaan dhugoomsuun
shirkiidha. Waan fagoo jiru kan beekuu Rabbi qofa.
Rooba roobu urjii fi yerootti hin irkisin; shirkii waan ta’eef. Kan itti
irkifamuu qabu Rabbuma qofatti.
Wanti ittiin kakattu maalillee yoo ta’e, Rabbiin ala waan biraatiin
kakachuun shirkii waan ta’eef irraa fagaadhu. Hadiisa Ahmad gabaase
keessatti “namni waan Rabbiin ala jiruun kakate kafare ykn shirkii hojjete”
kan jedhu dhufeera. Kunis akka nabiyyiin, amaanan, kabajaan, waadaan,
jireenya fi kkf kakachuuti.
Bara (waggaa), ykn qilleensa, ykn aduu, ykn qorra, ykn hoo’a arrabsuu irraa
fagaadhu; waan isaan arrabsuun Rabbii () isaan uume arrabsuu ta’eef.
Yeroo wanti jibbitu si tuqe, jecha “utuu…” jedhu irraa fagaadhu, waan
dalagaa Shayxaanaa banuu fi murtii Rabbii () diduu waan ta’eef. Garuu
‘Rabbi waan fedhe murteesseera; Inni waan fedhe hojjata’ jedhi.
Qabrii masjiida godhachuu irraa fagaadhu; waan masjiida qabriin isa keessa
jirutti sagaduun dhoorgamaa ta’eef. Aa’ishaa (Rabbi irraa haa jaallatu) irraa
akka gabaafametti, ergamaan Rabbii () sakraa du’aa keessa ta’anii akkana
jedhu: “Rabbiin yahuudotaa fi kiristaanota haa abaaru; qabriiwwa nabiyyoota
isaanii masjiida godhatan; waan isaan dalagan irraa akeekachisuuf jecha.”
Aa’ishaan akka jette: ‘odoo akka yahuudotniifi kiristaanonni hojjetantu
hojjetamaa sodaachuu baatanii silaa qabriin isaanii bakka ifa ta’e ta'a ture'
jette. (Bukhaarii) Ammas akkana jedhu: “Isaan isin dura turan qabriiwwan
nabiyyoota fi saalihoota isaanii masjiida godhataa turan. Kanaaf isin
111
qabriiwwan masjiida hin godhatinaa, ani sanarraan isin dhorga.” (Abuu Awaanaah)
Hadiisota sobdoonni gara ergamaa Rabbii () irkisuuf yaalan kan isaanin
ykn ummata isaanii irraa saalihootan tawassula gochuu irratti kakaasan
dhugoomsuu irraa fagaadhu, waan soba ta’aniif. Isaan keessaa “Sadarkaa
kiyyaan tawassula godhaa, waan sadarkaan kiyya Rabbiin biratti guddaa
ta’eef”, “yeroo rakkoon isinitti jabaatu, warra qabriitin tawassula godhachuun
isin irra haa jiraatu”, “Rabbiin qabrii waliyyii hundaa irratti maleeykaa
dhimma ilma namaa raawwatu ramada”, “odoo tokkoon keessan shakkii
isaadhagaa irratti tolchee, isa fayyada” kan jedhanii fi kan biraas baay’etu jira.
Ayyaanota amantiin wal qabatan kan akka mawlida nabii, Israa’a fi
mi’iraajaa, halkan walakkaa Sha’abaan, kkf kabajuu irraa fagaadhu. Isaan kun
wantoota haara’a ergamaa Rabbii () fi sahaabota isaanii kan nabiyyii () nu
caalaa jaallatan, kan dalagaalee kheeyrii irratti nu caalaa sardaman irraa ragaa
waan hin qabneef. Odoo kun kheeyrii ta’ee, silaa isa dalaguurratti nu dursu turan.
112
XAHAARAA/QULQULLIN
Sagadni utubaa Islaamaa isa lamuu ti. Xahaaran malee sagaduun hin
gayu. Xahaaran kan godhamu ammoo bishaani fi biyyee qofaani.
Gosa Bishaanii:
1)Xaahira: Kun bishaan ufii qulqulluu ta’ee fi waan biraas qulqulleessu.
Hadasa namarraa kaasuu fi najisa namarraa adeemsisuuf gargaara.
2)Najisa: Kun yoo xiqqaa ta’e waan najisni isa tuqe. Yoo baay’ee ta’emmoo
waan sababaa najisa isa keessa bu’eetin dhandhamni, ykn bifti, ykn hafuurri
isaa jijjiirame.
Yaadannoo: Bishaan guddaan yoo najisni haallin isaa- bifa, dhandhamtii fi
hafuura isaa- keessaa tokko jijjiire malee hin najisu. Bishaan xiqqaan garuu
najisni isa tuquu qofaan ni najisaaya. Bishaan guddaa kan jedhamu yoo qullata
lama (naannoo litira 210) caale.
Mi’oota: Meeshan hundi xaahira waan ta’eef itti fayyadamuun ni danda’ama;
yoo mi’a warqii fi meeta irraa hojjatame ta’e malee. Mi’oota warqii fi meetatis
xahaaraa yoo godhan cubbuu qaba malee xahaaran inuma ga’a. Mi’aa fi uffata
kaafiraatti fayyadamuun ni hayyamama; yoo najisaa’uu isaanii beekne malee.
Gogaa baktii: Walumaa galattuu najisa. Baktiin bifa lama: 1) Kan gonkumaa
foon isaa hin nyaatamne. 2) Kan foon isaa nyaatamu ta’ee isa hin halaalfamin
(hin gorra’amin). Inni foon isaa nyaatamu kan hin halaalfamin gogaan isaa yoo
duugame (hallame) jiidhatti odoo hin ta’in gogatti itti fayyadamuun ni ga’a.
Istinjaa፡ Kun waan “qubula” (qaama fincaanii) ykn “dubura” (qaama
sagaraa/udaanii) irraa ba’u adeemsisuudha. Yoo bishaanin ta’e “istinjaa”
jedhama; yoo dhagaan ykn waraqaan ykn waan isaan fakkaataniin ta’e
“istijmaar” jedhama. Istijmaara qofa irratti geeffachuuf wanti ittiin godhu sun
qulqulluu, hayyamamaa, qulqulleessaa, kan hin nyaatamne, dhagaa sadihii fi
sanaa oliin ta’uu qaba. Istinjaan ykn istijmaarri waan ba’u hundaaf dirqama ta’a.
Nama hajaa isaa ba’u irratti wanti haraama ta’e, yeroo isa barbaachisu caalaa
achirra turuudhabuudha. Akkasumas, karaa bishaan ittiin bu’u, ykn karaa
namni deemu irratti, ykn gaaddisa jala taa’amu jalatti, ykn muka firiin irraa
nyaatamu jalatti, ykn gara qiblaa gara galanii hajaa ba’uun dhoorgamaadha.
Nama hajaa isaa ba’uuf wanti jibbamu, waan maqaa Rabbii ufirraa qabu
qabatee seenuu, yeroo hajaa ba’u haasa’uu, baqaqa fi fakkaataa isaa keessatti
fincaayuu, harka isaa mirgaatin qaama saalaa tuquun, mana fincaanii keessa
ta’anii gara qiblaa gara galuun dhoorgamaadha.
Nama hajaa isaa ba’uuf wanti jaalatamu, lakkofsa dhiqannaa ykn haxaa'uu
keessatti qara gochuu fi bishaani fi dhagaa lamaanuu walitti qabuu.
Siwaaka: Muka laafaa akka aadetiin ilkaan rigachuun (siwaakachuun)
sunnaadha. Yeroo sagadaa, yeroo qur’aana qara’an, yeroo wuduu’aa afaan
shafachuu dura, yeroo hirriba irraa dammaqan, yeroo masjiida ykn mana
seenan, yeroo hafuurri afaanii jijjiiramuu fi kkf ilkaan rigachuun sunnaadha.
Siwaaka fi xahaaraa keessatti gama mirgaatin jalqabuun, waan hin jaalatamne
adeemsisuu keessatti harka bitaatti fayyadamuun sunnaadha.
Wuduu’a: Arkaanni isaa: 1) fuula dhiqachuu, afaan shafachuu ykn
117
1 Dhimmi kun mazhaba Hanbalii keessatti malee mazhaboota biyya keenyaa keessatti baay’inaan
itti hojjatamuun hin balleessu.
2 Qabxiin kun mazhaboota giddutti mormii guddaa qaba. Kan asitti dhiyaate isa mazhaba
tokkoo qofa. Gama ragaatin yoo bishaan keessaa hin ba’in hin balleessu.
119
2) Qaamni saala dhiiraa farjii dubartii keessa seenuu yoo dhangalaasuu baates
3) Islaama seenuu kaafiraa odoo murtaddii ta’ellee 4) Ba’uu dhiiga xurii ji’aa
5) Ba’uu dhiiga dahaa 6) Muslimni du’uudha.
Dirqamoota Dhiqannaa: Niyyaa dhiqannaatin qaama guutuu, keessa
afaani fi funyaanii dabalatee, bishaanin waliin ga’uun ga’aadha.
Dhiqannaan guutuu kan guutamu waan sagaliini. Isaanis 1) Niyyacuu
2) Bismillaah jechuu 3) Mi’a keessa odoo hin seensisin dura harka lamaan
dhiqachuu 4) Farjii fi waan inni tuttuqe dhiquu 5) Wuduu’a godhachuu
6) Mataa irratti bishaan al sadi dhangalaasuu 7) Qaama irratti bishaan naquu
8) Harka lamaanin qaama rirriguu 9) Hundaa keessatti mirgaan jalqabuudha.
Wantoota nama wuduu’a hin qabne irratti haraama ta’an: 1) Qur’aana
tuquu, 2) Sagada sagaduu, 3) Xawaafa gochuudha.
Wantoota nama janaabaa qabu irratti haraama ta’an: Namni janaabaa
qabu sadan oliitti dabalatee: 4) Qur’aana qara’uun 5) Masjiida keessa turuun
ni dhoorgama.
Namni janaabaa qabu wuduu’a malee rafuuni fi yeroo dhiqatan bishaan
hanga barbaachisuu ol itti fayyadamuun jibbamaadha.
Tayammuma፡ Ulaagaaleen isaa: 1) Bishaan dhabamuu 2) Biyyee
qulqulluun, hayyamamaa, dikee qabuu fi hin gubatiniin ta’uudha.
Dirqamoota Isaa፡ Fuula guutuu fi ergasii harka lamaan hanga iddoo
hidhannaa sa’aatii ga’utti haxaayuu; tartiiba eegu fi walitti aansu dha.
Wantoota Isa Balleessan፡ 1) Wantoonni wuduu’a balleessan hundi
2) Bishaan dhabamuuf yoo ta’e inni argamuu 3) Sababaan tayammuma isa
goosise dhabamuu; fkn dhukkubsatee yoo ta’e fayyuudha.
Sunnaawwan Isaa፡ 1) Yoo janaabaa irraa ta’e tartiiba eegu fi walitti aansuu
2) Gara dhuma yerootti butuu 3) Erga xumure booda zikrii wuduu’aa jechuudha.
Wanta Jibbamaa፡ Irra deddeebi’anii ganaa harkaatin biyyee dhayuun
jibbamaadha.
Sirnoota Isaa፡- Niyyachuu, ergasii ‘bismillaah’ jechuu, ganaa harka
lamaanitiin al tokko biyyee dhayuu, ergasi jalqaba fuula fi areeda isaa irra
ganaa harkaa oofun haxaayuu, ergasii ganaa harka bitaatin duuba ganaa harka
mirgaa haxaayuu, ganaa harka mirgaatin ammoo duuba harka bitaa
haxaayuudha.
Najaasawwan Dhabamsiisuu፡ Najaasan gosa lama፡ 1) kan ofii
isaaniitii najasa ta'an: kan qulqulleessuun hin danda'amne kan akka
booyyeefaa, yoo hammam dhiqameyyuu hin qulqullaa'u 2) kan njaasni itti
argame yoo ta'u: irraa adeemsisuun kan danda'amuudha kunimmoo kan akka
lafaafi uffataati. Lubbu-qabeeyyii: Isaanis bakka lamatti qoodamu: 1) Kan
najisa ta’an isaan akka saree, booyye fi waan isaan irraadhalatanii fi allaattii fi
bineensota qaamni isaanii adurree caalu irraa waan foon isaanii hin
nyaatamne dabalata. Isaan kunniin fincaan, faltiin, gororri, fuuran, bishaan
qaama saalaa, aannan, furriini fi haqqeen isaanii najisa. 2) Kan qulqulluu ta’an,
isaanis sadihitti qoodamu: A) Ilma namaa: bishaan saalaa, furan, gororri,
120
aannan, furriin, deeffun, jiini farjii dhalaa hundi qulqulluu (xahaara) dha.
Akkasumas, qaama fi wantoonni isarraa ba’an kan fincaan, sagaraa, mazyii,
wadyii fi dhiiga hin ta’in hundi xaahira. Isaan kunniin garuu najisa.
B) Wantoota foon isaanii nyaatamu: Kunniin hundi fincaan, faltiin,
gororri, fuuran, bishaan saalaa, aannan, furriin, haqqeen, mazyiini fi wadyiin
isaanii hundi qulqulluu (xahaara) dha.
C) Wantoota Isaan irraa uf eegun hin danda’amne kan akka harree,
adurree, hantuuta fi warreen isaan fakkaatan gororaa fi fuuran isaanii qofti
xaahira yoo ta’an kan hafan najisa.
Wantoota du’an፡ Du’aa ilma namaa, qurxummii, awwaannisaa fi
wantoota dhiiga dhangala’aa hin qabne kan akka qaajjibbuu, mixii fi tayfii
malee du’aan wantoota hafe hundaa najisa.
Wantoonni gogaan akka lafaa, dhagaa fi kkf hundi xaahira; isaan olitti
ibsaman malee.
Qabxilee Ijoo፡ dhiigni, haqqeeni fi malaan najisa. Garuu yoo beeylada
xaahiraa irraa wanti xiqqaan ba’e sagada fi waan biraa keessattis rakkoo hin
qabu. Dhiigni waan lama keessa jiru xaahira. Isaanis: 1) Qurxummii fi
2) Dhiiga foon horii gorra’ame keessatti hafu. Wanti beeylada nyaatamu kan
lubbuun jiru irraa argamu foon kutames ta’ee wanti rarra’u hundi najisa.
Najaasaa adeemsisuuf niyyaan homaatuu hin barbaachisu. Wantoota
najisa ta’an harkaan tuquun ykn isarra deemun wuduu’a hin balleessu. Isa
adeemsisuu fi iddoo fi uffata inni tuqe adeemsisuun qofti ga’aadha.
Najaasan kan qulqullqq’u ulaagaalee kanatti aanu ni: 1) Bishaan
qulqulluun dhiquun 2) Kan cuunfamu yoo ta’e cuunfun 3) Dhiquun kan hin
baane yoo ta’e, irraa riguun adeemsisuu 4) Najaasaa sareen wal qabate yoo
ta’e, al torba bishaanin, saddeeteffaa biyyeen ykn saamunaan dhiquu.
Yaadachiisota፡ Najaasaa dachii irra jiru yoo dhangala'aa akka fincaanii
ta’e, hanga najisichi, bifti isaa fi hafuurri isaa adeemsifamutti bishaan itti
naquun ga’aadha. Yoo waan hin yaane kan akka sagaraa ta’e garuu hanga
najisichaa fi mallattoon isaa adeemsifamutti dhiquu barbaachisa.
Najaasaadhabamsiisun bishaanin malee kan hin danda’amne yoo ta’e,
dhiquun dirqama ta’a. Bakki najaasan jiru yoo nama jalaa dhokate, hanga
najaasichi dhiqamuun isaa mirkanaayutti dhiquu barbaachisa. Namni
sunnaa sagaduuf wuduu’ate, fardii ittiin sagaduun isaaf ga’a. Namni rafe ykn
hafuurri irraa ba’e, istinjaa godhachuun isarra hin jiru; waan hafuurri xaahira
ta’eef jechuudha. Yoo sagaduu ykn waan biraatif fedhe wuduu’a godhachuun isaaf
ga’a.
121
122
123
1) Mahrama jechuun nama tasuma fuuchuun haraama itti ta'u jechuudha; kan akka abbaa,
akaakayyuu, akkasumaan hanga ol bahutti. Ilmis,ilmi ilmaas, akkasumaan hanga gadi bu'utti.
Obboleessii fi obboleettiin akkasumas ilmaan isaanii. Eessumaaf wasiilli akkasumas abbaa abbaa
manaa hanga ol bahutti, ilma isaa hanga gadi bu'utti. Abbaafi ilma, obboleessa hoosisaa, dhirsa
intalaa,akkasumas dhirsa haadhaati.
125
dhoksaa turre" (Al- Haakim). Aa'ishaan akka jette "nuyii Ergamaa Rabbii()wajjin
harramatee jiru hoggaa dhiirri nu bira gahe, fuula keenyatti haguugganna turre
hoggaa isaan darbanimmoo ofirraa fuuna" jette (Abuu Daawuud).
Iddaa Bifa adda addaa qaba. Isaanis: 1) Dubartii Ulfaa: Iddaan hiikka fi
du’aa dahuu iseeti. 2) Dubartii Dhirsi Irraa Du’e: Iddaan isii ji’a afurii fi guyyaa
kudhani. 3) Dubartii Xurii Irratti Hiikamte: Iddaan isii xurii sadi arguudha.
Iddaan isii xurii sadaffaa irraa qulqullaa’uun xumurama. 4) Dubartii Xurii hin
Qabne: Iddaan isii ji’oota sadii turuudha. Dubartiin hiikkaa
deebii isii dandeessisu keessa iddaa eeggattu yeroo iddaa dhirsa isii wajjin
jiraachuu qabdi. Innis hanga iddaan isii dhumutti akka fedhetti isii ilaalus ta’e
kophaa waliin ta’uu ni danda’a. Kanaanis Rabbiin gidduu isaaniitti araara
uumuu danda’a. Dubartiin hiikamte dhirsi isii “si deebfadhe” jechuun ykn
qunnamtii saalaa gochuun isii deebfachuu danda’a. Deebfachuuf jaalala niitii
gaafachuun dirqama miti.
Dubartiin ofiin nikaa of hidhuu hin dandeessu, Rasuulli() akkana jedhan:
"dubartiin kamiyyuu eeyyama itti gaafatamaa ishee malee yoo heerumte,
nikaan ishee baaxila(fudhatama hin qabu) " Abuu Daawuud.
Dubartiin Rifeensa mataa isheetti waan biraa itti fufachuun, akkasumas
qaama isheerraa bakka tokkoyyuu tumachuu dhorkaa ta'uu isaarrayyuu,
cubbuu gurguddaarraa lakkaa'ama Rasuulli() akkana jedhan: "Dubartii
Rifeensa mataa isheetti waa fufattu, akkasumas kan ilkaan tumattuu fi kan
tumsiifattus Rabbi abaareera" Bukhaarii fi Muslim.
Sababa tokko malee dubartiin hiikkaa gaafachuun dhorkaadha Rasuulli
akkana jedhan: "dubartiin kamiyyuu kan waa tokko malee abbaa manaa ishee
hiikkaa gaafatte fooliin jannataa haraama iseerratti ta'a" Abuu Daawuud.
Dubartiin abbaa manaa isheetiif waan inni ajaje tole jechuun dirqama,
keessumaayyuu yeroo inni bakka ciisichaatti ishee waamu diduun
dhorkaadha, Rasuulli () akkana jedhan: "dubartiin kamiyyuu yeroo abbaan
manaa ishee gara bakka ciisicha isaatti waamu dhufuu diddee itti aaree kan
bulu yoo ta'e, hanga bari'utti malaa'ikaan ishee abaaraa bulti" Bukhaarii fi Muslim.
Dubartiin yoo karaa dhiirri ormaa jirurra kan deemtu taate waan urgaa'u
dibattee deemuun hin ta'u. Rasuulli ()akkana jedhan:"Dubartiin urgooftee
karaa namootni irra jiranirra akka isaan isaan foolii ishee urgeeffataniif kan
deemtu yoo taate isheen akkasii fi akkasi; jechuun sagaagaltuudha" Abuu Daawuud.
127
SAGADA
Azaana fi Iqaamaa: Biyya keessa jiraatan keessatti dhiira irratti “fardu
kifaaya” dha.
Nama kophaa sagaduu fi musaafira ta’e irratti sunnaadha. Dubartiif
garuu jibbamaadha. Odoo yeroon sagadaa hin geenye dura hin godhamu.
Sagada fajriitif garuu azaanni jalqabaa walakkaa halkanii booda irraa jalqabee
godhamuu ni danda’a.
Ulaagaalee Sagadaa: 1) Muslima ta’uu 2) Sammuu qabaachuu 3) Umrii
addaan waa baafachuu (ga’eessummaa ga’uu) 4) Yoo danda’ame xahaaraa
qabachuu 5) Yeroon seenuu: Yeroon Zuhrii aduun qixxee irra dabruu irraa
kaasee hanga gaaddisni waan tokkoo isaan qixa ta’utti; Ergasii yeroo Asrii ti;
yeroon filatamaan isaa hanga gaaddisni dachaa waan sanaa ta’utti; ergasii
hanga dhiyutti yeroo rakkoo ti. Ergasii yeroo Maghriibattu seenee hanga
ifnanti diiman (shafaqal ahmar) badutti tura. Sana booda yeroo Ishaa’ittu
seena; yeroon filatamaan isaa hanga walakkaa halkanii ti. Ergasii yeroon
rakkoo hanga fajriin ba’utti itti fufa. Ergasii hanga aduun baatutti yeroo sagada
fajriiiti. 6) Yoo danda’ame, awraa1 (qaama dhokataa) waan qaama hin
mul’ifneen dhoksuu; Awraan dhiira ga’eessa umrii kudhanii fi sanaa olii jidduu
handhuuraa fi jilbaati. Dubartiin ga’eettiin bilisa taate sagada keessatti fuula
isii malee qaamni isii marti awraadha. 7) Yoo danda’ame qaama, uffataa fi
bakka sagada isaa najaasaa irraa fageessuu. 8) Dandeettii qabaannaan gara
qiblaatti garagaluu 9) Niyyaadha.
Rukniiwwan Sagadaa: Rukniiwwan kudha afurtu jira: 1) Sagada fardii
irratti yoo danda’ame dhaabbachuu 2) Takbiiraa Ihraamaa 3) Faatihaa
qara’uu 4) Rak’aa hundarratti rukuu’a gochuu 5) Isarraa ol jedhuu 6) Rukuu’a
(gadi dhuldhuluu) booda qajeelanii dhaabbachuu 7) Qaama torba irratti
sujuuda godhuu 8) Gidduu sujuuda lamaanii taa’uu 9) Tashahhuda dhumaa
10) Tashahhuda dhumaatiif taa’uu 11) Tashahhuda dhumaa keessatti nabiyyii
() irratti nagaa fi rahmata buusuu 12) Salaamtaa duraa 13) Rukniiwwan
dalagaa keessatti tasgabbii qabaachuu 14) Rukniiwwan kanniin dabareen
raawwachuudha.
Rukniiwwan kunniin sagadni isaan malee hin ga’u. Beekaas ta’ee odoo
hin beekin rukniin tokko yoo dhiifame, sagadni ni bada.
Dirqamoota Sagadaa: Isaan saddee ti: 1) Takbiirawwan isa takbiiraa
1)
Qaama Saalaa: Qaamni saalaa ilma namaa waan inni irraa saalfatu. Asirratti garuu qaama
saalaa yoo jennu qaama yoo inni haguugame malee sagada fi xawaafni fudhatama hin
qabaanne. Qaamni saalaa dhiira umriin isaa waggaa torbaa farjii lamaan qofa. Kan dhiira
waggaa kudhanii ammoo gidduu handhuura fi kurree jilba isaa ti. Dubartiin geessuun bilisa
taate fuula, barruu harkaa fi koomee miilla isii malee qaamni biraa hundi awraadha. Qaama
sadan kana sagada keessatti haguuguun jibbamaadha. Yoo namni ajnabii ta’e bira jiraate garuu
haguugun waajiba ta’a. Harki isii garri olii banaa ta’ee yoo sagadde ykn xawaafa yoo goote
ibaadan isii fudhatama hin qabaatu. Qaamoliin saalaa muummen (qaamni fincaanii fi sagaraa)
sagadaan alattis dhokfamuun dirqama. Yoo sababaa qabatamaaf ta’e malee dukkana keessattis
ta’e kophaattis haguugamuu qabu. Abbaa warraa fuundurattii fi rakkoo humnaa ol ta’e kan
akka yaala fi kittaannatiif garuu ni hayyamama.
128
isii jalqabaatti haa sagadu. Yoo geesse tashahhudaaf afatee haa taa’u. Harka isaa
kan bitaa jilba isaa kan bitaa irra haa kaa’u. Harka mirgaa jilba mirgaa irra kaa’a.
Qubbiin xiqqaa fi itti aantu walitti qaba. Abbudduu fi isii gidduu walitti hidha.
Quba akeektun ammoo tokkummaa Rabbii akeeka. Akkana jedha: “Attahiyyaatu
Lillaahi wassalawaatu waxxayyibaatu; assalaamu aleeyka ayyuhannabiyyu
warahmatullaahi wabarakaatuhuu; assalaamu aleeynaa wa’alaa ibaadillaahis
saalihiina; Ashihadu an laa ilaaha illallaahu wa’ashihadu anna Muhammadan
abduhuu warasuuluhu”. Ergasii sagada abbaa raka’aa sadii fi afurii yoo ta’e
harka isaa ol kaasee takbiiraa godhaatin ka’a. Kan hafanis akkaatama kanaan
sagada. Garuu sagalee ol hin kaasu. Faatihaa qofa qara’a. Ergasii miilla isaa bitaa
afuun isa mirgaa jalaan baasun miilla mirgaa isaadhaabee teessuma isaa lafa
irra kaa’un tashahhuda dhumaatif taa’a. (Tawarrukni kan godhamu teessuma
dhuma sagadaa tan tashahhuda lama qabdu keessatti). Ergasii tashahhuda
jalqabaa jedha. Ergasii ammoo “Allaahumma salli alaa Muhammadin wa’alaa
aali Muhammadin kamaa salleeyta alaa Ibraahiima wa’alaa aali Ibraahiima
innaka hamiidun majiid. Allaahumma baarik alaa Muhammadin wa’alaa
Muhammadin kamaa baarakta alaa Ibraahiima wa’alaa aali Ibraahiima innaka
hamiidun majiid” haa jedhu. Akkana jechuunis sunnaadha: “A’uuzu billaahi min
azaabin naari wa’azaabil qabri; wafitnatil mahyaa wal mamaati, wafitnatil
masiihid dajjaal.” Du’aa’iwwan jedhaman kan biraas jechuu ni danda’a. Ergasii al
lama salaamtaa jedha. Gara mirgaa garagaluun “Assalaamu aleeykum
warahmatullaahi” jedha. Ergasiis gara bitaa naanna’uun akkasuma jedha. Sana
booda du’aa’iwwan dhufan kan biraa jechuun sunnaadha.1
Sagada Dhukkubsataa፡ Yoo dhaabbachuun dhukkubicha itti jabeessu
ta’e ykn yoo hin danda’in, taa’ee haa salaatu. Kana yoo dadhabe, cinaa isaa
irratti haa salaatu. Kanas yoo hin danda’in, duuyda isaa irra ciisee haa salaatu.
Rukuu’a fi sujuuda gochuu yoo dadhabe, akeekkaa haa akeeku. Salaatota jalaa
taran qadaa haa baasu. Sagada hunda yeroo isaanititti sagaduu yoo dadhabe,
zuhrii fi asrii, akkasumas maghriiba fi ishaa’ii jam’ii godhatee bakka tokkotti
sagaduu ni danda’a.
Sagada Imaltuu: Yoo dheerinni karaa deemuu km 80 �i sanaa ol ta’ee fi imalli
isaa hayyamamaa ta’e, salaatota raka’aa afuri lamatti gabaabsuun ni
danda’ama. Yoo iddoo deemu san guyyoota afurii ol (salaatota fardii 20) turuu
niyyate, guyyaa achi ga’e irraa jalqabee sagada isaa guutuu qaba malee
gabaabsuu hin qabu. Yoo musaafirri nama biyya jirutti hidhate, ykn sagada
yeroo biyya jiru hin salaatin imala irratti yoo yaadate, ykn sagada imala irratti
hin salaatin erga biyyatti deebi’e booda yoo yaadate, kana hunda keessatti
sagada isaa guutuu qaba. Namni imala irra jiru sagada guutuu danda’a. Garuu
kan caalu gabaabsu dha.
Sagada Jum’aa፡ Sagadni Jum’aa sadarkaan Zuhrii caala. Inni sagada uf
danda’e malee Zuhrii gabaabsamee miti. Afur sagaduunis hin hayyamamu.
Niyyaa zuhriitin hidhachuunis hin ga’u. Odoo sababaan jam’ii goosisu
guutamellee, Jum’aa fi Asrii jam’ii walitti gochuun gonkumaa hin danda’amu.
Sagada Witrii፡ Sagadni witrii sunnaadha. Yeroon isaas sagada Ishaa’ii irraa
kaasee hanga fajriin ba’utti. Xiqqaan isaa raka’aa tokko yoo ta’u, guddaan isaa
raka’aa kudha tokko. Raka’aa lama lamaan salaammataa salaatutu caala. Yoo
fedhe afur, ykn jaha, ykn saddeet waliin sagaduu danda’a. Ergasii raka’aa witrii
takka sagaduun xumura. Yookan sadi, ykn shan, ykn torba, ykn sagal walitti
sagaduu danda’a. Irra xiqqaan guutuu isaa raka’aa sadi salaamtaa lamaan
sagaduudha. Sana booda raka’aa lama taa’anii sagaduun ni danda’ama.
Sagada Janaazaa፡ Muslimni yoo du’e isa dhiquun, kafanuun, irratti sagaduun,
gara qabrii geessunii fi awwaalun fardu kifaayaadha. Kana jechuun yoo gariin
isaanii hojjatan kan hafan hin cubbuuayan; yoo hunduu hin hojjatin garuu
hunduu ni gaafatamu. Namni jihaada irratti shahiida ta’e yoo hafu. Inni hin
dhiqamu, hin uffifamu (hin kafanamu), irratti sagaduun garuu ni danda’ama.
Haaluma irratti du’e san irratti awwaalama. Dhiirri waccuu adii dachaa sadi
qabuun uffifama. Dubartiin ammoo isa dachaa shan qabuun uffifamti. Isaanis
marxoo, guftaa, qamisii fi waccuu lama. Yoo kan du’e dhiira ta’e, imaama fi
namni kophaa salaatu gara qoma isaa, dubartii garuu walakkaa isii
dhaabbachuu qabu. Takbiiraa afur godha. Takbiiraa hunda wajjin harka isaa ol
fuudhuu qaba. Takbiiraa jalqabaa booda sagalee gadi qabuun Shayxaana irraa
Rabbitti maganfata; basmalaa qara’a; faatihaa qofa qara’a. Ergasii takbiiraa
lamuu jedheetin nabiyyii () irratti nagaa fi rahmata buusa. Ergasii takbiiraa
sadaffaa jedheetin nama du’eef du’aa’ii kadhata. Sana booda takbiiraa afraffaa
jedheetin xiqqoo dhaabbatee ergasii takka qofa gara mirgaa salaammata.
Qabrii taakkuu takkarra ol fuudhun, simintoon kaabun, dhungachuun, itti
aarsun, irratti katabuun, irra taa’unii fi deemun dhoorgamaadha. Qabrii
keessatti ifaa ibsuun, irra maruun (xawaafa gochuun), masjiida irratti ijaarun,
ykn masjiida keessatti awwaalun dhoorgamaadha. Qubbaawwan qabrii irra
jiran diigunis dirqama.
Jechoonni taaziyaa ittiin godhamu baay’eedha. Isaan keessaa namni
taaziyaa godhu “A’azamallaahu ajraka, wa’ahsana azaa’aka, waghafara
limayyitika” jechuun isa tokko. Muslima kaafirri jalaa du’e taaziyaa yoo godhan
“A’azamallaahu ajraka, wa’ahsana azaaka” jechuu barbaachisa. Odoo namni
jalaa du’e muslima ta’ellee kaafira taaziyaa gochuun dhoorgamaadha.
132
Namni erga inni du’ee booda warri isaa akka irratti boohan beeku, akka itti
hin boonne dhaamachuun dirqama isaati. Yoo san hin ta’in, isarratti booyuu
isaanitiin ni adabama.
Maatii namni jalaa du’eef nyaata hojjatanii geessuun sunnaadha. Isaan irraa
nyaachuun garuu jibbamaadha. Mana isaanii keessatti namoota walitti
qabamaniif nyaata hojjechuun jibbamaadha.
Qabrii muslimaa zayyaruun sunnaadha. Garuu sanaaf jedhanii imala ba’uun
hin hayyamamu. Qabrii kaafiraa zayyaruunis ni ga’a. Kaafirris qabrii muslimaa
yoo zayyare hin dhoorgamu.
Imaamu Shaafi’iin (rahimahullaah) akkana jedhu: “taaziyaaf taa’un ni
jibbama Kunis maatin nama du’ee sun akka namoonni taaziyaa isaan godhan
mana keessatti walitti qabamanii taa’u dha. Garuu dhiiras ta’ee dubartii kan
isaan irra jiru gara dhimma isaanii deemu dha.
Namni qabrii ziyaare yeroo seenu akkana jechuu qaba: “Assalaamu
aleeykum daara qawmin mu’uminiin (ahlad diyaari minal mu’uminiin) wa’innaa
iinshaa’allaahu bikum laahiquun. Yarhamullaahul mustaqdimiina minnaa wal
musta’akhiriin. Nas’alullaaha lanaa walakumul aafiyaah. Allaahumma laa
tahrimnaa ajrahum; walaa taftinnaa ba’adahum; waghfir lanaa walahum.”
Hiikkan isaas (Warra ganda mu’uminootaa (mu’uminoota ganda kanaa)
nageenyi isin irratti haa jiraatu. Nutis yoo Rabbi jedhe isin boodan dhufna.
Nurraa isaan dursanii fi isaan boodatti hafaniifis Rabbiin rahmata haa godhu.
Nuu fi isiniifis nagaa akka kennu Rabbiin kadhanna. Yaa Allaah! Mindaa isaanii
nun dhabsiisin; isaan boodas nun qormaatin; nuu fi isaanifis araarami)
jechuudha.
Kafana irratti qur’aana katabuun dhoorgamaadha; najisuu waan danda’uuf,
isa xiqqeessuu waan ta’ee fi ragaan waan itti hin jirreef jechuudha.
Sagada Iida Lamaanii፡ Sagadni tun fardi kifaaya dha. Yeroo isaanii yeroo
sagada duhaa ti. Yoo erga aduun qixxee tarte booda beekame, borumtaa sana
qadaa baafama. Ulaagaaleen isaanii akka jum’aa ti; khuxbaa lamaantu adda
isaan godha malee. Bakka iidatti duraa fi duubattis sunnaa sagaduun
jibbamaadha. Akkaataa sagadaa: Raka’aa lama sagadamti. Raka’aa jalqabaa
keessatti, takbiiraa ihraamatti aansee al jaha takbiiraa jedha. Raka’aa lamuu
keessatti ammoo al shan takbiiraa jedha, takbiiraa hunda wajjin harka ol
fuudha. Ergasii Shayxaana irraa Rabbitti maganfata (A’uzu billaahi
minaShayxaanir rajiim’ jedha). Ergasii sagalee ol fuudhetiin faatihaa qara’a.
ergasii raka’aa jalqabaa keessatti suuraa “Sabbih” (A’alaa), isa lamuu keessatti
ammoo suuraa “Al-Ghaashiyaa” qara’a. Erga salaamtaa jedhe booda kuxbaa
lama kan akka khuxbaa jum’aa godha. Garuu tana keessatti takbiiraa
baay’isuun sunnaadha. Iida akka sagada dabalataatti (nafliitti) yoo sagades
isaaf ga’a; waan takbiirawwan dabalataa sunnaa ta’aniif.
Sagada Haguugama Aduu (Kusuufaa)፡ Sagada sunnaa ti. Yeroon isii
jalqabuu haguugamuu aduu ykn baatii irraa kaasee hanga inni deemutti. Erga
sababaan isii deeme booda qadaa baasun hin barbaachisu. Kan sagadamu
133
dama'amee obaafamu kan akka bishaan boollaa waraabanii obaasan yoo ta’e,
walakkaa ushriittu ykn harka diigdama keessaa tokkotu (5%) irraa ba’a. Waan
guyyoota murtaa’an xaarii guddaan garii guyyoota ammoo xaarii malee
obaafamu yoo ta’e, kan irra caalutu ilaalama. Kan guyyaan itti obaafameen
caaletu fudhatama.
Zakaa Albuudaa፡ Albuudni bifa lama: 1) Warqii ykn Ziqiyaa: hanga giraama
85 guututti zakaan irraa hin ba’u. 2) Meeta/Nahasa: hanga giraama 595
guututti zakaan irraa hin ba’u. Mallaqni ykn qarshiin waraqaa yeroo zakaan
irraa ba’u san shallagni isaa nisaaba xiqqaa ziqiyaa ykn meetaa guutuu qaba;
yoo hin guutin zakaan irraa hin ba’u. Hammi zakaa albuudaa dhibba keessaa
lamaa fi walakkaa (2.5%) dha.
Faaya hayyamamaa: itti fayyadamamu zakaan irraa hin ba’u. Isa kiraaf ykn ol
kaayamuuf qophaa’e garuu zakaan irraa ba’uu qaba. Ziqiyaa fi meeta irraa
wanti akka aadatti uffatamu dubartiif hayyamamaadha. Meeta irraa waan
xiqqoo meeshaa irratti godhuun hayyamamaadha. Dhirtis meeta irraa waan
xiqqoo akka qubee, manzaraa fi kkf uffachuun ni ga’a. Ziqiyaa irraa garuu
waan tokkos meeshaa irratti itti fayyadamuu hin danda’u. Dhiiraaf kan
hayyamamu waan xiqqoo isa biraa hordofee dhufu kan akka ziippii uffataati fi
hidhaa ilkaani ti. Kanas odoo dubartitti hin fakkaanne itti fayyadamuu qabu.
Namni mallaqni isaa yeroo tokko dabalee yeroo biraa hirdhatu, kan zakaa isaa
baasun rakkise, waggaa keessaa guyyaa tokko murteessee guyyaa san hangam
akka qabu laalee sana keessaa dhibbarraa harka lamaa fi walakkaa baasuu
qaba. Odoo mallaqni gariin waggaa guutuu baatellee haala kanaan baasa.
Namni mindaa qabu ykn wanta kireessu kan akka manaa fi dachii qabu, yoo ol
kaayamee hin turin odoo baay’ee ta’ellee zakaa keessaa hin baasu. Yoo ol
kaayamee waggaa ture garuu zakaa irraa baasuu qaba. Yoo hammi mallaqa
isaa yeroo gara yerootti wal dhabe, guyyaa murtaa’e fudhatee sanarraa haa
baasu.
Zakaa Liqaa: Namni dureessa irraa liqaa qabu, ykn mallaqa argachuun malu
qabu, yeroo fudhate zakaa waggoota dabree odoo baay’atellee baasuu qaba.
Garuu yoo mallaqa deebi’uun isaa hin malle kan akka hiyyeessaf liqeeffame
ta’e zakaan isarra hin jiraatu.
Zakaa Meeshaa Daldalaa: Yoo ulaagaaleen afur guutaman malee zakaan irraa
hin ba’u: 1) Qabeenya isaa ta’uu; 2) Daldalaaf kan niyyatame ta’uu;
3) Shallagni isaa nisaaba xiqqaa ziqiyaa fi meetaa guutuu; 4) Waggaa guutu
dha. Yoo ulaagaaleen kun guutaman shallagameetin zakaan irraa ba’a. Ziqiyaa
ykn meeta ykn mallaqa biraa yoo qabaate, meeshaa daldalaatitti makuun
nisaaba akka guutu gochuun irraa baasuu qaba. Meeshaa daldalaa gara
fayyadama dhuunfaatti jijjiiruu yoo fedhe, fkn uffata uffachuu, mana keessa
jiraachuu, konkolaataa ufii itti fayyadamuu yoo fedhe zakaan irraa hin ba’u.
Yoo deebi’ee daldala itti niyyate ammoo yoo ulaagan guutame irra deebi’ee
zakaa baasuu qaba.
Zakaa Fixrii: Nama halkanii fi guyyaa Iidaa soorata ufii nyaatu fi maatii isaa
136
nyaachisu irraa hafu qabu irratti zakaan fixrii dirqama. Hammi isaas midhaan
naannotti nyaatamu irraa mataa tokko tokkoo namaatin-dhiiras ta’ee dhalaa-
kiiloo lamaa fi ruubii (2.25) irraa baasu dha. Namni zakaa baasun isa qabate,
nama halkan Iidaa isa soorun dirqama irratti ta’e hundarraa zakaa baasun
isarra jira. Guyyaa Iidaa sagada iidaa dura baasun caala dha. Sagada Iidaa
booda kennuun hin ga’u. Guyyaa Iidaa dura guyyaa tokko ykn lama dursanii
kennuun ni danda’ama. Waan garee qabatu namni tokko kennuunis ta’ee waan
nama tokko qabatu gareen kennuun ni danda’ama.
Akkaataa Baasinsa Zakaa: Zakaa dafanii baasun dirqama. Daa’immanii fi
namoota maraatan irraa baasun nama isaan bulchu irratti dirqama ta’a.
mul’isuuni fi abbichi mataan isaa addaan baasee kennuun sunnaadha. Namni
dirqamni isarra jiru akka isii baasu niyyachuun irra jira. Yoo sadaqaa walii
galaatti niyyate, odoo qabeenya isaa mara sadaqatellee zakaa isaaf hin ta’u.
Irra caalan isaa zakaa qabeenya hundaa hiyyeeyyii biyya isaa giddutti
qoodamuu qaba. Toltuun yoo itti yaadame garuu gara biyya biraas geessun ni
danda’ama. Yoo nisaabni isaa guutame zakaa waggoota lamaa dursanii
kennuun ni ga’a.
Bifa Warreen Zakaan Kennamuuf: Gosa saddeettu jira. Isaanis:
1)hiyyeeyyii homaa hin qabne; 2)miskiinota qabeenya ga’aa hin qabne;
3)Warreen zakaa qindeessuu irratti hojjatan; 4)Namoota gabrummaa irraa
bilisoomsuuf; 5)Namoota haaraa Islaamatti seenuu fedhaniif; 6)Namoota
idaan qabamaniif; 7)Qabsoo karaa Rabbii keessatti godhamuuf; 8)Nama
imalarra jiru kan hajamaa ta’eef kennama. Hundaafuu hanga isa barbaachisutu
isaaf kennama. Nama zakaa qindeessuf garuu yoo qabaataa ta’ellee mindaan
isaa kennamuufii qaba. Shiftoonni ykn kashalabboonni biyyattii yoo qabatan
isaanif kennuun ni ga’a. Qondaalli tokko humnaan ykn jaalannaan zakaa yoo
fudhate waan gaarinis hojjatee waan badaan hojjatee isa kenneef ni ga’a.
Zakaa kaafiraaf, gabraaf, dureessaf, nama isa soorun dirqama ta’uuf,
akkasumas Banii Haashimiif kennuun hin ga’u. Odoo hin beekin nama tokkoof
kennee ergasii kennamuufii akka hin qabne yoo beeke zakaan isarraa hin kufu.
Hiyyeessa se'ee kenneefii ergasii dureessa ta’ee yoo argame garuu isaaf ga’a.
Sadaqaa fedhii (Taxawwu’aa)፡ Ergamaan Rabbii () akkana jedhu: “Hojii fi
toltuu isaa irraa wanti mu’umina erga inni du’ee booda hordofan ilmii
(barnoota) inni barsiisee babal’ise, ilma gaarii du'aa'ii isaaf godhu, qur’aana
inni dhaalchise, ykn masjiida inni ijaare, ykn mana namoota karaa deemaniif
ijaare, ykn laga yaase, ykn sadaqaa odoo nagahaa fi lubbuun jiruu qabeenya
isaa keessaa baasetu erga du’ee booda isa hordofa.” (Ibni Maajah)
137
SOOMA
Soomni Ramadaanaa dirqama kan ta’u: muslima sammuun guutuu, kan
umriin ga’eessa ta’ee fi soomuu danda’u irratti. Dubartii dhiiga xurii fi dahaa
irra jirtu garuu soomuu hin qabdu. Daa’imnis yoo danda’e akka baratu
soomatti ajajamuu qaba. Ramadaanni seenun kan beekamu wantoota lama
keessaa tokkooni: 1)Baatin isaa argamuu: kunis yoo muslimni (dhiiras ta’ee
dubartii) haqa dubbatuu fi umrii dirqamaa irra ga’e ragaa ba’e. 2)Jiini
Sha’abaan guyyaa soddoma guutu dha. Dirqamummaan isaa kan jalqabu fajriin
dhugaa ba’uu irraa kaasee hanga aduun dhiitutti. Sooma dirqamaa fajrii dura
niyyachuun waan hafiinsa hin qabne.
Wantoota Sooma Balleessan: 1) Farjii keessa qunnamtii saalaa gochuu:
namni kana guyyaa ramadaanaa keessa raawwate qadaa baasuutu isarra jira.
Kaffaaran isaas gabra bilisoomsuu, namni hin argatin ji’oota lama walitti
aansee soomuu, namni hin danda’in miskiinota jahaatama nyaachisuu, nama
kanas hin arganne homtuu isarra hin jiru. 2) Maniyyiin bu’uu: kunis wal
dhungachuun, wal tuquun, ykn qaama saalaa tuquun ta’uu danda’a. Nama
maniyyiin ufiin irraa ba’e homtuu isarra hin jiru. 3) Beekaa nyaachu fi dhuguu:
Yoo dagatee nyaate/dhuge garuu soomni isaa hin badu. 4) Dhiigni ba’uu: Yoo
koobachuun ykn gargaarsaf baasan ni balleessa. Garuu inni xiqqaan
qorannoof, ykn inni fedhiin ala akka madaa fi funuunan ba’u sooma hin
balleessu. 5)Beekaa uf haqqisiisuu.
Yoo awwaarri kokkee isaa seene, ykn odoo bishaan afaan lulluuqatuu fi
funyaanitti ol fudhatu bishaan kokkee isaa seene, ykn waa’ee dubartii yaadee
yoo maniyyiin irraa bu’e, ykn hirriba keessa yoo maniyyii dhangalaase, ykn
fedha isaatiinala dhiigni ykn haqqeen yoo irraa ba’e, soomni isaa hin badu.
Namni halkan se'ee nyaatee ergasii guyyaa ta’uu mirkaneeffate qadaa baasuu
qaba. Namni fajriin ba’uuf dhiisuu shakkaa halkan keessa nyaate soomni isaa hin
badu. Garuu waan aduun seente se'ee guyyaan yoo nyaate qadaa baasuu qaba.
Hukmii Nama Sooma Hiikee: Nama sababaa fudhatamaa hin qabne irratti
sooma hiikuun haraama. Dubartii dhiiga xurii fi dahaa irra jirtuu fi nama nagaa
tokko badii (du’a) jalaa baasuuf sooma hiikuun barbaachisaa nama itti ta’e
irratti sooma hiikuun dirqama. Nama imala sagada gabaabsun isaaf
hayyamamu irra jiru yoo soomni itti jabaate, dhukkubsataanis yoo rakkoo itti
fidaa sodaate sooma hiikuun isaanif sunnaadha. Nama biyya jiru kan guyyaa
karaa ba’uuf jiruuf, akkasumas dubartii ulfaati fi hoosiftuuf yoo lubbuu
isaanitii fi daa’imman isaanii irratti rakkoo sodaatan sooma hiikuu ni danda’u.
Hunda isaanii irra kan jiru qadaa baasuu qofa. Dubartiin ulfaati fi isiin hoositu
garuu kan sooma hiikte miidhaa daa’ima irra ga’u sodaattee yoo ta’e, guyyaa
hiikte hundaaf qadaa baasutti dabaltee miskiina nyaachisuu qabdi. Namni
sababaa dullummaa fi dhibee hin fayyineetif soomuu dadhabe guyyaa soomaa
hunda miskiina nyaachisa malee qadaan isarra hin jiru. Namni qadaa irra jiru
odoo hin basin Ramadaanni biraa itti dhufe, qadaa qofa baasa. Garuu yoo
sababaa wahii malee odoo qadaa hin basin ture, qadaa wajjin guyyaa hanga
dhiisee sana hunda miskiina nyaachisuu qaba. Yoo sababaa fudhatama qabuuf
138
qadaa odoo hin basin du’e garuu homtuu isarra hin jiru. Yoo sababaa
fudhatama qabu hin qabaatin garuu hanga guyyaa inni hin soominii miskiina
irraa nyaachisuu barbaachisa. Sooma qadaa Ramadaanaa kan inni sababaa
malee dhiise fi sooma nazrii irraa soomu fira isaa irratti sunnaadha. Nazrii
hunda irraa geessun ibaadaa isaaf ta’a. Namni sababaa fudhatama qabuun
hiikee ergasii guyyaa sooma Ramadaanaa keessa sababichi irraa deeme yeroo
sana irraa uf qabuun isa qabata. Guyyaa soomaa keessa odoo sooma hiikee jiru
kaafirri yoo sallame, dubartiin dhiiga xurii qabdu yoo qulqulloofte,
dhukkubsataan yoo fayye, namni imalarra ture yoo gara biyyaa deebi’e,
ijoollen yoo umrii ga’eessaa irra ga’an, maraatan yoo sammuun fayye, odoo
yeroo hafe soomanillee qadaa baasun isaan qabata. Namni Ramadaana hiikuun
isaaf hayyamame, isa keessa waan biraa soomun isaaf hin ga’u.
Sooma Dabalataa (Taxawwu’aa): Irra caalan isaa guyyaa tokko soomanii
guyyaa tokko hiiku dha; ergasii sooma guyyaa wiixataa fi khamisaa ti; ergasii
sooma ji’a ji’aan guyyoota sadi soomamu (innis kan caalu “ayyaamul biid”,
jechuun guyyaa 13ffaa, 14ffaa �i 15ffaa ji’oota baatin lakkaa’amanii soomu dha).
Guyyoota irra hedduu ji’oota Muharramii fi Sha’abaan, guyyaa Ashuraa, guyyaa
Arafaa, Shawwaal irraa guyyota jaha soomun sunnaadha. Ji’a Rajab kophaa
baasun, guyyaa jimaata fi sanbataas sooman adda gochuun, guyyaa shakkii
(jechuun guyyaa 30ffaa ji’a Sha’abaan yoo wanti haguugu hin jiraatin) soomun
jibbamaadha. Guyyaa Iida fixrii, guyyaa Iida adihaa fi “ayyaamu attashriiq” ykn
guyyoota sadan Iida adihaa booda jiran, yoo nama qalmi “tamattu’aa” ykn
“qiraanaa” isarra jiru ta’e malee nama biraa irratti soomun haraama.
Yaadachiisota:
Namni hadasni guddaan akka janaabaa, xurii fi dhiiga dahaa irra jiru yoo
fajrii dura qulqulloofte, dura suhuura nyaattee erga azaanni fajrii jedhamee
booda dhiqachuun isiif ga’a; soomni isiis sirrii dha.
Dubartiin xurii isii tursiisun ibaadan muslimootatti makamuuf jecha Ramadaana
keessa dawaa fudhachuu ni daneessi, yoo rakkoo isirra geessu hin jiraanne.
Namni soomu gorora ykn aakkee garaa keessaa liqimsuun isaaf ga’a.
Nabiyyiin () akkana jedhu: “Ummanni kiyya hanga fixrii sardamsiisanii fi
suhuurii duubatti harkisanitti kheeyrii irra jiraatu.” (Ahmad) Ammas nabiyyiin
() akkana jedhu: “Amantiin ol aantummaa irraa hin deemu; hanga namoonni
hiikkaa soomaa (fixrii) sardamsiisanitti; kunis waan yahuudonnii fi
kiristaanonni tursiisaniifi.” (Abuu Daawud)
Yeroo sooma furan du’aa’ii kadhachuun jaallatamaadha. Nabiyyiin ()
akkana jedhu: “Nama soomeef yeroo hiiku da’awaa (du’aa’ii) hin deebinetu
jira.” (Ibni Maajah) Du’aa’iwwan yeroo fixrii godhaman keessaa “Dheebuunis
deeme, hiddi dhiigaa jiidhe, ajriinis mirkanaa’e, yoo Rabbi jedhe” (Abuu Daawud)
kan jedhu isa tokko.
Sunnaan sooma teemira asheetaan (ruxabaatti) furuudha. Yoo hin argamin
temira bilchaatatti furuudha. Yoo kunis hin argamin bishaaniin furuun
barbaachisaadha.
139
Namni soomaa jiru kilaafa irraa fagaachuuf jecha ija kuulachuu, ija ykn
gurra keessatti waan jiidhu cobsuu fi kkf irraa fagaachuu qaba. Yoo isa
barbaachise fkn akka yaalaa homaa hin qabu; odoo mi’aan dawaa gara kokkee
isaa ga’ellee soomni isaa sirrii dha.
Yeroo soomarra ta’an hunda ilkaan rigachuun sunnaadha, yeroon inni
jibbamu hin jiru.
Namni soomu hamii, nama addaan kutuu, sobaa fi kkf irraa fagaachuu qaba.
Yoo namni isa arrabse ykn tuqe ‘ani sooma qaba' haa jedhu. Arraba isaati fi qaama
isaa kan biraa cubbuu irraa tiksuun sooma isaa tikfata. Nabiyyiin () akkana
jechuun isaanii gabaafameera: “Namichi kijibaa fi hojii dharaa hin dhiisin,
nyaataa fi dhugaatii isaa dhiisuu isaa irraa Rabbiin dhimma hin qabu.” (Ahmad)
Namni gara nyaataatti affeerame yoo sooma qabaate nama isa affeere
sanaaf du’aa’ii haa godhu; yoo sooma hin qabaatin haa nyaatu.
Halkan leeylatul qadrii waggaa keessatti isii sadarkaa guddaa qabdu.
Guyyota kudhannan xumura ji’a Ramadaanaa keessa akka argamu
akeekameera. Keessattuu halkan diigdamii torbaffaa akkaan shakkama. Hojiin
gaarin isii keessatti hojjatamu hojii gaarii ji’oota kuma tokko keessatti
hojjatamu caala. Mallattoowwan adda addaa qabdi. Barii sanaa aduun adii
cooraa baay’ee hin qabne taatetiin baati. Qilleensi isaas tasgabbaayaadha.
Muslimoonni odoo hin beekin isii argachuu danda’u. Wanti isarraa
barbaadamu Ramadaana keessa ibaadaa irratti cimuudha; keessattuu,
guyyoota kudhannan xumuraa keessa. Halkan hunda sagadni halkanii
(qiyaamu ramadaan) akka jalaa hin darbine futunuu barbaachisa. Taraawiiha
jama’aan yoo sagade, hanga imaamni sagada taraawihaa guutuu guututti
xumurutti irraa gara hin galin; akka halkan guutuudhaabachuun isaaf
katabamu jechuudha.
Namni sooma dabalataa kan waajiba hin ta’in keessa seene, guutun
sunnaadha; garuu dirqama hin qabaatu. Yoo beekaa balleesses garuu rakkoo
hin qabaatu; qadaanis isarra hin jiru.
I’itikaafa: Hiikni isaa namni muslimaa kan sammuun guutuu qabu ibaadaa
niyyatee masjiida keessa taa’u dha. Namichi I’itikaafa godhu hadasa guddaa
irraa qulqulluu ta’uu qaba. Namni I’itikaafa irra jiru yoo wanti irraa hafuu hin
dandeenye kan akka nyaataa, mana fincaanii seenuu, dhiqannaa waajibaatif
ta’e malee masjiida irraa ba’uu hin qabu. Yoo dhimma cimaaf malee
masjiidarraa ba’ee fi qunnamtii saalaa godhe I’itikaafni isaa ni bada. I’itikaafni
yeroo hunda sunnaadha; Ramadaana keessaa garuu irra jabaata. Guyyoota
kurnan dhumaa ammoo akkaan jabaata. Yeroon isaa kan irra xiqqaa sa’aatii
tokko. Garuu halkan tokkoo fi guyyaa tokkorraa gadi hirdhifamuudhabuun
isaa jaallatamaadha. Dubartiin hayyama abbaa warraa isiitin ala I’itikaafa
gochuu hin qabdu. Namni I’itikaafa irra jiru ibaada fi ajaja Rabbii raawwachuu
irratti sardamuu qaba. Wantoota “halaala” ta’an baay’isuu dhiisu fi waan
faaydaa homaatuu hin qabne irraa fagaachuu qaba.
140
HAJJII FI UMRAA
Umrii keessatti yeroo tokko Hajjii fi Umraa gochuun dirqama.
Ulaagaaleen dirqama isa taasisanis: 1) Islaamummaa; 2) Sammuun guutuu
ta’uu; 3) Umrii gaafatamaa irra ga’uu; 4) Bilisa ta’uu; 5) Dandeettii (waan
ittiin deemu fi galaa karaa) qabaachu dha. Dubartiin ulaagaa jahaffaa qabdi.
Innis: dhirsi isii ykn “mahramni” isii (firri yoomillee isii fuudhun hin
hayyamamneef) kan biraa isii waliin jiraachuu qaba. Hajjiin isiin mahrama
malee goote fudhatama ni qabaata; garuu isiin cubbamtuu taati. Namni odoo
ulaagaalee kanniin guutu hajjii odoo hin godhin du’e qabeenya isaa irraa wanti
hajjii fi umraa hirdhifamuu qaba. Kaafiraa fi maraatuun hajjiin isaanii
fudhatama hin qabu. Daa’imaa fi gabrichi garuu dirqama hajjii Islaamaa isaan
irraa hin baasu malee hajjiin isaanii fudhatama qaba. Namni daneessii hin
qabne kan akka hiyyeessaa liqaan yoo hajje hajjiin isaa fudhatama qaba.
Namni odoo dirqama ufii hin hajjin nama biraa irraa hajje, hajjiin inni
namarraa hajje tun dirqama mataa isaat irraa baafti.
Ihraama: Namni ihraama gochuu fedhe qaama dhiqachuun, qulqullaa’un,
shittoo dibachuun, uffata hodhamaa baasuun, marxoo tokkoo fi fooxaa tokko
kan adii fi qulqulluu ta’an uffachuun sunnaadha. Ergasii “Labbeeyka Allaahumma
umratan, (ykn hajjan, ykn hajjan wa umratan)” jechuun ihraama godha. Yoo
karaattin kutaa sodaate, “yoo wanti tokko karaatti na qabe, iddoon hiikkannaa
kiyyaa bakkuman itti qabame sana” jechuun ulaagaa kaa’achuu ni danda’a.
Sirni hajjii filannoo sadi qaba: Tamattu’a, Ifraada fi Qiraana jedhamu.
Sadarkatti kan caalu “tamattu’a”. Innis ji’oota hajjii keessa umraa niyyatanii
erga isa raawwatanii booda hiikkachuun waggama sana keessa hajjii
niyyachuudha. Ifraadni hajjii qofa niyyachuudha. Qiraanni ammoo lamaanuu
bakka tokko ykn dura umraa niyyatee ergasii odoo xawaafa umraatti hin
seenin hajjii isa keessa seensisuudha.
Namni hajjiif niyyate yoo yaabbii isaa gubbaa kore: “Labbeeyka Allaahumma
labbeeyka, labbeeyka laa shariika laka labbeeyka,innal hamda wanni’imata laka
laka wal mulka, laa shariika laka” haa jedhu. Baay’isee jechuuni fi sagalee ol
kaasanii jechuun jaallatamaadha. Dubartiin garuu sagalee ol fuudhuu hin qabdu.
Wantoota Nama Ihraaman Jiru Irratti Dhorgaman፡ Nama ihraama
qabu irratti wantoonni sagal ni dhorgamu: 1) Rifeensa haaddachuu 2) Qeensa
qorachuu 3) Dhiirri uffata hodhamaa uffachuu, garuu marxoo dhabee kofoo
yoo uffate, kophee banaa dhabee isa cufaa koronyoo gaditti muree yoo
godhate kaffaaraan homaatuu isarra hin jiraatu. 4) Dhiiraaf mataa
haguuggachuun; 5) Uffatattis ta’ee qaamatti shittoo dibachuu; 6) Bineensa
bosonaa kan nyaatamu dhandhooluu ykn adamsuu; 7) Nikaaha hidhachuu;
kun haraama; yoo raawwatame garuu waan bakka isa bu’u ykn “fidyaa” hin
qabu. 8) Fedha qunnamtii saalaa kan sana hojjachuu hin ta’iniin wal tuttuquu;
kana bakka buusuf ra’ee takka qaluu, ykn guyyaa sadi soomuu, ykn miskiinota
jaha nyaachisuudha. 9) Qunnamtii saalaa raawwachuu yoo ta’u, hiikkaa hajjii
isa jalqabaa dura yoo ta’e hajjiin ni bada. Garuu hajjicha raawwatee waggaa itti
aanu qadaa baasuu qaba. Kanaa wajjin gaala tokko qalee hiyyeeyyii Makkaan
141
keessa jiraniif qooduu qaba. Hiikkannaa hajjii isa jalqabaa booda yoo ta’e
garuu hajjichi hin badu; gaala tokko qaluu qaba malee. Umraa irra odoo jiru
qunnamtii saalaa namni raawwate garuu umraan isaa ni bada. Ra’ee tokko
qaluunis isarra jira. Umraa isaas yeroo biraa qadaa baasuu qaba. Waan
qunnamtii saalaatiin ala jiruun hajjiin ykn umraan hin badu. Kan olitti ibsame
hunda keessatti dubartiinis akkuma dhiiraati. Garuu uffata hodhame uffachuu
ni daneessi. guwaantii harkaatii fi niqaaba garuu uffachuu hin dandeessu.
Waan Bakka Buusan (Fidyaa)፡ Lamatti qoodama: 1)Fidyaa filannoo
irratti hundaa’e: kun fidyaa mataa haaduu, shittoo dibachuu, qeensa
qorachuu, mataa haguuguu fi dhiirri uffata hodhame uffachuu ti. Fidyaan
isaanii guyyaa sadi soomuu, ykn hiyyeessa jaha (tokko tokkoof walakkaa saa'ii
ykn kiiloo tokkoof walakkaa) nyaachisuu, ykn ra’ee takka qaluudha. Namni
bineensa al’oole ykn adamse horii manaa irraa yoo fakkaatan isa ajjeefamee
jiraate sana qaluu qaba. Yoo fakkaatan isaa hin jiraatin garuu gatii isaa kafaluu
qaba. 2)Fidyaa tartiiba irratti hundaa’e: Innis akka fidyaa namni tamattu’aa
fi qiraana godhe ra’ee qaluu, namni qunnamtii saalaa godhe gaala qaluu, yoo
hin argatin guyyaa sadi hajjii keessatti guyyaa torba ammoo yeroo biyyatti
deebi’e soomu ti. Kan qalamus ta’ee kan nyaachifamu haramatti hiyyeeyyii
haramaatif qofa.
Makkaan Seenuu፡ Namni hajjii godhu yeroo Makkaan seenu du’aa’ii
yeroo masjiidota seenan godhamu haa jedhu. Sana booda yoo mutamatti’a ta’e
xawaafa umraatin, yoo mufrida ykn qaarina ta’e ammoo xawaafa seensa
Makkaatin haa jalqabu. Kutaa isaa gidduu ceekuu isaa kan mirgaa
daangawwan isaa ceekuu isaa kan bitaa irra kaa’un dhagaa gurraacha (hajaral
aswad) irraa jalqabuun salaamtaa danda’u dhungatuun ykn gara isaa akeekun
“bismillaah, wallaah akbar” jedhee haa jalqabu. Marsaa hundaa irratti akkas
haa godhu. Ergasii Mana Rabbii (Beeytii) bitatti dhiisun al torba haa marfatu.
Marsaawwan sadan duraa keessa hanga danda’e fiigicha suutaa fiigun, kan
hafan keessa ammoo suutan haa deemu. Dhawaata qajeela “Ruknal Yamaanii”
ga’uun yoo danda’e haa salaammatu. Rukniiwwan lamaan (ruknal yamaani fi
hajaral aswad) giddutti “Rabbanaa aatinaa fidduniyaa hasanatan wafil
aakhirati hasanatan waqinaa azaabannaar” (Gooftaa keenya! Duniyaa
keessatti toltuu, aakhiraattis toltuu nuuf kenni; adaba ibiddaa jalaas nu
baraarsi) haa jedhu. Iddoo biraatti du’aa’ii barbaade haa godhu. Sana booda
yoo itti mijaa’e maqaama Ibraahiim duubatti raka’aa lama haa sagadu. Raka’aa
lamaan keessattis suurawwan “Kaafiruuni” fi “Ikhilaas” haa qara’u. Ergasii
baay’isee bishaan zamzam haa dhugu. Yoo itti tole gara hajaral aswad deebi’ee
haa salaammatu. Ergasii multazama biratti (iddoo gidduu hajaral aswadii fi
balbalaa jirutti) du’aa’ii haa godhu. Sana booda Safaa gubbaa koree “Isa
Rabbiin ittiin jalqabeen jalqaba” haa jedhu. Jecha Rabbii () kanas haa qara’u:
(Innas Safaa wal marwata min sha’aa’irillaahi faman hajjal beeyta awi’itamara
falaa junaaha aleeyhi an yaxxawwafa bihimaa waman taxawwa’a kheeyran
fa’innallaaha shaakirun aliim). Hiikkan isaas “Safaa fi Marwaan mallattoowwan
142
Rabbii irraayi, kanaaf namni beeytii hajjiif ykn umraaf deeme, isaan lamaan
irra xawaafa yoo godhe diliin isarra hin jiru. Namni kheeyrii dabalates, Rabbiin
abbaa galata guddaa, irra beeka dha.” ‘Allaahu akbar, laa ilaaha illallaah’
jechuunis gara Ka’abaa naanna’uun harka isaa ol kaasee Rabbiin haa kadhatu.
Sana booda hanga mallattoo magariisa bira ga’utti haa deemu. Ergasii hanga
mallattoo biraa bira ga’utti haa daddafu. Ergasii hanga Marwaa bira ga’utti
suuta haa deemu. Safaa irrattis akkasuma haa godhu. Ergasillee bu’ee akkuma
marsaa duraa keessatti dalage haa dalagu. Marsaawwan torbanuu haala
kanaan haa xumuru. Safaa irraa hanga Marwaa marsaa tokko yoo ta’u, Marwaa
irraa hanga Safaas marsaa biraa ti. Ergasii Rifeensa isaa haa gabaabsu; ykn haa
haadatu. Namni umraa tamattu’aa sana booda hajjii waan godhuuf, isaaf malee
warra biraatif haadachutu caala. Namni qiraana fi ifraada niyyate, xawaafa
seensa Makkaa erga godhee booda hanga guyyaa Iidaa jamratal aqabaa
darbutti ihraama isaa hin hiikkatu. Dubartiin xawaafa fi sa’ayii keessatti akka
dhiiraa hin fiigdu malee waan biraa keessatti akkuma dhiiraati.
Akkaataa Raawwii Sirna Hajjii፡ Gaafa guyyaan “tarwiyaa” (ji’a Zul-Hijjaa
gaafni saddeetii) ga’e namni hajjii hidhate hundi Makkaan iddoo qubate irraa
harramatee halkan saglaffaa achi buluuf gara Minaa deema. Barii guyyaa
saglaffaa erga aduun baatee booda waaree irratti gara Arafaa deema. Ergasii
yeroo aduun qixarra dabartu zuhri fi asrii walitti qabuuni fi gaggabaabsun
sagada. Iddoo waadii uranah jedhamu malee Arafaan hundi iddoo dhaabbataa ti.
Achitti jecha “Laa ilaaha illallaah wahdahuu laa shariika lahuu lahul mulku
walahul hamdu wahuwa alaa kulli sheey’in qadiir” (Rabbiin malee gooftaan haqaa
hin jiru; Inni tokkicha, hiriyyaa hin qabu; mootummaan kan Isaati, faaruunis
kanuma Isaati. Innis waa hunda irratti danda’aadha) haa jedhu. Du’aa’ii, tawbaa
fi gara Rabbii kajeeluu irratti haa jabaatu. Yeroo aduun dhiite, labbeeyka…
jechaati fi Rabbiin faarsaa tasgabbii fi suutan gara Muzdalifaa deebi’u. Muzdalifaa
yeroo ga’u maghriibaa fi Ishaa’ii walitti qabeeti fi gaggabaabsee haa sagadu.
Ergasii achuma bula. Sana booda sagada fajrii yeroo isaa kan jalqabaatti sagadee
hanga daalachatutti achuma keessa haa turu. Sanatti aanee odoo aduun hin ba’in
dura deebi’a. waadii Muhassir” iddoo jedhamu yeroo ga’an, yoo danda’e akkaan
haa daddafu. Ergasii gara Minaa deebi’ee jamratul aqabaa irraa jalqabuun
cirracha torba kan firii baaqelaa irra xiqqaa haa darbatu. cirracha darbatu hunda
wajjin “Allaahu akbar” haa jedhu. Yeroo darbatu harka isaa ol haa kaasu. Xirrachi
inni darbatu utubaa rukutuu yoo baates boolla keessa seenuu qaba. Yeroo
cirracha darbachuu jalqabe “Labbeeyka…” jechuu haadhaabu. Ergasii horii
qalmaa kan kennaaf fide haa qalu. Ergasii Rifeensa isaa haa haadu; ykn haa
gabaabsu. Yoo mijaa’e haadutu irra caala. Erga cirracha darbee Rifeensa
haaddatee booda wal-quunnamtii saalaa raawwachuu malee wanti biraa hundi
isaaf hayyamama. Kun hiikkata jalqabaa jedhama. Sana booda gara Makkaa
deebi’ee “Xawaafal Ifaadaa” haa godhu. Kun xawaafa waajibaa kan hajjiin isaan
malee hin guutamne. Nama tamattu’a niyyate ykn kan xawaafa seensa Makkaa
wajjin sa’ayii hin godhin yoo ta’e, sana booda Safaa fi Marwaa gidduu sa’ayii
143
1 Udihiyyaan sirna qalma gaalaa, horii gaafaa, hoolaa fi re’ee guyyaa hajjiiti guyyoota itti
aanan sadan (ayyaamut tashriiq) muslimoota dandeettii qabaniin raawwatamu.
145
Qabxiilee Bu’a-Qabeeyyii
Adda Addaa
Diliin: wantoota adda addaatiin haqamuu fi dhiifama godhamuu ni danda’a.
Isaan keessaa: tawbaa dhugaa, araara kadhachuu, wantoota gaggaarii
hojjachuu, balaa adda addaatin tuqamuu, sadaqachuu, du’aa’ii nama biraatin.
Yoo wanti Rabbiin isaaf hin araaramin kan hafe jiraate qabrii keessatti, ykn
guyyaa qiyaamaa, ykn ibidda jahannam keessatti adabamee sana irraa
qulqullaaya. Yoo tawhiida irratti du’e ergasii jannata seena. Yoo kufrii ykn
shirkii ykn nifaaqa irratti du’e ibidda jahannam keessa bara baraan jiraata.
Diliiwwanii fi cubbuun ilma namaa irratti dhiibbawwan qabu: A) Onnee
irratti: gara-jabeenya, gogiinsa, xiqqeenya fi dhukkuba isii dhaalchisuun
Rabbiin irraa isa fageessu. B) Amantii irratti: wantoota olitti ibsaman isa
dhaalchisuun ibaadaa irraa hoongessuun du’aa’ii ergamaa Rabbii (), kan
malaayikotaa fi mu’uminootaa akka hin arganne isa hoongessiti. C) Rizqii
irratti: rizqiin akka hin argamne, ni’imaan akka irraa adeemu fi mallaqni
barakaa akka dhabu godhu. D) Nama isaan raawwate irratti: umrii isaa
barakaadhabsiisu; jireenya isaa ni dhiphisu; wanta hunda jabeenya itti taasisu.
E) Dalagaa irratti: fudhatama isa dhabsiisu. F) Hawaasa irratti: ni’imaa
nageenyaa isa dhabsiisu; jireenya qaalessu; bulchitoota gara jabeeyyi fi
nyaaphaan akka hoogganaman isa taasisuu, rooba dhabamsiisuu fi kkf saaxilu.
Yaaddowwan jiran: onnee haara baafachiisun, gammachiisuni fi akka
hin yaaddofne gochuun fedha hundaa ti. Jireenyi gaariin sanaan argama. Kun
argamuuf sababaawwan amantiin, uumamaani fi dalagaan wal qabatantu jira.
Sababaawwan kanniin mu’umina malee namni biraa walitti qabachuu hin
danda’u. Sababaawwa kanniin keessaa gariin: 1) Rabbitti amanuu; 2) Wanta
ajajaman hojjachuu fi wanta dhoorgaman irraa fagaachuu; 3) Jechaan, hojiini fi
waan gaarii hunda gochuunif uumamatti tola ooluu; 4) Hojii fi barnoota
amantii fi duniyaa kan bu’a-qabeessa ta’een qabamuu; 5) Hojii fuula duraa
dhufuu fi isa dabretti yaadda’uu dhiisanii kan yeroo irra jiranii hojjachuu;
6) Zikrii Rabbii baay’isuu; 7) Ni’imaa Rabbii, isa ifaati fi dhokataas, irraa
haasa’uu; 8) Waa'ee duniyaa keessatti nama ofii olii ilaaluu dhiisanii nama ofii
gadii ilaaluu; 9) Sababaawwan yaaddoo fidan dhabamsiisuu fi isaan gammachuu
fidan argamsiisuuf yaalii gochuu; 10) Du’aa’iwwan ergamaan Rabbii ()
yaaddoo dhabamsiisuf itti fayyadamaniin Rabbiin () kadhachuu.
Qabxii Ijoo: Ibraahiim Alkhawaas (Rahimahullaah) akkana jedhu:
“Dawaan onnee wantoota shani. Isaanis፡ qur’aana xiyyeeffannaan qara’uu,
garaa duwwaa gochuu, halkan dhaabbachuu, obboroo ka’anii gara Rabbiitti
boohuu fi namoota gaggaarii wajjin taa’uudha.
Fuudha: Fuuni nama miira saalaa (shahwaa) qabu kan sagaagalummaa
hin sodaanne irratti sunnaa ta’a. Nama shahwaa hin qabneef ammoo
hayyamamaadha. Nama sagaagalummaa (zinaa) ufirratti sodaatu irratti
ammoo dirqama ta’a. Hajjii waajibaa irra dursa qaba. Dubartii ormaa
xiyyeeffannaan ilaalun dhorgamaadha. Miira saalaatiin yoo ta’e isii
manguddoos ta’e isii xiqqoo laalunis ta’ee isii waliin kophaa ba’uun
147
dhorgamaadha. Waan kun madda qoratamuu ta’uu danda’uuf. Ilma dhiiraa kan
areeda hin baasinis miiraan ilaaluun haraama.
Ulaagaalee Wal fuudhinsaa፡ 1) Warreen wal fuudhan lamaan ifatti
beekamuu: fkn gaafatamaan isii heerumtuu kan durba tokkoo ol qabu tokko
“ijoollee tiyya keessaa takka sitti heerumsiiseera” yoo jedhe hin ta’u. 2) Jaalala
dhirsa ga’eessaa fi sammuun fayyaa qabuu argachuu fi jaalala niitii bilisa
taatee fi sammuun fayyaa qabduu argachuu; 3) Waliyyiin jiraachuu: durbi uf
heerumsiisuu hin dandeessu. Itti gaafatamaa (waliyyii) isii qofatu isii
heerumsiisuu danda’a. Garuu yoo waliyyiin isii nama isiif madaalutti isii
heerumsiisuu dide malee. Dubartii tokko heerumsiisuu keessatti namni irra
mirga qabu abbaadha. Abbaa irra yoo ol dabre abbaa abbaa (akaakayyuu) isii
ti. Ergasii ilma isii ti. Yoo sanarra gadi bu’e ammoo ilma ilma isii ti. Itti aanee
obboleessa haadha fi abbaa ti. Ergasii obboleessa abbaan tokkoo ti. Achi booda
ilma obboleessaa,… bifuma kanaan itti fufa. 4) Ragaa: ragaan dhiira
amanamoo, ga’eeyyii fi sammuun fayyaa lama jiraachuu qaba. 5) Warreen wal
fuudhan lamaan waan wal fuudha isaanii dhorgan kan akka waliin hodhuu,
firummaa fi walitti hidhama fuudhaa irraa qulqulluu ta’uudha.
Wantoonni wal fuudha dhorgan bifa lama: Inni Jalqabaa: Kan yeroo
hundaa: Isaanis sadihitti qoodamu: 1) Firummaa foonii: Isaanis haadha, ol yoo
baates akkawoo, ergasii intalaa fi intala ilmaa yoo gadi buutes, obboleettiin
walumaa galatti, intala obboleettiitii fi intala ilmaa fi intala isii, intala
obboleessaa walumaa galatti, intaloota ilmaanii fi intaloota obboleessaa yoo gadis
bu’an, obboleettii abbaati obboleettii haadhaa yoo achi fagaatanis. 2)Firummaa
hoosisaatin: dhorgaan isaa wal fuudha keessatti akkuma kan fira fooniiti.
3)Firummaa Soddummaa: Isaan kun haadha niitii, akkayoowwan isii, niitota
namoota firummaan jarreen lamaanitti hidhamanii, intala niitii yoo gadi buutes.
Inni Lammaffaa: kan yeroo gabaabaa: kun bifa lama qaba: 1) Isa sababaa
walitti qabuutiin uumamu: akka obboleetti fi obboleetti ykn intalaa fi adaadaa
(obboleettii abbaa ykn haadhaa) walitti fuudhu; 2) Isa sababaa adeemuu
danda’uun dhoorgamu.kan akka haadha manaa nama kan biro.
Qabxii Ijoo: Abbaa fi haati ilma isaanii intala inni fedhii irraa hin qabne
akka fuudhu dirqisiisuu hin qabanu. Ilmis kanarratti isaanif ajajamuun
dirqamaa miti. Akka nama ajaja isaanii didettis hin lakkaa’amu.
Hiikkaa: Dubartii dhiiga xurii fi dahaa irra odoo jirtu ykn qulqullina
qunnamtii saalaa keessatti godhan keessa hiikuun dhoorgamaadha; yoo hiikes
fudhatama hin qabu. Sababaa malee niitii hiikuun jibbamaadha. Sababaan
ga’aan yoo jiraate garuu hayyamamaadha. Yoo waliin jiraachun rakkisaa ta’e
garuu hiikuun sunnaa ta’a. Hiikkaa keessatti ajaja abbaa fi haadhaa
fudhachuun dirqama hin ta’u. Namni niitii isaa hiikuu fedhe, hiikkaa tokkoo ol
hiikuun dhorgamaadha. Hiikuu kan qabus qulqullina isa keessa qunnamtii
saalaa hin raawwatin keessatti ta’uu qaba. Tokkoon erga hiikee booda hanga
iddaa isii fixattutti hiikkaa biraa itti dabaluu hin qabu. Niitiin hiikkaa deebi’uu
isii dandeessisu hiikamte, hanga iddaa isii guuttutti mana isii keessaa ba’uun
148
ykn dhirsi isii mana isaa keessaa isii baasuun dhoorgamaadha. Hiikkan kan
argamu arrabaan dubbachuuni malee yaaduu qofaan miti.
Kakuuwwan: Kakuu irratti kaffaaran waajiba kan ta’u yoo ulaagaaleen
afur guutamani. Isaanis: 1)Itti yaadanii kakachuu: kakuun odoo itti hin
yaadamin taphaaf arrabarratti kakatamu, kakutti hin lakkaa’amu. Kunis akka
haasaakeessa “wallaahi akkas miti!” ykn “Eeyye wallaahi akkasi!” jechuuti.
2)Waan fuundura ta’uun isaa malu irratti ta’uu: Waan dabre kan wallaalan
ykn shakkiin lubbuun isaa dhugo’oomsaa, ykn beekaa sobaan kan kakate (kun
kakuu gamuus kan jedhamuu fi isa diliiwwan gugurdoo irraa ta’e), ykn waan
fuundura ta’u irratti dhugaa itti fakkaatee shakkiin kan kakatuu fi boodarra
wanti sun faallaa sanaa ta’uun isaa kan ifa isaaf gale.
3)Kakataan fedhiin kakachuu: nama dirqamee kakate ta’uudhabuudha.
4) Kakuu isaa keessa deebi’uu: kunis waan dhiisuuf kakate dalaguu fi waan
dalaguuf kakate dhiisuudha. Namni yeroo kakatu ulaagaa waliin kaa’e
kaffaaraan waajiba itti hin ta’u. Kunis yoo ulaagaaleen lama guutamani:
1) Ulaagaan sun kakuun wal qabatee dhufuu; 2) Kakuu isaa ulaagaa sanaan
wal qabsiisuu yaaduu; fkn “Wallaahi, Inshaa’allaah” akka jechuuti.
Namni waan tokko irratti kakatee ergasii waan waan sana faallessu kan
caalmaa qabu arge, sunnaan kakuu isaatiif kaffaaraa baasee isa caalmaa qabu
sana dalaguudha.
Kaffaaraa kakuu: Kaffaaran isaa hiyyeeyyii kudhan nyaachisuu, ykn
uffisuudha. Nyaata yoo ta’e tokko tokkoon isaanii walakkaa saa'ii (kiiloo tokkoo
fi walakkaa) argachuu qabu. Yookan gabra bilisoomsuudha. Namni sana hin
argatin, guyyaa sadii walitti aansee soomuu qaba. Nama odoo hiyyeessa
nyaachisuu ykn uffisuu danda’uu soome, kakuun isaa irraa hin bu'u. Kaffaaraa
isaa odoo kakuu hin diigin dura yookaan sana booda gochuu ni danda’a. Nama
dhimma tokko irratti yeroo tokkoo ol kakate kaffaaraan tokko isaaf ga'a. Yoo
wanti inni irratti kakatu baay’ee ta’e garuu kaffaaraanis baay’achuu qaba.
Wareega፡ Bifoota wareegaa: 1)Wareega hin daangeffamin: kunis akka
‘yoo fayye Rabbiif wareega galcha’ jechuun bifa wareega galchuu odoo hin
ibsin cal’isuuti. Kanaaf yoo fayye kaffaaraan kakuu isarra jira. 2)Galchaa
dallansuu fi mormii: kun waan tokko hojjachuuf ykn dhiisuf yaadun silaticha
ulaagaa wahiitin wal qabsiisu dha. Fakkeenyaf ‘yoo si dubbise waggaa tokko
sooma’ akka jechuu ti. Namni wareega akkasii godhe waan irratti kakate
hojjachuu fi akkas jechuu isaatif kaffaaraa kakuu baasuu keessaa tokko
raawwachuu qaba. 3)Wareega hayyamamaa: kun ‘uffata kiyya uffachuu
Rabbiif jecha wareega gala’ akka jechuuti. Namni akkas jedhe uffata uffachuu fi
kaffaaraa kakuu baasuu keessaa tokko filachuu danda’a. 4) Wareega
jibbamaa: Fakkeenyi kana akka ‘niitii tiyya hiikuu irratti Rabbiif wareega gala’
akka jechuu ti. Nama kanaaf sunnaan kaffaaraa kakuu baasu fi waan irratti
wareega gale sana raawwachuudhabuudha. Garuu yoo raawwate kaffaaran
isarra hin jiru. 5) Wareega cubbuua: fkn. ‘ani hatuu irratti Rabbiif wareega
gala’ akka jechuuti. Wareega akkasii guutun dhorgamaadha. Kaffaaraa kakuu
149
baasuutu isarra jira. Yoo raawwate garuu cubbmaa ta’as; kaffaaraani isarra hin
jiraatu. 6) Wareega ibaadaa: Fakkeenyaf gara Rabbiitti dhiyaachuuf jecha ‘ani
akkanatti sagaduu irratti Rabbiif wareega galcha’ akka jechuuti. Yoo ulaagaa
wahiitin, fakkeenyaf akka fayyuu dhukkubsataatiin wal qabsiise, yoo ulaagaan
guutame wareegicha guutun dirqama ta’a. Yoo homaanuu wal hin qabsiisin
ammoo walumaa galatti guutuu qaba.
Hoosisa፡ wanta firuummaan haraama godhu mara hoosisnis haraama
godha. Kunis ulaagaaleen sadi yoo guutamani. 1) Aannan harmaa daya irraa
qofa kan argame ta’uu; 2) Hoosfni daa’imaa waggoota lamaan jalqaba dahaa
keessa ta’uu; 3) Hoosisni kun yeroo shan ykn sanaa ol ta’uun
mirkanaayuudha. Hoosisa kan jedhamu daa’imni harma qabatee hanga ofiin
dhiisutti turuudha malee quufuu jechuu miti. Hoosisa keessatti sooruunii fi
dhaaluun dirqama akka ta’an ragaan hin mirkanoofne.
Dhaammannaa፡ namni idaan ragaa hin qabne irra jiru tokko erga du’e
booda akka irraa kafalamu hiriyyaa isaa tokkotti dhaamuu dirqama qaba.
Nama qabeenya guddaa dhiisee du’eef garuudhaammannaan sunnaadha.
Qabeenya isaa irraa harka shan keessaa tokko hiyyeessa isatti dhihoo kan isa
hin dhaalleef yoo dhaame jaallatamaadha. Yoo hin ta’in hiyyeessaaf, aalimaaf,
nama gaariif (saalihaaf) dhaamuu ni danda’a. Hiyyeessi nama isa dhaalu
qabuuf dhaammannaan jibbamaadha. Garuu yoo namoonni isa dhaalan
dureeyyii ta’an hayyamamaadha. Nama ormaa isa hin dhaalleef harka sadii
keessaa tokkoo ol dhaamuun dhorgamaadha. Nama isa dhaaluuf garuu odoo
waan xinnoollee ta’ee, dhaamuun hin danda’amu. Garuu erga namni dhaalamu
du’ee booda namoonni isa dhaalan walii galanii hayyamuu ni danda’u. Namni
dhaammannaa godhe tokko ‘dhaammannaa kiyya deebfadhe, ykn diige, ykn
jijjiire, kkf’ jechuu isaatiindhaammannaan isaa ni diigamti. Seensa
dhaammannaa isaa irratti isa kanatti aanu katabuun jaallatamaadha:
(“Bismillaahir Rahmaanir Rahiim. Kun waan ebalu dhaammate. Inni Rabbii
tokkicha shariika hin qabne malee gooftan biraa akka hin jirre, Muhammadis
gabrichaa fi ergamaa Isaa akka ta’an, jannanni dhugaa akka ta’e, ibiddi dhugaa
akka ta’e, qiyaaman dhuftuu akka taate shakkiin isii keessa akka hin jirre,
Rabbiinis nama qabrii keessa jiru hunda akka kaasu ragaa ba’a. Maatii kiyya
irraa namoonni ani duubatti dhiise yoo mu’uminoota ta’an Rabbiin akka
sodaatan, gidduu isaanittis nagaa akka uuman, Rabbiif ergamaa Isaatifis akka
ajajaman dhaama. Waan Ibraahimii fi Ya’aquub ilmaan isaanitiif dhaaman
dhaamaf: “yaa ilmaan kiyya! Rabbiin amantii isiniif filatee jira; kanaafuu
muslima taatan malee hin du’inaa”.
Nabiyyii () irratti salawaata yeroo buusan, nagaa fi rahmata walitti
qabuuni fi tokkicha qofa irratti gabaabbachuudhabuun jaallatamaadha.
Namoota nabiyyoota hin ta’in irratti kophaa isaanii salawaata buusun
jibbamaadha. Fakkeenyaf Abuu Bakriif ‘Sallallaahu Aleeyhi Wassallam’ ykn
‘Aleeyhis Salaam’ hin jedhamu. Nabiyyoota biraatti aansanii walitti qabatti
“Allaahumma salli alaa Muhammadin wa’alaa aali Muhammadin
150
ta’eef.1
Yoo namni tokko iji isaa miidhaa akka geessiftu ykn sihrii hojjechuun isaa
beekame sodaachuun odoo hin ta’in uf eeguuf jecha irraa fagaachuu.
Yeroo waan nama ajaa'ibsiisu argan Rabbiin faarsuu fi Barakaa isaaf
kadhachuu; Nabiyyiin () akkana jedhu: “Namni lubbuu isaa, ykn qabeenya
isaa, ykn obboleessa isaa irratti waan jaalatu arge barakaa isaaf haa kadhatu;
waan miidhaan ijaa haqa ta’eef.” (Haakim) Barakaan kan kadhatamu
‘Baarakallaahu laka’ jechuuni malee ‘tabaarakallaahu’ jechuunii miti.
Sababaawwan sihrii irraa ufiin eegan keessaa tokko ganama ganama garaa
duwwatti teemira ajwaa jedhamu kan Madiinaa irraa ija torba torba nyaachuu.
Gara Rabbiitti kooluu galuu, Isarratti irkachuu, niyyaa Isatti toluu, ijaa fi
sihrii irraa Isatti maganfachuu, guyyaa hunda ganamaa fi galgala zikrii fi
Rabbiitti maganfachuu dhiisuu dhabuudha.2 Zikriiwwan kunniin hayyama
Rabbiitin sababaa lamaaf dhiibbaa dabaluu fi hirdhisuu qabaatu: 1) Wanti isii
keessatti dhufe haqaa fi dhugaa ta’uu fi hayyama Rabbiitin bu’a-qabeessa ta’uu
amanuu; 2) Yeroo arrabni isaa zikrii godhu gurri isaadhageeffachuu fi onneen
itti xiyyeeffachuu qaba. Kun du’aa’ii waan ta’ee fi du’aa’in ammoo onnee gaflaa
qabdu irraa fudhatama kan hin qabne akka ta’e nabiyyii () irraa waan
mirkanaa’ef jechuudha.
Yeroo Zikrii fi ta’awwuzni (Rabbitti maganfachuun) raawwatamu: Zikriin
ganamaa sagada fajrii booda jedhamti. Zikriin galgalaa ammoo sagada asrii
booda jedhamti. Namni yeroo sanatti zikrii gochuu dagate ykn dadhabe,
yeroma yaadatetti haa godhu.
Mallattoowwan Ijaan ykn waan biraatiin tuqamuu: Qur’aana keessa
dawaawwan dhukkuboota qaamaa fi dhukkuboota lubbuu (ruuhii) fayyisan
akka jiran gidduu haakima fayyaa hammayyaati fi ruq’yaa shari’aatti wal
dhabdeen hin jiru. Namni tokko dhukkuboota qaamaa irraa fayyaa yoo ta’e,
ijaa fi waan sana fakkaatun qabamuun isaa kan beekamu bowwoon mataa itti
deddeebi’uu, fuulli daalachaa'uu, afuuraa fi fincaanni itti baay’achuu, fedhiin
isaa dadhabuu, daangaa qaamaa irratti madaan ykn o’aa fi qorri mul’achuu,
onneen rukutuu, miira dhukkubbii kan dugdaa fi ceekuu lamaan jalatti
deddeebi’ee mul’atu, onnee irratti yaaddoonii fi dhiphinni baay’achuu, halkan
hirriba dhabuu, sodaa fi dallansuu hin baratamin mul’isuu, amuummachuu
baay’isuu, kophaa ta’uu jaallachuu, nama dadhabaa fi waa hifatu ta’uu, miirri
herribaa itti baay’achuu, dhukkuboota biraa kan ka’uumsi isaanii haakimaan
hin beekamneen rakkachuudha. Akkaataa jabinaa fi laafina dhukkubichaatin
mallattoowwan kunniin hundi ykn gariin mul’achuu danda’u.
Muslimni iimaanaa fi onneen isaa jabaa waswaasni isa hin seennee fi
mallattoowwan kanniin keessaa tokko arguu qofaan dhukkubaan qabame
1) Ogeessotni fayyaa hedduun akka ibsanitti dhukkubni harka sadii keessaa harki tokko sodaa
yaaddoo dhukkuba hin jirre lubbuurratti argamuuti kan dhugaan hin jirre.
2) akkuma kitaaba azkaaraa fuula 169 irratti ibsamee jirutti.
154
155
156
157
Hadiisota: H�Ÿ�Ó�–�í�Ì@ �Ê�c@ �·�Ó�ƒ�»€a@ �î�ä�»€a@ �l�â@ �·�Ó�ƒ�»€a@ �!a@ �fi�d�ç�cI - (As’alullaahal aziim Rabbal
arshil aziim an yashfiika)2 - al 7.
H�Ú�fl¸@ �Â�Ó�«@ �›�◊@ �Â�fl�Î@ �Ú�flb�Á�Î@ �Êb���Ó�ë@ �›�◊@ �Â�fl@ �Ú�flb�n€a@ �!a@ �pb�‡�‹�ÿ�i@ �⁄�à�Ó�«�cI (U’iizuka bikalimaatillaah
attaammaah min kulli Shayxaanin wahaammaah wamin kulli aynin
laammaah)3 - al 3.
(b�‡�‘�ç@ �â�Öb�Ã�̸@ �ıb�–�ë@ �⁄�˙b�–�ë@ ¸�g@ �ıb�–�ë@ ¸@ �Ô�œb�í€a@ �o�„�c@ �—�ë�a@ �êd�j€a@ �k�Á�á�c@ �êb�‰€a@ �l�â@ �·�Ë‹�€a) (Allaahumma
Rabban-naas azhibil ba’asa ishfi antash shaafii laa shifaa’a illaa
shifaa’uka shifaa’an laa yughaadiru saqaman)4 - al 3.
(b�Ë�j�ï�Î�Î@ b�Á�Ö�ä�i�Î@ b�Á�ä�y@ �È�‰�«@ �k�Á�á�c@ �·�Ë‹�€a) (Allaahumma azhib anhu harrahaa,
wabardahaa, wawasabahaa)5 - al tokko.
(�·�Ó�ƒ�»€a@�î�ä�»€a@�l�â@�Ï�Á�Î@�o�‹�◊�Ï�m@�È�Ó�‹�«@�Ï�Á@¸�g@�È�€�g@¸@�!a@�Ô�j�é�y) (Hasbiyallaahu laa ilaaha illaa huwa
aleeyhi tawakkaltu wahuwa Rabbul arshil aziim)6 - al 7.
(�Ÿ�Ó�”�â�c@ �!a@ �·�é�i@ �Ÿ�Ó�–�í�Ì@ �!a@ L�Ü�çb�y@ �Â�Ó�«@ �Î�c@ �è�–�„@ �›�◊@ �ä�ë@ �Â�fl�Î@ �Ÿ�Ì�á�˚�Ì@ �ıa�Ö@ �›�◊@ �Â�fl@ �Ÿ�Ó�”�â�c@ �!a@ �·�é�i) (Bismillaahi
arqiika min kulli daa’in yu’uziika wamin sharri kulli nafin aw aynin
haasidin Allaahu yashfiika, bismillaahi arqiika)7 - al 3.
Harka kee bakka dhukkubu irra keessee akkana jetta: (�!a@ �·�é�i)@ - (maqaa
Rabbiitiin) – al 3. Ergasii (�â�áb�y�c�Î@�Ü�u�c@b�fl@�ä�ë@�Â�fl@�Èm�â�Ü�”�Î@�!a@�Ò�å�»�i@�á�Ï�«�c) (A’uuzu bi’izzatillaahi
waqudratihii min sharri maa ajidu wa’uhaaziru) "sharrii waan natti
argamuu fi waan na sodaachisuurraa Guddina Rabbiitii fi dandeettii isaattin
maganfadha"– al 7.
Qabxiilee Ijoo፡
Ija hamtuu ilaalchisee wantoota hundee hin qabne kan odeeffaman fkn
fincaan nama ijaan tuqee dhuguu fi faanni nama miidhaa geessisee homaa hin
fayyadu kan jedhan dhugoomsuun hin ta’u.
Asmaa gogaa, sibiila, waraqaa fi kkf irraa hojjetanii akka ija hamtuun hin
tuqamne sodaachuun morma irratti rarraasuun hin hayyamamu. Nabi
Muhammad () akkana jedhu: “Namni waan tokko rarraafate gara isaatti
irkifama.” (Tirmiizii) Yoo qur’aana irraa ta’e ga’a moo hin ga’u jechuu isaa irratti
wal dhabdeen jira. Garuu kan caalu dhiisu dha.
“Maashaa’allh; baarakallaah” jedhanii barreessun, ykn fakkii seeyfii, ykn
billaa, ykn ijaa kaa’uun, ykn qur’aana konkolaataa keessa kaa’un, ykn
keewwatoota garii mana keessatti rarraasun, kun hundi ija hin deebisu. Inuma
asmaa rarraafachuun dhoorgame irraa ta’a.
1
"Inni Isa akka iimaana isaanii irratti iimaana dabalatan onneewwan mu’uminootaa keessatti
sakiinaa buuse. (48:4)
2
"Rabbii guddaa ta'en kadhadha Gooftaa Arshii guddaa kan ta'e inni akka si fayyisu"
3
"jechoota Rabbii guutuu ta'anittin si majanfadha sheeyxaana hundarraa ija komattuu
hundarraayis"
4
"Yaa Rabbi Gooftaa namaa kan taate dhukkuba dhabamsiisii, Fayyisaan si qofaa fayyisi
fayyinni dugduuba isaa dhukkubni hin jirre fayyina kan kee malee hin jiru"
5
"Yaa Allah gubaa ishee diilalla ishees dhukkuba ishees irraa deemsisi"
6
"Ga'aankoo Allaahi kan isa malee gooftaan haqaan gabbaramu hin jirre isarratti irkadheera
inni gooftaa Arshii guddaati"
7
"dhukkuba si rakkisu hundarraa maqaa Rabbiitiinan si waldhaana sharrii nafsee hundaarraa
ykn ija goomattuurraa Rabbitu si fayyisaa maqaa Rabbiitiinan si waldhaana"
158
DU'AA'II
Uumamni hundi gara Rabbii kajeelu, waan Isa bira jiru fedhu. Rabbiin
garuu isaan irraa uf ga’aa waan ta’eef isaanitti hin haajamu. Kanaaf
Rabbiin() du’aa’ii gabroota Isaa irratti dirqama godhee jira. Rabbiin ()
akkana jedha: (Nakadhaa isiniif awwaadhaa; isaan ibaadaa (du’aa’ii) kiyya
irraa boonan salphatoota ta’aniitin jahannam seenuf jiru)-40:60 Nabiyyiin ()
akkana jedhu: “Nama Rabbiin hin kadhanne Inni itti dallana.” (Ibni Maajah)
Kana malees Rabbi yeroo gabrichi Isaa Isa kadhatu ni gammada.
Namoota yeroo hunda Isa kadhatan ni jaalata; gara ofiittis isaan dhiheessa.
Sahaabonni nabiyyii () kana waan hubataniif waan dhiqqaa fi guddallee Isa
kadhachuu irraa duubatti hin jedhan ture. Waan tokkos uumama irraa hin
kadhatan ture. Kunis hariiroo isaan Gooftaa isaanii wajjin qabanii fi walitti
dhiheenya isaanii cimaa irraayi. Rabbiin () akkana jedha: (Yoo gabrichi kiyya
narraa si gaafate, ani itti dhihoodha jedhiin).2:186
Du’aa’in Rabbiin biratti sadarkaa guddaa qaba. Wanti Rabbiin () irratti
isarra iddoo qabu hin jiru. Du’aain qadaa’a Rabbillee ni deebisa. Yoo
ulaagaaleen isaa guutamanii fi wantoonni fudhatama isa dhabsiisan hin
jiraanne, Rabbiin du’aa’ii nama Isa kadhatee hunda isaaf dhaga'a. Kunis nama
Isa kadhateef waan sadan nabiyyiin () ibsan keessaa tokko isaaf kenna.
Nabiyyii()akkana jedhu: “Muslimni tokko yoo du’aa’ii diliini fi firummaa
kutuun isa keessa hin jirreen du’aa’ii godhe, Rabbiin () kanaan waan sadi
keessaa tokko isaaf kenna: ykn daddaffiin isaaf dhaga'a; ykn aakhiraatti ol
isaaf kaa'a; ykn hamtuu isa tuquuf jiru wahii isarraa deebisa. Sahaabonni
‘eegasuu baay’essinee haa goonuu? jennaan. ‘Eeyye, Rabbimmoo isin caalaa
baay’isee isinii kenna’ jedhaniin.” (Ahmad)
Bifa du’aa’ii: Du’aa’in bifa lama: 1)Du’aa’ii Ibaadaa: Kun ibaadawwan
akka sagada fi soomaa qabata. 2)Du’aa’ii Kadhaa fi Gaafii ti.
Wal Caalmaa Dalagaalee፡ Qur’aana qara’uu, zikrii gochuu fi du’aa’ii fi
kadhaa keessaa kamtu caala? Walumaa galatti qur’aana qara’uun hojii caalmaa
qabu. Ergasii zikrii fi faaruu Rabbiitu itti aana. Ergasii du’aa’ii fi kadhaa
Rabbiitu itti aana. Kun akka walii galaatti. Garuu yeroo tokko tokko inni gadi
aanu isa caalu irra yeroo barbaachisaa ta’utu jira. Fakkeenyaf guyyaa Arafaa
qur’aana qara’uu irra du’aa’ii gochutu caala. sagada waajibaa booda
zikriiwwan isaaf godhaman gochuutu qur’aana qara’uu irra caalmaa qaba.
Sababaalee Fudhatama Argachuu Du’aa’ii: Fudhatama argachuu du’aa’itiif
Sababaalee ifa galaa fi Sababaalee dhokatoo ta’antu jira. 1) Sababaalee Ifa
Ta’an: Hojiiwwan gaggaarii dursuu: Fakkeenyaf sadaqaa, wuduu’a, sagada,
gara qiblaa naanna’uu, harka ol fuudhuu, Rabbiin()waan Isaaf maluun
faarsuu, maqoota fi haallin Rabbii kan waan kadhatamu wajjin adeemanitti
fayyadamuu, fakkeenyaf yoo jannata kan kadhatu ta’e maqoota ni’imaa fi
rahmata Isaa ibsaniin kadhachuu, yoo nama miidhaa hojjatu irratti kadhatu
maqoota akka “Arrahmaan, Alkariim,…” dhiisee maqoota akka “Aljabbaar,
Alqahhaar,…” jedhaniin kadhachuudha. kana malees jalqaba, walakkaa fi
161
dhuma irratti nabiyyii irratti nagaa fi rahmata buusun, cubbuu ufii amananii
fudhachuun, ni’imaa Isaa irratti Rabbiif galata galchuun, yeroowwan caalmaa
qaban kan du’aa’in keessatti fudhatamu jedhamee shakkamuu fi ragaan
mirkanaa’e keessa Rabbiin kadhachuun sababaawwan fudhatama qabaachuu
du’aa’ii keessaa isa tokko. Yeroowwan du’aa’iin keessatti fudhatama argatu
jedhamanii shakkaman hedduu. Isaan keessaa: Guyyaa fi Halkan: yeroo
halkan dhumuuf harka sadi keessaa tokko hafu yeroo Rabbi()gara samii
duniyaa bu’u, gidduu azaana fi iqaamaa, wuduu’a booda, sujuuda keessa, yeroo
sagada irraa salaammatuuf ka’an, salaatota fardii booda, yeroo qur’aana
xumuran, yeroo lukkuun iyyu, imala irratti, du’aa’ii nama miidhan irra ga’ee,
du’aa’ii nama rakkatee, du’aa’ii abbaa fi haati ilmaaf godhan, du’aa’ii muslimni
obboleessa isaa kan muslimaatif bakka inni hin jirretti godhu, du’aa’ii yeroo
diinaan walitti dhufan godhamu. Torban Keessatti: guyyaa jum’aa
keessattuu gara galgalaa; Ji’a Keessatti: Ji’a ramadaanaa keessa yeroo
faxaranii fi obboroo keessa yeroo suhuraaf ka’an, halkan murtii (leeylatul
qadrii), guyyaa Arafaa; Iddoowwan Kabajamoo Keessatti: Walumaa galatti
masjiidota keessatti, Ka’abaa biratti, keessattuu multazima birattii fi maqaama
Ibraahiim()biratti, Safaa fi Marwaa gubbatti, guyyoota hajji keessa Arafaa,
Muzdalifaa fi Minaan keessatti, yeroo bishaan zamzam dhugan, kkf.
2)Sababaalee Dhokatoo: Du’aa’ii Dura: Tawbaa dhugaa dursisiisuu, miidhaa
fidan deebisuu, nyaanni, dhugaatiin, uffannii fi wanti keessa jiraatan waan
halaalan argatan irraa ta’uu, ibaadaa baay’isuu, wantoota dhorgamaa ta’an
irraa fagaachuu, wantoota shubhaa (shakkisiisaa) ta’anii fi wantoota lubbuun
feetu irraa of qabuudha. Yeroo du’aa’ii godhan: onneen itti yaaduu, Rabbiin
irratti amantaa guutuu qabaachuu, Rabbiin()irratti abdii jabaa qabaachuu,
gara Rabbiitti dhiyaachuu, gadi uf qabuu, Rabbitti cichuu, waan hunda gara
Isaatti irkisuu, gara waan biraa ilaaluu dhabuu fi Rabbiin akka kadhaa
keenyaaf deebii kennu dhugoomsuudha.
Wantoota Du’aa’ii Fudhatama Dhorgan: Yeroo tokko tokko ilmi namaa
Rabbiin kadhatee deebii dhaba; ykn deebiin isaa jalaa tura. Kun sababaa
baay’ee qaba. Isaan keessaa gariin: Waan Rabbiin malee jiru Isaa wajjin
kadhachuu; Du’aa’ii keessatti addaan fooyuu: kun akka odoo ibidda irraa
qofa maganfachuun ga’aa ta’ee jiru hoo’a, dhiphinnaa fi dukkana isii irraa
addaan babbaasanii Rabbitti maganfachuu ti. Du’aa’ii muslimni karaan ala
lubbuu ofii ykn nama biraa irratti kadhatu. Cubbuutti ykn firummaa
kutuurratti kadhachuu; Du’aa’ii fedha irratti rarraasuu: kun akka “yaa
Allaah! Yoo feete naaf araarami” jechuuti fi kkf. Deebii daddaffii eeguu:
kunis “Rabbiin kadhee ture garuu naaf hin awwaanne” akka jechuuti.
Du’aa’ii irraa hifachuu: kun hifatanii du’aa’ii gochuu dhiisu dha. Onnee
gaflaa keessa jiruun du’aa’ii gochuu; Rabbiin duratti adaba dhabuu:
Nabiyyiin()nama sagada isaa keessatti du’aa’ii godhu kan nabiyyii()irratti
nagaa fi rahmata hin buusin tokko dhaga’anii “kun jarjareera” jedhan. Ergasii
waamanii isaan ykn nama biraatiin “tokkoon keessan yeroo sagadu (du’aa’ii
162
1
“Yaa Allaah! Maqaa keetiinin du’ee ka’a”.
2
(Faaruun Rabbii erga nu ajjeesee booda nu jiraachiseef haa ta’u; ka’umsis garuma Isaatitti).
3
(Dallansuu Isaa, adaba Isaa, sharrii gabroota Isaa, kakaasuu Shayxaanaa fi dhiheenya isaa
(Shayxaanaa) irraa Jechoota Rabbii kan guutuu ta’anittin maganfadha).
4
(Yaa Allaah! Jallisuu ykn jallifamuu, salphisuu ykn salphachuu, miidhuu ykn miidhamuu,
gowwoomsuu ykn gowwoomfamuu irraa sitti maganfadha).
5
(Maqaa Rabbiitin, Rabbiin irratti irkadhe, Rabbiin malee malaa fi humni hin jiru).
6
(Maqaa Rabbiitin, nageenyi ergamaa Rabbiirra haa jiraatu, yaa Allaah diliiwwan kiyya naaf
araarami, balballan rahmata keetiis naaf bani) haa jedhu.
7
(Maqaa Rabbiitin, nageenyi ergamaa Rabbii irra haa jiraatu; yaa Allaah diliiwwan kiyya naaf
araarami; balballan qananii (tola)keetiis naaf bani) haa jedhu.
164
(Laa Ilaaha Illallaahul Aziimul Haliim. Laa Ilaaha Illallaahu Rabbul Arshil
Rakkoo
1
“Rabbii Guddaa Obsa-Qabaataa malee gooftaan haqaa kan biraan hin jiru. Rabbii Gooftaa
arshii guddaa ta’e malee gooftaan haqaa hin jiru. Rabbi Gooftaa samiiwwanii, Gooftaa dachii
fi Gooftaa arshii kabajamaa ta’e malee gooftaan haqaa hin jiru.”
2
(Allaahiin Allaahin Rabbii kiyya ani isatti waa tokkoyyuu hin qindeessu)
3
(Yaa Jiraataa barabaraa ani Rahmata keen birmachiifadha).
4
(Faaruun kan Rabbii guddaati)
5
(Yaa Allaah! Buusaa kitaabaa, oofaa duumessaa, daddafsiisaa herregaa, tuuta diinaa caccabsi.
Yaa Allaah! Isaan caccabsi; isaan raasi).
6
(Yaa Allaah! Waan Ati laafaa goote malee laafaan hin jiru; Ati gaddas yoo feete laafaa goota).
7
(Yaa Allaah! Ani yaaddo fi gadda, dadhabbii fi hifannaa, sodaattummaa fi don’ummaa, ba’aa
liqaatii fi namaan injifatamuu irraa sittin maganfadha).
8
(Yaa Allaah! Ani Shayxaana dhiiratii fi dhalaa irraa sitti maganfadha) jedha.
9
(Araara kee naaf keenni) jedha.
10
(Yaa Allaah! Sujuuda siif godheera; sitti amaneera; harka sitti kenneera. Fuulli kiyya Isa isa
uumeef kan isa bareecheefi, kan gurraa fi ija isaa baqaqseef sujuuda godheera. Rabbiin irra
tolchee uumaa ta’e akkaan qulqullaa’e).
165
C@ �Í�ä�ç�Î@ �È�n�Ó�„˝�«�Î@ �Í�ä�Åe�Î@ �È�€�Î�c�Î@ �È�‹�u�Î@ �È�”�Ö@ �È‹��◊@ Ô�j�„�á@ Ô�€@ �ä�–�Àa@ �·�Ë�‹€aD “Allaahumma! Ighifir lii zanbii
Du’aa’iwwan Sujuuda
Keessatti Godhaman
kullahuu, diqqahuu wajillahuu, wa’awwalahuu wa’aakhirahuu,
wa’alaaniyatahuu wasirrahuu.”1
CÔ�€@ �ä�–�Àa@ �·�Ë�‹€a@ �⁄�Ü�‡�°�Î@ Ô�i�â@ �Ÿ�„b�z�j�çD @ “Subhaanaka Rabbii wabihamdika Allaahumma
ighifir lii.”2
CŸ�é�–�„@Û�‹�«@�o�Ó�‰�q�c@b�‡�◊@�o�„�c@�Ÿ�Ó�‹�«@�ıb�‰�q@Ô�ñ�y�c@¸@�Ÿ�‰�fl@�Ÿ�i@�áÏ�«�c�Î@�Ÿ�n�iÏ�‘�«@�Â�fl@�Ÿ�mb�œb�»�∂�Î@�Ÿ���Ç�ç@�Â�fl@�⁄b�ô�ä�i@�áÏ�«�c@@Ô�„�g@�·�Ë�‹€aD
“Allaahumma! Innii a’uuzu biridaaka min sakhaxika, wabimu’aafaatika min
uquubatika, wa’a’uuzu bika minka, laa uhsii sanaa’an aleeyka, anta kamaa
asneeyta alaa nafsika.”3
@�ú�Ó�i�˛a@�l�Ï�r€a@Û�‘�‰�Ì@b�‡�◊@�b�Ìb���Å@�Â�fl@�Ô�‰�‘�„@�·�Ë�‹€a@L�lä�ÃΩaÎ@�÷�ä�í�Ωa@�¥i@�pÜ�«b�i@b�‡�◊@�b�Ìb��Å@�Â�Ó�i�Î@�?Ói@�Ü�«b�i@�·�Ë�‹€aD
Du’aa’ii =CÖ�ä�j€a�Î@�w�‹r€a�Î@�ıb�‡�€bi@�Ô�‰�‹�é�Àa@�·�Ë�‹€a@L�è�„Ü� €a@�Â�fl
Istiftaahaa “Allaahumma! Baa’id beeynii wabeeyna khaxaayaaya, kamaa baa’adta
(Jalqaba beeynal mashriqi wal maghribi. Allaahumma! Naqqinii min khaxaayaaya,
Sagadaa) kamaa yunaqqas sawbul abyadu minaddanasi. Allaahumma! Ighisilnii bil
maa’i, wassalji, wal baradi.”4
C�·Ó�y�ä€a@�âÏ�–�Ã�€a@�o�„�c@Ÿ�„�g@Ô�‰�‡�y�âa�Î@�⁄�Ü�‰�«@�Â�fl@�Ò�ä�–�Ã�fl@Ô�€@�ä�–�Àb�œ@�o�„�c@¸�g@�lÏ�„�à€a@�ä�–�Ã�Ì@¸�Î@a�7�r�◊@b�‡�‹�√@Ô�é�–�„@�o�‡�‹�√@Ô�„�g@�·�Ë�‹€aD
Dhuma
“Allaahumma! Innii zalamtu nafsii; zulman kasiiran; walaa yaghfiruz
Sagadaa
zunuuba illaa anta faghifir lii; maghifiratan min indika; warhamnii
Irratti
innaka antal ghafuurur rahiim.”5
C@ �Ÿ�m�Öb�j�«@ �Â�é�y�Î@ �⁄�ä�ÿ�ë�Î@ �⁄�ä�◊�á@ Û�‹�«@ Ô�‰�«�c@ �·�Ë�‹€aD “Allaahumma! A'innii alaa zikrika;
Sagada washukrika; wahusni ibaadatika.”6
Booda =C�ä�j�‘�€a@�la�à�«�Î@�ä�‘�–�€a�Î@�ä�–�ÿ�€a@�Â�fl@�Ÿ�i@�áÏ�«�c@Ô�„�g@�·�Ë�‹€aD “Allaahumma! Innii a’uuzu bika minal
kufri; wal faqri; wa’azaabil qabri.”7
Namni isa tola isaaf oolen “jazaakallaahu kheeyran” (Rabbiin mindaa
Nama Tola
caalu siif haa kennu) jedhe, galata galchuu keessatti daangaa ga’eera.
Hojjateef
Sunis “wajazaaka” ykn “wa’iyyaaka” (siifis) jechuun deebisa.
@Cb�»�œb�„@b�j�Ó�ï@�·�Ë�‹€aD “Allaahumma! Sayyiban naafi’an”8- jedha al lama ykn sadi.
Yeroo
Ergasii =C�È�n�‡�y�â�Î@!a@�›�ö�–i@b�„�ä���fl D “Muxirnaa bifadlillaahi warahmatihii”9 jedha.
Bokkaa
Sana booda waan fedheen Rabbiin kadhata. Du’aa’in yeroo roobu
Argan
kadhatamu fudhatama qaba.
Yeroo CÈi@o‹çâ�c@bfl@�ä�ëÎ@bËÓœ@b�fl@�ä�ë�Î@b�Á�ä�ë@�Â�fl@�Ÿi@�áÏ«cÎ@LÈi@o‹çâc@bfl@7ÅÎ@bË�Óœ@b�fl@7ÅÎ@b�Á�ä�Ó�Å@Ÿ€dçc@Ô„g@�·Ë‹€aD
Habombole “Allaahumma! Innii as’amiilla kheeyrahaa; wakheeyra maa fiihaa;
ettiiin wakheeyra maa ursilat bihii. Wa’a’uuzu bika min sharrihaa; washarri
Bubbisu maa fiihaa; washarri maa ursilat bihii.”10
1
(Yaa Allaah! Cubbuu kiyya hunda xiqqaa fi guddaas, isa jalqabaa fi dhumaas, isa ifa bahaa fi
iccitiis naaf araarami).
2
(Ati qulqulloofte Gooftaa kiyya! Faaruu keetiinis. Yaa Allaah! naaf araarami).
3
(Yaa Allaah! Ani jaalala keetin dallansuu kee irraa sitti maganfadha; dhiifama keetinis adabbii
kee irraa sitti maganfadha. Simaan sirraa sitti maganfadhas. Tola kee sitti lakkaa’uu hin
danda’u. Akkuma Ati ofirratti lakkoofte sani).
4
(Yaa Allaah! Anaa fi dilii kiyya gidduu addaan nufageessi; akkuma bahaa fi dhiha addaan
fageessitetti. Yaa Allaah! Akkuma uffanni adiin xurii irraa qulqullaa’utti diliiwwan kiyya
irraa na qulqulleessi. Yaa Allaah! Bishaanin, fixeensaa fi cabbiin narraa dhiqi).
5
(Yaa Allaah! Ani lubbuu tiyya miidhaa guddaa miidhee jira; si malee cubbuu kan araaramu
hin jiru; kanaaf araara si biraa ta’e naaf araarami; rahmatas naaf godhi; ati akkaan namaaf
araaramuufi, rahmata namaa godhu waan taateef).
6
(Yaa Allaah! Zikrii kee irratti, galata kee irrattis, ibaadaa kee tolchuu irrattis na gargaari).
7
(Yaa Allaah! Ani kufrii, hiyyummaa fi adaba qabrii irraa sitti maganfadha).
8
(Yaa Allaah! Rooba faayidaa qabu taasisi)
9
(Arjummaa fi rahmata Rabbiitin rooba arganne)
10
(Yaa Allaah! Toltuu isii, toltuu waan isii keessa jiruuti fi toltuu waan isiin ittiin ergamtee si kadha.
166
@a�â�Ï„@�Ô€@�›�»�ua�Î@La�â�Ï�„@�Ô€@�·�ƒ�«�Î@La�âÏ„@�Ô�€@�·ƒ�«c�Î@La�âÏ�„@�Ôé–�„@ø@�›�»�ua�Î@La�âÏ�„@Ô�–�‹�Å@Âfl�Î@La�âÏ�„@Ô�flb�fl�c@Âfl�Î@La�âÏ�„@�Ô€b�‡�ë@�Â�«�Î@La�âÏ�„
Ca�â�Ï�„@�ä�í�i@�ø�Î@a�â�Ï�„@�ä�»�ë@ø�Î@La�âÏ�„@Ô�fl�Ö@�ø�Î@La�â�Ï�„@Ô�‡�z�€@�ø�Î@La�âÏ�„@Ô�j�ñ�«@�ø@�›�»�ua�Î@a�â�Ï�„@�?���«�c@�·�Ë�‹€a@La�â�Ï�„@�?�‹�»�ua�Î
“Allaahumma! Ij’al fii qalbii nuuran; wafii lisaanii nuuran; wafii sam’ii nuuran; wafii
basarii nuuran; wamin fawqii nuuran; wamin tahtii nuuran; wa’an yamiinii nuuran;
wa’an shimaalii nuuran; wamin amaamii nuuran; wamin khalfii nuuran; waj’al fii
nafsii nuuran; wa’a’izim lii nuuran; wa’azzim lii nuuran; waj’al lii nuuran; waj’alnii
nuuran. Allaahumma! A’ixiinii nuuran; waj’al fii asabii nuuran; wafii lahmii nuuran;
wafii damii nuuran; wafii sha’arii nuuran; wafii basharii nuuran.”6
Badii isii, badii waan isii keessa jiruuti fi badii waan isiin ittiin ergamtee irraa sitti maganfadha).
1
(Yaa Allaah! Ji’a kana nagaan, iimaanaan, tasgabbiin, nuhii Islaamummaarra nuu baasi. Ji’a
kheeyirii fi qajeelumaa nuuf taasisi. Gooftaan kiyyaa fi keetis Rabbuma).
2
(Amantii kee, amaanaa keeti fi dhuma dalagaa keetii Rabbittin siif kenna) jedha.
3
(Rabbii amaanan Isaa hin miidhamnetti isin kennadha) jedha.
4
(Rabbi waa hunda caalaa Guddaadha; Rabbi waa hunda caalaa Guddaadha; Rabbiin
Guddaadha. “Inni (yaabbii) kana nuuf laaffise qulqullaa’e; nutis gara Gooftaa keenyaa
deebi’uuf jirra.” Yaa Allaah! Imala keenya kana irratti hojii gaarii (birrii) fi sodaa Rabbii
(taqwaa), dalagaa irrallee waan jaalattu si kadhanna. Yaa Allaah! Imala keenya kana mijaa’aa
nuuf godhi; fageenya isaas nuuf gabaabsi. Yaa Allaah! Ati imala irratti hiriyyaa, maatii irratti
bakka bu’aadha. Yaa Allaah! Ani rakkoo imalaa, jijjiirraa yaadaa, qabeenya fi maatii irratti
hamtuun deebi’uu irraa sitti maganfadha.
5
(tawbattoota, Rabbiin gabbartoota, Gooftaa keenyaf galata galchitoota taanee deebine) kan
jedhu itti dabala.
6
(Yaa Allaah! Onnee tiyya keessa ifa, arraba kiyya keessas ifa, gurra kiyya keessas ifa, ija tiyya
keessas ifa, gubbaa kiyyas ifa,jala kiyyas ifa, mirga kiyyas ifa, bitaa kiyyas ifa, fuul-dura kiyyas
ifa, dug-duuba kiyyas ifa naa taasisi, lubbuu tiyya keessattis ifa taasisi, ifa naaf guddisi; ifaa naa
guddisi; ifa naaf taasisi; ifa na taasisi. Yaa Allaah! Ifa naa kenni; hidda kiyya keessa ifa, foon
kiyya keessa ifa, dhiiga kiyya keessa ifa, Rifeensa kiyya keessa ifna, gogaa kiyya keessa ifa
taasisi).
167
@�Ÿ�ib�n�ÿ�i@�o�‰�fle@�Ÿ�Ó�€�g@¸�g@�Ÿ�‰�fl@b�v�‰�fl@¸�Î@�d�v�‹�fl@¸@�Ÿ�Ó�€�g@�Ú�j�À�â�Î@�Ú�j�Á�â@�Ÿ�Ó�€�g@�ä�Ë�√@�p�d�¶�c�Î@�Ÿ�Ó�€�g@�ä�fl�c@�o�ô�Ï�œ�Î@�Ÿ�Ó�€�g@Ô�é�–�„@�o�‡�‹�ç�c@�·�Ë�‹€a@D
@@C@�o�‹�ç�â�c@�à�€a@�Ÿ�Ó�j�‰�i�Î@�o�€�å�„�c@�à�€a
Du’aa’ii Yeroo Iddoo Hirribaa Qabatan
@�ä�fl�c@�›�ub�«@Zfib”@Îc@¿@�ä�fl�c@�Ú�j�”b�«�Î@Ô�ëb�»�fl�Î@Ô�‰Ì�Ö@Ô�œ@Ô�€@a�ä�Ó�Å@H@�È�‰�Ó�»�i@ �ÈÓ�‡�é�m@�·�q@I�ä�fl˛a@a�à�Á@�·�‹�»�m@�o�‰�◊@�Ê�h�œ@�·�Ë�‹€a@L�lÏ�Ó�Ã�€a
Du’aa’ii Istikhaaraa
@Ô�œ@�fib�”@�Î�c@¿@�ä�fl�c@�Ú�j�”b�«�Î@Ô�ëb�»�fl�Î@Ô�‰Ì�Ö@Ô�œ@Ô�€@�ä�ë@äfl˛a@a�à�Á@�Ê�c@�·�‹�»�m@�o�‰�◊@�Ê�g�Î@L�ÈÓ�œ@Ô�€@�⁄�âb�i@�·�q@Ô�€@�Í�äé� �Ì�Î@Ô�€@�Í�â�Ü�”b�œ@¿@�È�‹�ue�Î
”.�È�i@Ô�‰�ô�â@�·�q@�Êb�◊@�s�Ó�y@�ä�Ó�Ç�€a@Ô�€@�â�Ü�”a�Î@�È�‰�«@Ô�‰�œ�ä�ïaÎ@?«@�Èœä�ïb�œ@¿@�È�‹�ue�Î@�ä�fl�c@�›�ub�«
(Allaahumma! Innii astakhiiruka bi’ilmika, wa’astaqdiruka biqudratika,
wa’as’amiilla min fadlika, fa’innaka taqdiru walaa aqdiru, wata’alamu walaa
a’ilamu, wa’anta allaamul ghuyuub. Allaahumma! Fa’in kunta ta’alamu anna
haazal amra (dhimmicha maqaadhahuun) khayiran lii fii diinii, wama’aashii,
wa’aaqibata amrii (aajili amrii wa’aajilihii), faqdurhu lii, wayassirhu lii, summa
baarik lii fiihi. Wa’in kunta ta’alamu anna haazal amra sharrun lii fii diinii,
wama’aashii, wa’aaqibata amrii (fii aajili amrii wa’aajilihii), fasrifhu annii,
was’rifnii anhu, waqdur lii al-kheeyra heeysu kaana, summa raddinii bihii).5
1
“Yaa Allaah! Lubbu tiyya sitti kenneera; dhimma kiyyas gara kee dhiyeesseera, dugda kiyyas
gara kee dhiheesseera, sodaachaa fi gara kee kajeelaa. Gara kee malee kan itti deebi’an hin
jiru; sirraa duroomunis hin danda’amu. Kitaaba Ati buufte fi nabiyyii Ati ergitettis amaneera.”
2
(Faarun kan Rabbiiti; Isa nu nyaachise, nu obaase, nuuf ga’ee fi ufitti nu dhiheesseti. Meeqatu
kan waan isaaf ga’uu fi ufitti isa dhiheessu hin qabne jira).
3
(Yaa Allaah! Guyyaa gabroota kee kaaftu adaba kee jalaa na baraarsi).
4
(Yaa Allaah! Gooftaa kiyya Ati qulqulloofte; siin cinaacha kiyya lafa kaaye; siin isa kaasas.
Lubbuu tiyya yoo fudhatte, araaramiif; yoo deebiftee isii ergites, waan gabroota kee gaggaarii
ittiin tiiksituun isii tiiksi).
5
(Yaa Allaah! Ani beekumsa keetiinan si filachiifadha, dandeettii keetinan si dandeessifadha,
qananii kee irraan si kadha, Ati danda’aadha, ani garuu hin danda’u, Ati ni beekta, ani garuu
hin beeku, Ati irra beekaa waan fagoo jiruuti. Yaa Allaah! Dhimmi kun (dhimmicha ibsuu qaba)
amantii kiyyaaf, jireenya kiyyaa fi booddee kiyyaaf (ammattis ta’ee fuula duratti) gaarii yoo
naaf ta’e, naaf murteessi, naaf laaffisi, isa keessatti barakaa naaf godhis. Dhimmi kun amantii
kiyyaaf, jireenya kiyyaa fi booddee kiyyaaf (ammattis ta’ee fuula duratti) sharrii ta’uu isaa yoo
beekte narraa deebisi, anas isarraa na naannessi; eessattiyyuu kheeyrii naaf murteessi, ergasii
jaalala isaa naa kenni) haa jedhu.
168
@oÓ‘„@b‡◊@bÌb�®a@Âfl@È‘„Î@Ö5€aÎ@w‹r€aÎ@ıbΩbi@È‹éÀaÎ@È‹ÅÜfl@…çÎÎ@È€å„@‚ä◊cÎ@ȉ«@—«aÎ@Èœb«Î@ȪâaÎ@È€@ä–Àa@·Ë‹€a
Du'aa'ii nama du'eef
@laà«@Âfl@Íà«cÎ@Ú‰¶a@È‹ÅÖcÎ@ÈuÎã@Âfl@a7Å@buÎãÎ@È‹Ác@Âfl@a7Å@˝ÁcÎ@ÍâaÖ@Âfl@a7Å@aâaÖ@È€ÜicÎ@è„Ü€a@Âfl@úÓi˛a@lÏr€a
âb‰€a@laà«@ÂflÎ@5‘€a
godhamu
@ @.Ô‡Á@lbÁáÎ@Ô„åy@ı˝uÎ@âÜï@âÏ„Î@=‹”@…Óiâ@Êeä‘€a@›»£@Êc@⁄܉«
Yaaddoo
"nama tokko yaaddoon ykn gaddi tokko isa mudatee, yoo Allaahumma
inni Abduka wabnu abdika wabnu amatika naasiyatii biyadika maadin fiyya
hukmuka adlun fiyya qadaa'uka as'aluka bikulli smin huwa laka sammayita
bihi nafsaka aw allamtahu ahadan min khalqika aw anzaltahu fi kitaabika
awista'asarta bihii fii ilmilghayibi indaka an taj'alal qur'aanal'aziima rabii'a
qalbii wanuura sadrii wa jalaa'a huznii wazahaaba hammii.1 @
1
kan jedhu yoo ta'e, yoo yaaddoo isaatiif gadda isaa irraa deemsisee,bakka isaa gammachuu
yoo buuse malee hin hafu. Hiikni isaa "Yaa Allaah ani gabricha keeti ilma gabricha keetiiti, ilmi
garbittii keetiiti,sammuun koo harka kee jira,murtii narratti darbeera, murtiinkees murtii
haqaati, maqaakee hunda isaatiinan si kadhadha, kan ati ittiin of moggaafte, ykn kanati
uumamakee keessaa nama tokko kan barsiifte, ykn kitaaba kee keessatti kan ati buufte, ykn
beekumsa fagoo kan si malee homtuu bira gahuu hin dandeenye keessatti kan ati
hanbifatteenin si kadhaa, qur'aana kana qabbana qalbii akka naa gootu, akkasumas ifa qoma
kootii akka naa gootu, deemsisaa gadda kootii akka naa gootu,deemsisaa yaaddoo kootii akka
naa gootun si kadha yoo jedhe, Rabbi yaaddoo isaatiif gadda isaa sana irraa deemsisee,bakka
isaa gammachuu buusuuf malee hin hafu" jedhan.
169
35 Cubbuu ifa "Warra ifa baasee hojjete malee Ummatni koo hundi araarama
baasanii hojjechuu ni argatu"
36 Haalli baduu "Haalli namaa baduun, akkuma khalliin damma balleessu hojii
namaa balleessa"
37 Kennanii “Namni kennee gaabbu akka saree haqqistee haqqee isii deebiftee
gaabbuu arraabduuti.”
38 Ollaa miidhuu "Dubartii ollaa tokkotti sagaagaluurra dubartii kan biro kudhanitti
sagaagaluu wayya, mana kudhan kan biroo hatuutu mana ollaa
tokko hatuurra wayya".
39 Gara wantoota “Ilma Aadam irratti zinaa irraa qoodni isaa katabameera. Sana
haraama ta’anii argachuun isaas hin hafu. Kanaaf zinaan ija lamaanii laalu dha.
ilaaluu Gurris zinaan isaa dhageeffachuudha. Arrabnis zinaan isaa
dubbachuudha. Harkis zinaan isaa qabachuudha. Miillis zinaan isaa
deemuudha. Onneenis ni yaaddi; ni hawwiti. Kana kan
dhugo’oomsu fi kijibsiisu ammoo farjii dha.”
40 Dhiirri tokko "lilmoo sibiilaatiin mataarra waraanamuutu dubartii isaaf
dubartii isaaf halaala halaala hin taane tokko tuquurra isaaf caala"
hin ta'in tuquu "ani dubartii harkaan hin qabu"
41 Nikaaha “Ergamaan Rabbii () walgara dhoorganiiru.” Walgarri odoo
walgaraa mahriin jidduu hin jiraanne, namoonni lama intala isaanii jijjiirraan
walitti heerumsiisuudha.”
42 Nama “Namni du’e yoo iyyanii irratti booyan, sababaa irratti iyyameef
du’erratti guyyaa qiyaamaa ni adabama.” “Namni du’e yoo iyyanii irratti
iyyanii boo'uu booyan sababaa saniin qabrii keessatti adabama.”
43 Waan Rabbiin “Namni waan Rabbiin hin ta’iniin kakate, dhugaa kafare; ykn
hin ta’iniin Rabbitti waa qindeesse.”
kakachuu “Namni kakachuu fedhe Rabbiin haa kakatu; ykn haa cal’isu.”
44 Kakuu Kijibaa “Namni waa irratti kakatee saniin qabeenya muslimaa fudhate, isa
irratti daangaa dabree jira; Rabbi kan isa irratti dallanu ta’ee isaan
wal gaha.”
45 Bittaa fi gurgurtaa “Bittaa gurgurtaa keessatti kakuu baay’isuu irraa fagaadhaa;
keessatti meeshaa qaaleesseetin barakaa fuudhaa.”
kakachuu “Kakuun meeshaa ni qaalessa, barakaas ni kaasa.”
46 Kaafiratti “Namni namootatti fakkaate, innis isaanuma irraa ta’a.”
fakkaachuu “Namni warra nuun alaatti fakkaate, nurraa miti.”
47 Qabrii irratti “Ergamaan Rabbii () qabriitti aarsuu, irra taa’u fi irratti ijaaruu
ijaaruu irraa dhorganiiru.”
48 Nama ganuu fi “Guyyaa qiyaamaa yeroo Rabbi warreen jalqabaa fi boodaa walitti
gowwoomsuu qabu, namoota ganuun beekaman hundaaf alaabaan fannifamee
‘kun ganuu ebaluu ilma ebaluuti’ jedhama.”
49 Qabrii irra “Tokkoon keessan barbadaa ibiddaa irra taa’ee uffata isaa gubdee
taa’uu fixxee gara qaama isaa dabrutu qabrii gubbaa taa’uu irra isaaf caala.”
50 Nama yeroo inni ol seenu akka "namtichi akka namni ol ka'uuf barbaadu;
ol ka'aniif barbaadu abiddarraa qubsuma isaa qopheeffatu"
51 Sababaa ga’aan “Waa sadi kakadheen isinitti himaa qomatti qabadhaa….gabrichi
ala nama balbala kadhaa yoo ofirratti kan banu ta’e, Rabbi balbala
kadhachuu hiyyummaa itti banu malee hin hafu.” "namni baay'ifachuuf jecha
kadhatu kan inni kadhatu giimii ibaddaa waan ta'eef haa xiqqeefftu
ykn haa baay'ifatu"
184
52 Gabaa keessatti “Namni magaalaa jiru isa baadiyaa jiruuf hin gurgurin; wal hin
wal gowwoomsinas; namni tokko gurgurtaa obboleessa isaa irratti (bifa
gowwoomsuu dorgommiitin) hin gurgurin.”
53 Masjiida keessatti “Namni masjiida keessatti nama waan bade iyyaafatu arge,
waan bade ‘Rabbiin siif hin argamsiisin’ haa jedhuun; masjiidni kan
iyyaafachuu ijaarame kanaaf miti.”
54 Sheyxaana "Sheyxaana hin arrabsinaa, sharrii isaarraa Rabbitti maganfadhaa",
arrabsuu "Sahaabichi tokko()akka jedhe : Guyyaa tokko Rasuulli() na
uddeellatanii utuu deemanii horiin isaanii gufannaan, ani
'sheyxaanni haa badu'n jedhe achumaan Rasuulli()"bismillaah
jedhi malee akkas hin jedhin naan jedhan, ati yoo akkas jette
guddatee hanga manaa ga'ee, humna kootiinan akkas godhe" jedha
yoo bismillaah jettemmoo, xiqqaatee hanga titiisaa ta'a".
55 Busaa arrabsuu "Busaa hin arrabsin isiin akkuma buufaan sibiilarraa siillaa isaa
irraa kaasu, dilii namaa namarraa qulqulleessiti waan ta'eef".
56 Gara jallinaatti “Namni gara jallinnaatti nama waame, cubbuu irraa fakkaatuma
waamicha cubbuu namoota isa hordofaniitu isarra jira sun cubbuu isaanii
gochuu homaa hin hirdhisu.”
57 Dhugaatii “Ergamaan Rabbii () afaan qalqala (bishaan itti waraabamuu)
keessatti irraa dhuguu irraa dhorganiiru.” “Nabiyyiin () ijaajjanii dhuguu
wantoota irraas dhorganiiru.” “Meeshaa ittiin dhugan keessatti hafuura
dhorgaman baafachuu irraas dhorganiiru.”
58 Meeshaa “Meeshaa ziqiyaatiin ykn meetaatiin hin dhuginaa; hariiraa fi uffata
ziqiyaatin ykn isaan halloomes hin uffatinaa, kun duniyatti kan isaanii yoo ta’u
meetaatiin dhuguu aakhiratti ammoo keessani.”
59 Bitaan dhuguu “Isin irraa eenyullee bitaan hin nyaatin, bitaan hin dhuginis; waan
Shayxaanni kan nyaatu fi dhugus bitaan ta’eef.”
60 Nama “Namni kutu (kan firummaa kutu) jannata hin seenu.”
firummaa kutu
61 Nabiyyii () “Nama maqaan kiyya biratti ka’ee nagaa fi rahmata narratti hin
irratti nagaa fi buusin, funyaan isaa biyyeen haa tuqu.” “Don’i nama maqaan kiyya
rahmata biratti dhayamee odoo nagaa fi rahmata narratti hin buusin hafe.”
buusuu dhiisuu
62 Saree “Dhandhoollaaf ykn eegumsaaf odoo hin ta’in waan biraatif namni
guddifachuu saree guddise, kun guyyaa guyyaan mindaa isaa irraa qiiraaxa lama
hirdhisa.
63 Horii adabuu “Intaloon takka adurree hanga isiin duututti hiitee, sababaa saniin
ibidda seentee jirti.” “Wanta lubbuu qabu ilaamaa hin godhatinaa.”
64 Waan qillisu horii “warri saree fi qillisaan isaan keessa jiru maleekonni itti hin
irratti rarraasuu makaman.” “Qillisaan faaruu Shayxaanati.”
65 Nama utuu "Utuu gabrichi cubbuu dalaguu Rabbi waan inni barbaadu yoo kan
cubbuu kennuuf argite, hirraanfachiisee qabuuf akka ta'e bari" jedhee ka'ee:
dalaguu "isaan ergaa isaanitti dhufe hirraanfannaan balbala waa hundaa
qanansiifamu isaaniif bannee,yeroo isaan waan isaaniif kennameef gammadanii
gammachuu keessa dhidhiman akka tasaa isaan qabne, yeroo sana
abdii muratan" al-an'aam 44
66 Duniyaaf “Nama yaaddoon isaa duniyaa ta’e, Rabbi hiyyummaa ija isaa lamaan
dursa kennuu gidduu kaa'a, waan inni walitti qabes isarraa bittinneessa, duniyaa
irraas waan isaaf murtaa’e malee hin argatu.”
IMALA BARABARAA 185
KARAAN KEE GARA JANNATAA ykn GARA IBIDDAATI
Rabbi () akkana jedha:- “Yaa warra amantan! Rabbiin sodaadhaa lubbuunis
waan boriif dabarfatte haa ilaaltu.”
Qabrii: jalqaba qubannaa aakhiraati. Kaafiraa fi munaafiqaaf boolla ibiddaati.
Mu’uminaaf garuu caffee jannataati. Wantoota qabrii keessatti adabaaf nama
saaxilan keessaa: fincaan irraa akkaan qulqullaa’uu dhabuu, namoota walitti
naquu, qabeenya boojii irraa hatuu, kijibuu, sagada irraa rafuu, qur’aana irraa
fagaachuu, sagaagaluu (zinaa gochuu), saala fakkaataa wajjin qunnamtii saalaa
gochuu, dhala nyaachuu, liqaa (idaa) kafaluudhabuu fi kkf. Wanti kanarraa
nama baraarsu: hojii gaarii Rabbiif qofa hojjatamu, adaba Isaa irraa Rabbitti
maganfachuu, suuraa “Al-Mulk” (boqonnaa Mootummaa) qara’uu fi kkf.
Warreen adaba qabrii jalaa najaa ba’an: shahiida, nama karaa Rabbii irratti
qabsaa’u, nama guyyaa jum’aa du’e nam garaa dhukkubbiin du'eefi kkf.
Xurumbaa (garriin) Afuufamuu: kun gaanfa guddaa Israafiil afaanitti
qabatee yoom isa afuufuutti akka ajajamu eegu. Afuufaa rifachiisaa: Rabbi ()
akkana jedha: “Guyyaa gaafa keessa afuufamu sanas namni samiiwwan keessa
jiruu fi dachii keessa jiru nama Rabbi fedhe malee ni rifata.” Uumamni hundi ni
bada. Waggaa afurtama booda afuuffaan kaafamaa ni afuufama. Rabbi ()
akkana jedha: “Ergasii inni (gaafni) lammaffaa afuufamee yoos isaan
dhaabbatanii ilaalu.”
Kaafamuu:- Ergasii Rabbi () bokkaa roobsee qaamni ilma namaa lafee “ujba
azzanab” jedhamu irraa biqilee uumama haaraa hin duune ta’a. Kophee fi
uffatas ufirraa hin qabaatu. Maleeykotaa fi jinnis ni argu. Waan Dalagaa
turanirratti kaafamu.
Walitti qabama (Al-hashri):- Rabbi guyyaa guddaa likkiin isaa waggoota
kuma shantama ta’e sana keessa uumama herregaaf ni kaasa. Hundi akka
nama machaayee rifannaan guutama. Jiruun duniyaa sa’atii tokko itti fakkaatti.
Aduun hamma miilii gadi dhihaatti. Ilmi namaa akkaataa dalagaa isaatiindafqa
isaatiin liqimfama. Namoonni lallaafoonii fi isaan boonan achi keessatti wal
mormu. Kaafirris hiriyyaa isaa, Shayxaana isaa fi qaama isaa mormuutti seena.
Gariin isaanii garii abaaru. Namni miidhaa hojjate quba of ciniina. Jahaannam
funyoo kuma 70n harkifamti. Haada hunda maleeykota kuma 70tu harkisa.
Kaafirri yeroo isii argu nama biraatin lubbuu ufii baraarsuu ykn biyyee ta’uu
hawwa. Namni cubbuu hojjetemmoo: fknf kan zakaa dhoorgate qabeenyi isaa
ibidda ta’ee ittiin gubata. Namoonni boonan akka mixii ta’anii kaafamu. Namni
gane, kan boojii irraa hate fi saame ni saaxilama. Namni hate waan hate wajjin
kaafama. Wanti dhokate hundi ifa ba’a. Isaan Rabbiin sodaatan ammoo
rifannaan isaan hin argatu. Akka sagada zuhriitti irra cehu.
Shafaa’aa (Araarsifannaa):- Shafaa’an guddaan nabi Muhammad () qofaaf
yoo ta’u isa guyyaa walitti qabamaa uumama hundaaf akka adabni isaan irraa
kaafamuu fi herregaaf dhiyaatan gochuuf godhamu. Inni kan nama
hundaammoo nabiyyii fi warri biraas gochuu danda’u. Kunis akka
186
hirribaa miskii dha. Afaan isii lui’lu’aa fi yaaquuta. Biyyeen isii za’afaraani.
Balbala saddeet qabdi. Bal’inni balbala tokkoo deemsa guyyoota sadihii ti.
Sadarkaawwan 100 uf keessaa qabdi. Addaan fageenyi sadarkaawwan lama
gidduu hanga samii fi dachiiti. Sadarkaan ol aanan Firdawsi jedhama. Laggeen
isii achirraa maddu. Gubbaan isaa Arshii Ar-Rahmaanii. Laggeen isii damma,
aannan, dhugaatii fi bishaani. Holqa malee dhangala’u. Mu’uminni akka
fedhetti isaan dhangalaafata. Firiiwwan isii yeroo hunda kan jiran, Dhihoo kan
ta’anii fi ajajamoodha. Isii keessa dunkaana lui’lu’a irraa hojjatame, kan
bal’inni isaa miilii 60 ta’etu jira. Inni maddii hundatti warra qaba. Hunduu
dubra harmi isaanii guntuta ta’ee fi kuhliin miidhagan qabu. Shamarrummaani
fi uffanni isaanii hin dhumu. Fincaanun, haguuni fi xuriin qaama irraa bahuun
hin jiraatu. Filaan isaanii ziqiyaa irraa hojjatama. Dafqi isaanii miskii dha.
Dubartiin isii dubra bareeda umrii wal fakkaatu irra ta’anii fi harmi isaanii hin
kufini. Namni jalqaba isii seenu nabi Muhammad () fi nabiyyoota. Irra
xiqqaan nama isii seenuu nama waan tokko hawwee dachaa waan hawwee san
kudhan argatu. Tajaajiltoonni isii ijoollee barabaraan ijoollummaan irraa hin
deemne akka lu’ulu’aa hidhaan isaa hiikkatee tamsa'ee fakkaatu. Ni’imaa isii
keessaa irra guddaan Rabbiin () arguu, jaalala Isaa argachuu fi jannata
keessa yeroo hunda jiraachu dha.
189
190
191